Kitaabota
Faarfannaa
Kitaaba Tokkoffaa
1
Faarfannaa 1–41
Karaa Lamaan
Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine,
yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne,
yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.
Garuu inni seera Waaqayyootti gammada;
seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.
Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee
yeroo isaatti ija isaa kennu,
kan baalli isaas hin coollagnee ti;
wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.
 
Hamoonni garuu akkana miti;
isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti.
Kanaafuu hamoonni murtii dura,
yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan.
 
Waaqayyo karaa qajeeltotaa ni beekaatii;
karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.