9
Iyyoob
Iyyoob akkana jedhee deebise:
“Ani akka wanni kun dhugaa taʼe beeka.
Namni garuu akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?
Namni tokko yoo isa wajjin falmuu barbaade
kuma keessaa siʼa tokko illee isaaf deebisuu hin dandaʼu.
Ogummaan isaa gad fagoo dha; humni isaas guddaa dha.
Namni isaan mormee utuu hin miidhamin hafu jiraa?
Inni utuu isaan hin beekin tulluuwwan iddoo isaaniitii buqqisa;
dheekkamsa isaatiinis isaan gaggaragalcha.
Lafa iddoo isheetii ni sochoosa;
utubaawwan ishees ni raasa.
Inni biiftuu ni ajaja; isheenis hin baatu;
urjiiwwanis chaappaadhaan ni cufa.
Isa qofatu samiiwwan diriirsa;
dambalii galaanaa irras ni deema.
Urjiiwwan Amaaketaa fi urjii sadee,
Urjii torbii fi tuuta ‘Urjiiwwan Kibbaa’ jedhaman isatu uume.
10 Inni wantoota gurguddaa qoratanii bira gaʼuun hin dandaʼamne,
dinqiiwwan hin lakkaaʼamne hojjeta.
11 Yommuu inni na bira darbu ani isa arguu hin dandaʼu;
yommuu inni na cina deemus ani isa hubachuu hin dandaʼu.
12 Yoo inni butee deeme eenyutu isa dhowwuu dandaʼa?
Eenyutus, ‘Ati maal hojjettaa?’ isaan jechuu dandaʼa?
13 Waaqni dheekkamsa isaa hin deebisu;
warri Raʼaabin gargaaran iyyuu gad deebiʼu.
 
14 “Yoos ani akkamittan isatti falmuu dandaʼa?
Isatti falmuufis akkamittan dubbii filachuu dandaʼa?
15 Ani nama balleessaa hin qabne utuun taʼe iyyuu,
isaaf deebisuu hin dandaʼu;
abbaa Murtii koo araara kadhachuu qofa nan dandaʼa.
16 Yoo ani isa waammadhee inni naa deebise illee,
akka inni na dhagaʼu ani hin amanu.
17 Inni bubbee hamaadhaan na caccabsa;
madaa koos sababii malee natti baayʼisa.
18 Inni waan hadhaaʼaadhaan na guute malee
akka ani hafuura fudhadhuuf illee yeroo naaf hin kennine.
19 Waaʼee jabinaa taanaan inni jabaa dha!
Waaʼee murtii qajeelaas taanaan eenyutu isa waamuu dandaʼa?
20 Utuu ani nama balleessaa hin qabne taʼe iyyuu afaan koo natti mura;
utuma ani hirʼina hin qabaannes yakkamaa taʼuu koo hima.
 
21 “Ani hirʼina qabaachuu baadhu iyyuu,
waaʼee ofii kootii hin yaaddaʼu;
jireenya koos nan tuffadha.
22 Wanni hundinuu tokkuma;
kanaafuu ani, ‘Inni isa hirʼina hin qabnes,
isa hamaas ni balleessa’ nan jedha.
23 Yommuu dhaʼichi buʼee duʼa tasaa fidutti,
inni badiisa warra yakka hin qabneetti ni qoosa.
24 Yommuu lafti harka hamootaa jala galtutti,
inni ija abbootii murtii ishee ni jaamsa;
kun yoo isa taʼuu baate, egaa eenyu ree?
 
25 “Barri jireenya koo nama fiigu caalaa ariifata;
utuu gammachuu tokko illee hin argin darba.
26 Inni akkuma bidiruu dhallaadduu irraa hojjetamee,
akkuma risaa waa butachuuf gad barrisuu ariifata.
27 Yoo ani, ‘Guungummii koo nan dhiisa;
nyaara guuruus dhiisee nan seeqa’ jedhe,
28 ani amma iyyuu dhiphina koo hunda nan sodaadha;
akka ati akka nama balleessaa hin qabneetti na hin hedne nan beekaatii.
29 Erga yakkamaa taʼuun koo beekamee,
ani maaliifin akkasumaan dadhaba ree?
30 Utuma ani saamunaadhaan dhiqadhee
handoodeedhaanis harka koo qulqulleeffadhe iyyuu,
31 ati hamma uffanni koos na balfutti,
boolla keessa na dhidhimsita.
 
32 “Akka ani isaa deebisuu fi mana murtiittis wal falminuuf,
inni akka koo nama foonii miti.
33 Utuu namni nu lamaan irra harka kaaʼu,
kan gidduu keenyattis araara buusu tokko jiraatee,
34 utuu Waaqni ulee isaa narraa kaasee
silaa naasisuun isaa na hin sodaachisu ture.
35 Silaa ani utuun isa hin sodaatin nan dubbadhan ture;
haalan amma keessa jiruun garuu hin dandaʼu.