10
“Ani jireenya koo akka malee jibbeera;
kanaafuu caalchisee nan guunguma;
hadhaaʼummaa lubbuu kootiinis nan dubbadha.
Waaqaanis akkana nan jedha:
Ati maaliin akka na himattu natti himi malee natti hin murin.
Hojii jalʼootaa gammachuudhaan fudhattee
ana immoo yommuu cunqursitu,
hojii harka keetiis yommuu tuffattu sitti tolaa?
Ati ija foonii qabdaa?
Akka namni ilaaluttis ni ilaaltaa?
Barri kee akka bara namaatii?
Yookaan waggoonni kee akka waggoota namaatii?
Yoos ati maaliif balleessaa koo barbaaddee
cubbuu koo qoratta?
Taʼus ati akka ani yakka hin qabnee fi
akka namni harka keetii na baasu tokko iyyuu hin jirre ni beekta.
 
“Harki kee tolchee na uume.
Ati amma deebitee na balleessitaa?
Akka supheetti na tolchuu kee yaadadhu.
Ati amma gara biyyootti na deebiftaa?
10 Ati akka aannanii na hin dhangalaafnee?
Akka baaduus na hin itichinee?
11 Ati gogaa fi foon natti uffifte;
lafee fi ribuudhaanis walitti hodhitee na tolchite.
12 Ati jireenya naa kennitee gaarummaa natti argisiifte;
kunuunsi kees hafuura koo naa eege.
 
13 “Ati garuu waan kana hunda garaatti qabatte;
anis akka wanni kun yaada kee keessa jiru nan beeka.
14 Ati yoo ani cubbuu hojjedhe na argita;
balleessaa koos utuu hin adabin bira hin dabartu.
15 Yoo ani yakka hojjedhe, anaaf wayyoo!
Ani yoo nama balleessaa hin qabne taʼe illee,
mataa koo ol qabachuu hin dandaʼu;
ani salphina uffadhee
dhiphina keessa seeneeraatii.
16 Yoo ani mataa ol qabadhe ati akka leenca waa adamsuu na adamsita;
humna kee sodaachisaa sanas ammumaa amma natti argisiifta.
17 Ati dhuga baatota haaraa natti fiddee
dheekkamsa kee natti dabalta;
loltuus natti fidda.
 
18 “Egaa ati maaliif gadameessa keessaa na baafte?
Utuu iji tokko iyyuu na hin argin utuun duʼee.
19 Ani utuun dhalachuu baadhee
yookaan utuun akkuman dhaladheen awwaalamee jiraadhee!
20 Barri koo gabaabaan dhumaa jira mitii?
Akka ani yeroo xinnoof gammaduuf narraa deebiʼi;
21 utuu ani lafa dhaqanii hin deebine,
biyya dimimmisaa fi dukkana limixii hin dhaqin dura,
22 gara biyya dimimmisaaʼaa akka dukkanaa,
biyya gaaddidduu duʼaatiin guutame,
kan ifni iyyuu akkuma dukkanaa taʼee hin dhaqin, narraa deebiʼi.”