14
Gaaʼela Saamsoon
Saamsoon gara Tiimnaahitti gad buʼee durba Filisxeem tokko achitti arge. Yommuu achii deebiʼettis abbaa fi haadha isaatiin, “Ani Tiimnaahitti intala Filisxeem tokko argeeraatii na fuusisaa” jedhe.
Abbaa fi haatii isaa deebisanii, “Wanni akka ati Filisxeemota dhagna hin qabanne keessaa niitii fuutu si godhu firoota kee keessaa yookaan saba keenya hunda keessaa dubartiin dhabamteetii?” jedhaniin.
Saamsoon garuu abbaa isaatiin, “Isheetu naa taʼaatii ishuma naa fidi” jedhe. Abbaa fi haatii isaa akka wanni kun Waaqayyo biraa dhufe hin beekne; Waaqayyo karaa ittiin Filisxeemota dhaʼu barbaadaa tureetii. Yeroo sanatti Filisxeemonni Israaʼeloota gad qabanii bulchaa turan.
Saamsoon abbaa isaatii fi haadha isaa wajjin gara Tiimnaahitti gad buʼe. Akkuma isaan iddoo dhaabaa wayinii Tiimnaahi bira gaʼaniinis leenci saafelli tokko ittanaa isatti dhufe. Hafuurri Waaqayyoos jabinaan Saamsoon irra buʼe; innis homaa of harkaa qabaachuu baatu illee akkuma nama ilmoo reʼee tokko cicciruutti leenca saafela sana ciccire. Garuu waan hojjete sana abbaa fi haadha isaatti hin himne. Ergasii gad buʼee dubartittii wajjin haasaʼe; isheenis ija isaatti tolte.
Innis yeroo gabaabaa booddee yommuu ishee fuudhuuf achi deebiʼetti raqa leenca sanaa ilaaluuf of irra gara gale. Raqa leencichaa keessas tuunni kanniisaa guutee damma dammeessee ture; dammichas harka isaatti fudhatee nyaachaa karaa isaa itti fufe. Yommuu gara abbaa fi haadha isaa dhufettis damma sana irraa isaaniif kenne; isaanis ni nyaatan. Inni garuu akka damma sana raqa leencaa keessaa fuudhe isaanitti hin himne.
10 Ergasii abbaan isaa intalattii ilaaluuf gad buʼe; Saamsoon akkuma dargaggoonni yeroo fuudhanitti cidha godhatan sana achitti cidha qopheesse. 11 Yommuu inni achi dhiʼaatettis isa arganii amaamota soddoma isaaf kennan.
12 Saamsoonis akkana isaaniin jedhe; “Ani hibboo tokko isinitti nan hima; yoo isin guyyoota cidhichaa torban keessatti hiikkaa isaa argattan, ani wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame soddomaa fi uffata kittii soddoma isiniifin kenna. 13 Isin yoo hiikkaa isaa natti himuu dadhabdan wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame soddomaa fi uffata kittii soddoma naa kennitu.”
Isaanis, “Hibboo kee ni dhageenyaa nutti hima” jedhan.
14 Innis deebisee,
“Kan nyaatu keessaa wanni nyaatamu,
jabaa keessaa immoo wanni miʼaawu baʼe”
isaaniin jedhe. Isaanis hamma guyyaa sadiitti hibboo sana hiikuu hin dandeenye ture.
15 Isaanis guyyaa afuraffaatti niitii Saamsooniin, “Akka dhirsi kee hiikkaa hibboo kanaa nutti himuuf mee nuu kadhadhu; yoo kanaa achii nu siʼii fi mana abbaa keetii ibiddaan gubnaa. Ati nu saamuuf asitti nu waamtee?” jedhaniin.
16 Niitiin Saamsoonis fuula isaa duratti booʼaa “Ati na jibbiteerta! Ati dhugumaan na hin jaallattu. Ati saba koo hibboo gaafatteerta; garuu hiikkaa isaa natti hin himne” jetteen.
Innis deebisee, “Ani abbaa koottii fi haadha kootti iyyuu hin himne; egaa ani sitti himuu qabaa?” jedheen. 17 Isheenis guyyaa cidha sanaa torbanuu boottee isa rakkifte; innis sababii isheen ittuma fuftee boqonnaa isa dhowwiteef guyyaa torbaffaatti hiikkaa isaa isheetti hime. Isheen immoo hiikkaa hibboo sanaa saba isheetti himte.
18 Namoonni magaalaa sanaas guyyaa torbaffaatti utuu biiftuun hin lixin,
“Wanni damma caalaa miʼaawu maali?
Jabaan leenca caalu maali?” jedhaniin.
Saamsoonis,
“Utuu raada kootiin qotachuu baattanii,
isin silaa hibboo koo hin hiiktan ture” jedheen.
19 Kana irratti Hafuurri Waaqayyoo jabinaan isa irra buʼe. Innis gara Ashqaloonitti gad buʼee namoota magaalaa keessaa soddoma ajjeese; waan isaan qabanis irraa fudhatee namoota hibboo sana hiikaniif uffata kittii kenne. Aariidhaanis gubachaa gara mana abbaa isaatti deebiʼe. 20 Niitii Saamsoonis miinjee isaatti heerumsiisan.