15
Saamsoon Filisxeemotatti Haaloo Baʼe
Ergasii yeroo qamadiin walitti qabamutti Saamsoon korma reʼee xinnaa isaa fudhatee niitii isaa ilaaluu dhaqe. Innis, “Ani daree niitii koo nan seena” jedhe. Abbaan niitii isaa garuu eeyyamuufii dide.
Innis, “Ani waan ati ishee jibbiteerta jedhee dhugumaan amaneef miinjee keetti ishee heerumsiiseera; obboleettiin ishee quxisuun, ishee caalaa bareedduu mitii? Qooda sanaa ishee fudhadhu” jedheen.
Saamsoon deebisee, “Ani yeroo kanatti yoo miidhaa kam iyyuu Filisxeemota irraan gaʼe itti hin gaafatamu” isaaniin jedhe. Kanaafuu inni achii baʼee waangota dhibba sadii qabee lama lamaan eegee isaanii walitti hidhe. Eegee lamaan lamaan isaanii irrattis guca guduunfe; ibiddas itti qabsiisee qamadii Filisxeemotaa keessatti waangota sana gad lakkise. Midhaan haamamee fi kan hin haamaminitti akkasumas iddoo dhaabaa wayiniitii fi ejersaa guggube.
Yeroo Filisxeemonni, “Eenyutu waan kana godhe?” jedhanii gaafatanitti, “Saamsoon dhirsa intala namicha Tiimnaahi sanaatu sababii niitiin isaa miinjee isaatti jalaa heerumsiifamteef waan kana godhe” jedhamee isaanitti himame.
Kanaafuu Filisxeemonni ol baʼanii niitii Saamsoonii fi abbaa ishee gubanii ajjeesan. Saamsoonis, “Erga isin akkas gootanii ani hamma haaloo koo baafadhutti isin hin dhiisu” isaaniin jedhe. Akka malees isaan dhaʼee hedduu isaanii galaafate. Ergasii gad buʼee holqa kattaa Eexaam keessa jiraate.
Filisxeemonnis ol baʼanii naannoo Lehiitti faffacaʼanii Yihuudaa keessa qubatan. 10 Namoonni Yihuudaas, “Isin maaliif nu waraanuuf dhuftan?” jedhanii isaan gaafatan.
Isaanis deebisanii, “Nu Saamsoon hiinee waan inni nu godhe sana isa godhuuf dhufne” jedhan.
11 Ergasiis namoonni kuma sadii Yihuudaadhaa gara holqa Eexaamitti gad buʼanii Saamsooniin, “Ati maali nu goote? Akka Filisxeemonni nu bulchan hin beektuu?” jedhan.
Innis, “Ani waanuma isaan na godhan sana isaan irratti nan godhe” jedhee deebise.
12 Isaanis, “Nu si hiinee dabarsinee Filisxeemotatti si kennuuf dhufne” jedhaniin.
Saamsoon immoo, “Isin mataan keessan akka na hin ajjeefne naa kakadhaa” jedhe.
13 Isaanis, “Tole, nu si hiinee dabarsinee harka isaaniitti si kennina malee ofii keenyaan siʼi hin ajjeefnu” jedhaniin. Kanaafuu funyoo haaraa lamaan isa hidhanii holqa keessaa isa baasan. 14 Yeroo inni Lehiitti dhiʼaatettis Filisxeemonni iyyaa gara isaa dhufan. Hafuurri Waaqayyoos jabinaan isa irra buʼe. Funyoon harki isaa ittiin hidhamee ture sun akka quncee talbaa kan ibidda keessa buʼee taʼe; hidhaan isaas harka isaa irraa ciccite. 15 Innis lafee haʼoo harree haaraa isaa argatee hiixatee fudhate; ittiinis dhaʼee nama kuma tokko fixe.
16 Kana irrattis Saamsoon,
“Ani lafee haʼoo harree tokkoon,
wal irra isaan nan tuule;
lafee haʼoo harree tokkootiin,
namoota kuma tokko nan ajjeese” jedhe.
17 Innis erga waan kana dubbatee fixatee booddee lafee haʼoo harree sana achi darbate; iddoon sunis Raamaat Leehii jedhame.
18 Innis sababii akka malee dheeboteef, “Ati moʼannaa guddaa akkanaa garbicha keetiif kenniteerta. Egaa ani amma dheebuudhaan duʼee harka warra dhagna hin qabatinii keessan buʼaa?” jechuudhaan Waaqayyoon waammate. 19 Waaqnis boolla Lehii keessa jiru dhoosee bishaan baase. Saamsoonis yommuu bishaan sana dhugetti humni isaa deebiʼeefii jabaate. Kanaafuu burqaan suni Een Haqoree jedhamee moggaafame. Innis hamma harʼaatti achuma Leehiitti argama.
20 Saamsoon bara Filisxeemotaa keessa waggaa digdama Israaʼeloota bulche.