16
Saamsoonii fi Daliilaa
Gaaf tokko Saamsoon gara Gaazaa iddoo itti sagaagaltuu tokko arge dhaqe. Ishee wajjin buluufis ol seene. Namoota Gaazaattis, “Saamsoon as jira!” jedhamee himame. Kanaafuu isaan naannoo sana marsanii halkan guutuu riphanii karra magaalattii irratti isa eeggatan. Isaanis, “Ganama barii isa ajjeefna” jedhanii halkan sana utuu hin sochoʼin bulan.
Saamsoon garuu hamma walakkaa halkaniitti achi rafe. Ergasii kaʼee cufaawwan karra magaalattii michichila lama wajjin, danqaraa isaatii fi waan hunda buqqise. Ol fuudhees gatiittii isatti baachuudhaan gara fiixee gaara fuullee Kebroonitti ol baʼe.
Yeroo muraasa booddee Saamsoon jaalala dubartii sulula Sooreeq keessa jiraattu tokkootiin qabame; maqaan ishees Daliilaa jedhama ture. Bulchitoonni Filisxeemotaas gara ishee dhaqanii, “Akka nu hiinee isa miidhuu dandeenyuuf, akka inni icciitii jabina isaa guddaa kanaatii fi akka nu itti isa moʼachuu dandeenyu sitti himuuf isa sossobi. Tokkoon tokkoon keenyas meetii kuma tokkoo fi dhibba tokko siif kenninaa” jedhaniin.
Daliilaanis Saamsooniin, “Icciitii jabina kee guddaa sanaatii fi akka ati itti qabamtee hidhamuu dandeessu natti himi” jette.
Saamsoon immoo deebisee, “Yoo namni kam iyyuu teepha haaraa hin gogin torbaan na hidhe, ani akkuma nama biraa kam iyyuu dadhabaa nan taʼa” jedheen.
Bulchitoonni Filisxeemotaas ergasii teepha haaraa hin gogin torba fidanii isheetti kennan; isheenis ittiin isa hiite. Isheen gola keessatti namoota dhoksitee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Inni garuu teephawwan sana akkuma ribuun yommuu ibidda bira gaʼu baqutti rakkina malee of irraa kukkute. Kanaafuu icciitiin jabina isaa hin beekamne.
10 Daliilaan Saamsooniin, “Ati na gowwoomsite; na sobdes. Amma kottuu akka itti hidhamuu dandeessu natti himi” jette.
11 Innis, “Yoo namni kam iyyuu funyoo haaraa namni itti hin fayyadaminiin na hidhe, ani akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa” jedheen.
12 Kanaafuu Daliilaan funyoo haaraa fuutee ittiin isa hiite. Namootas golla keessatti dhoksitee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen. Inni garuu funyoowwan sana akkuma kirriitti harka ofii irraa kukkute.
13 Daliilaanis Saamsooniin, “Ati hamma ammaatti na gowwoomsiteerta; na sobdeertas. Akka itti hidhamu dandeessu natti himi” jette.
Innis, “Yoo ati guduruu mataa koo torban walitti footee qofootti na hiite, ani akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa” isheen jedhe. Daliilaanis utuu inni rafuu guduruu mataa isaa torban walitti footee, 14 qofootti isa hiite.
Ammas isa waamtee, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jette. Inni garuu hirribaa kaʼee qofoo sana guduruu mataa isaa wajjin buqqise.
15 Isheenis, “Ati utuu na hin amanin akkamitti, ‘Ani si jaalladha’ naan jetta? Utuu icciitii jabina kee guddaa sanaa natti hin himin, ati na sobuun kee kun yeroo sadaffaa dha” jetteen. 16 Guyyuma guyyaanis hamma lubbuun isaa jireenya jibbitutti dubbii isheetiin afaan isa gogsite.
17 Kanaafuu inni waan hunda isheetti hime. Akkanas jedheen; “Sababii ani gaafuma dhaladhee jalqabee Naaziricha taʼee Waaqaaf addaan baafameef qarabaan takkumaa mataa koo tuqee hin beeku. Yoo mataan koo haadame garuu jabinni koo narraa badee anis akkuma nama biraa kamii iyyuu dadhabaa nan taʼa.”
18 Daliilaanis yommuu akka inni waan hunda isheetti hime hubattetti, “Inni waan hunda natti himeeraatii mee deebiʼaa kottaa” jettee bulchitoota Filisxeemotaatti ergaa ergite. Kanaafuu bulchitoonni Filisxeemotaa harka isaaniitti meetii qabatanii gara ishee dhufan. 19 Akka inni gudeeda ishee irra ciisu gootee nama tokko waamtee guduruu mataa isaa torban irraa haadchisiifte. Isheenis akka malee isa rakkisuu jalqabde. Jabinni isaas isa irraa bade.
20 Isheenis, “Saamsoon, Filisxeemonni sitti dhufan!” jetteen.
Innis hirribaa kaʼee, “Ani akkuma yeroo kaanii gad baʼee of irraa harcaasa” jedhe. Garuu akka Waaqayyo isa dhiisee deeme hin beekne ture.
21 Ergasii Filisxeemonni isa qabanii ija isaa keessaa baasanii gara Gaazaatti isa geessan. Foncaa naasiitiin isa hidhaniis mana hidhaa keessatti daaktuu midhaanii isa godhan. 22 Rifeensi mataa isaa garuu erga haadamee booddee deebiʼee guddachuu jalqabe.
Saamsoon Duʼuu Isaa
23 Bulchitoonni Filisxeemotaa, “Waaqni keenya, Saamsoon diina keenya sana dabarsee harka keenyatti nuu kenneera” jedhanii gammaduudhaan Daagon Waaqa isaaniitiif aarsaa guddaa dhiʼeessuuf walitti qabamanii turan.
24 Namoonnis yeroo isa arganitti Waaqa isaanii galateeffachaa,
“Waaqni keenya,
diina keenya kan biyya keenya balleesse,
kan nama baayʼee nu duraa ajjeese sana
dabarsee nuu kenneera” jedhan.
25 Isaanis utuma garaan isaanii gammadaa jiruu, “Akka inni nu bashannansiisuuf mee Saamsoonin waamaa” jedhan. Kanaafuu Saamsoonin mana hidhaatii waamanii fidan; innis isaan bashannansiise.
Yommuu isaan utubaawwan gurguddaa gidduu isa dhaabachiisanitti, 26 Saamsoon tajaajilaa harka isaa qabee ture sanaan, “Akka ani itti irkadhuuf gara utubaawwan mana sagadaa kana qabanii dhaabaniitti na dhiʼeessi” jedhe. 27 Manni sagadaa sun dhiiraa dubartiin guutamee ture; bulchitoonni Filisxeemotaa hundinuus achi turan; Saamsoonii tapha argisiisu ilaaluuf jedhanii namoonni kuma sadii bantii manichaa irra turan. 28 Saamsoonis akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo Gooftaa, na yaadadhu. Yaa Waaqi, akka ani ija koo lamaaniif Filisxeemota haaloo baafadhuuf yeroo tokko jabina naa kenni.” 29 Saamsoonis ergasii utubaawwan gurguddaa lamaan kanneen walakkaa mana sagadaa sanaa dhaabatanii mana sana baatanitti hiixatee tokko harka isaa mirgaatiin, kaan immoo harka isaa bitaatiin qabatee, 30 “Ani Filisxeemota wajjin duʼa!” jedhee humna qabu hundaan dhiibe; manichi sagadaas bulchitootaa fi namoota achi keessa turan hunda irratti jige. Kanaafuu namoonni inni yeroo duʼa isaatti ajjeese kanneen inni yeroo jireenya isaatti ajjeese caalaa baayʼee turan.
31 Obboloonni isaatii fi maatiin abbaa isaa hundinuu reeffa isaa fuudhuu gad buʼan. Isaanis isa fidanii Zoraa fi Eshitaaʼol gidduutti iddoo awwaala abbaa isaa kan Maanoʼaa keessatti isa awwaalan. Inni waggaa digdama Israaʼelin bulche.