18
Namoonni Daan Laayish Keessa Qubatan
Yeroo sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.
Sababii hamma yeroo sanaatti gosoota Israaʼel gidduutti dhaalli isaaniif hin kennaminiif gosti Daan iddoo qubatan barbaaddachaa turan. Kanaafuu warri Daan akka isaan biyya sana basaasanii fi magaalaa Zoraatii fi Eshitaaʼol keessaa namoota jajjaboo shan ergan. Namoonni kunneenis gosoota isaanii hunda iddoo buʼan. Warra erganiinis, “Dhaqaatii biyyattii sakattaʼaa” jedhan.
Ergamoonni sunis biyya gaaraa Efreemiitti ol baʼanii mana Miikaa dhufan; halkan sanas achi bulan. Isaanis yommuu mana Miikaa bira gaʼanitti sagalee dargaggeessa Lewwicha sanaa hubatan; kanaafuu itti goranii, “Eenyutu as si fide? Ati maal asii goota? Maaliifis as dhufte?” jedhanii isa gaafatan.
Innis, “Miikaatu na qaxarate; anis luba isaa ti” jedhee waan inni isaaf godhe isaanitti hime.
Isaanis, “Maaloo mee akka karaan keenya milkaaʼuu fi akka hin milkoofne Waaqa nuu gaafadhu” jedhaniin.
Lubichis, “Nagaan deemaa; Waaqayyo karaa keessan isinii mijeesseera” isaaniin jedhe.
Kanaafuu namoonni shanan sun kaʼanii Laayish dhaqan; akka namoonni achi jiraatan, akkuma warra Siidoonaa sodaa tokko malee nagaadhaan jiraatanis argan. Isaanis sababii lafti isaanii waan hunda qabduuf jireenya badhaadhaa jiraatan. Akkasumas sababii warra Siidoonaa irraa fagaatanii jiraachaa turaniif isaan eenyuma wajjinuu walitti dhufeenya tokko illee hin qaban ture.
Yommuu isaan Zoraa fi Eshitaaʼolitti deebiʼanitti obboloonni isaanii, “Oduu maalii qabattanii deebitan?” jedhanii isaan gaafatan.
Isaanis deebisanii akkana jedhaniin; “Kaʼaa dhaqnee isaan lollaa! Nu akka biyyattiin gabbattuu taate argineerra. Isin waan kana ittuma dhiiftuu? Dhaqxanii qabachuu hin maminaa. 10 Isinis yommuu achi geessanitti saba yaaddoo tokko malee jiraatuu fi biyya balʼaa Waaqni dabarsee harka keessanitti isinii kennu kan wanni tokko iyyuu itti hin hirʼatin argattu.”
11 Kana irratti gosa Daan keessaa namoonni dhibba jaʼa miʼa lolaa hidhatanii Zoraa fi Eshitaaʼolii kaʼan. 12 Ol baʼaniis Yihuudaa keessa iddoo Kiriyaati Yeʼaariim jedhamu bira qubatan. Sababii kanaaf iddoon sun hamma harʼaatti qubata Daan jedhamee waamama; qubanni sunis gama lixa Kiriyaati Yeʼaariimitti argama. 13 Isaanis achii itti fufanii gara biyya gaaraa Efreemitti ol baʼanii mana Miikaa dhufan.
14 Namoonni Shanan biyya Laayish basaasanii turan sunis, obboloota isaaniitiin, “Isin akka manneen kana keessaa tokko dirata, fakkii waaqota tolfamoo mana keessaa, fakkii soofamee fi fakkii meetiin itti uffifame qabu beektuu? Amma waan gochuu qabdan beekaa” jedhan. 15 Kanaafuu isaan achi goranii mana Miikaa iddoo Lewwichi dargaggeessi sun jiraatu dhufanii nagaa isa gaafatan. 16 Namoonni Daan warri miʼa lolaa hidhatan dhibbi jaʼaan balbala ittiin karra seenan irra dhaabatanii turan. 17 Namoonni biyyattii basaasan shanan ol galanii fakkii soofame, dirata, waaqota tolfamoo mana keessaatii fi Waaqa tolfamaa baqfamee hojjetame fudhatan. Yeroo kanatti lubni sunii fi namoonni miʼa lolaa hidhatan dhibbi jaʼaan balbala ittiin karra seenan irra dhaabachaa turan.
18 Yommuu namoonni kunneen mana Miikaa seenanii fakkii soofame, dirata, waaqota tolfamoo mana keessaa biraatii fi Waaqa baqfamee hojjetame fudhatanitti lubichi, “Isin maal hojjechaa jirtu?” Isaaniin jedhe.
19 Isaanis, “Calʼisi! Afaan kee qabadhu; nu faana kottuutii abbaa fi luba nuu taʼi. Mana nama tokkoo keessa tajaajiluu irra sanyii fi gosa Israaʼeliif luba taatee tajaajiluu siif hin wayyuu?” jedhaniin. 20 Lubni sun ni gammade. Innis dirata, waaqota tolfamoo mana keessaa biraatii fi fakkii soofame sana fudhatee isaan wajjin deeme. 21 Isaanis, ijoollee isaanii xixinnoo, horii isaaniitii fi qabeenya isaanii of dura buusanii of irra garagalanii qajeelan.
22 Yeroo isaan mana Miikaa irraa xinnoo fagaatanii deemanittis, namoonni ollaa mana Miikaa wal waamanii namoota Daan duukaa buʼanii qaqqaban. 23 Isaan itti iyyinaan warri Daan of irra garagalanii Miikaadhaan, “Ati maal barbaaddee namoota kee waammattee nu loluuf dhufte?” jedhan.
24 Innis deebisee, “Isin waaqota ani tolfadhee fi luba koo fudhattaniirtu. Wanni naa hafe maaltu jira? Yoos isin akkamitti, ‘Maali taate?’ naan jettu ree?”
25 Namoonni Daanis, “Afaan kee nutti hin banin; yoo kanaa achii namoonni obsa hin qabne tokko tokko si dhaʼu; atii fi maatiin kees lubbuu keessan dhabdu” jedhaniin. 26 Ergasii namoonni Daan karaa isaanii itti fufan; Miikaan akka isaan humna isaatii ol taʼan hubatee of irra garagalee gara mana ofii isaatti qajeele.
27 Isaan waan Miikaan tolfatee fi luba isaa fudhatanii Laayishitti qajeelanii saba yaaddoo tokko malee nagaan jiraatutti duulan. Goraadeedhaan isaan fixanii magaalaa isaaniis guban. 28 Sababii isaan Siidoon irraa fagaatanii jiraatanii fi eenyuma wajjin walitti dhufeenya hin qabneef kan isaan baraaru tokko iyyuu hin jiru ture. Magaalaan sun sulula keessa Beet Rehooboot biratti argamti turte.
Namoonni Daan magaalaa sana deebisanii ijaaruudhaan achi jiraatan. 29 Magaalaan sun duraan Laayish jedhamti turte; isaan garuu Daan jedhanii maqaa abbaa isaanii Daan namicha Israaʼeliif dhalate sanaatiin moggaasan. 30 Achittis namoonni Daan ofii isaaniitiif waaqota tolfamoo dhaabbatan; Yoonaataan ilmi Geershoom, ilmi Musee sunii fi ilmaan isaa hamma biyyattiin boojiʼamtetti luboota gosa Daan turan. 31 Kanaafuu isaan ittuma fufanii bara manni Waaqaa Shiiloo ture guutuu waaqota Miikaan tolfatetti fayyadamaa turan.