19
Namicha Lewwii Tokkoo fi Saajjatoo
Yeroo sanatti Israaʼel mootii hin qabdu ture.
Lewwichi lafa gammoojjii biyya gaaraa Efreem keessa jiraatu tokko Beetlihem Yihuudaa keessaa dubartii tokko saajjatoo godhatee fudhate. Isheen garuu isaaf amanamtuu hin taane. Isa dhiiftees gara mana abbaa ishee Beetlihem Yihuudaatti deebite. Erga jiʼa afur achi turtee booddee, dhirsi ishee araarfatee deebisee galfachuudhaaf gara ishee dhaqe. Innis hojjetaa isaatii fi harroota lama fudhatee deeme. Isheenis mana abbaa isheetti ol isa galchite; abbaan ishees yommuu isa argetti gammachuudhaan isa simate. Abbaan niitii isaa jechuunis, abbaan intalattii akka inni achi turuuf jabeessee isa kadhate; kanaafuu isaan nyaachaa, dhugaas bultii sadii isa bira bubbulan.
Guyyaa afuraffaatti ganamaan kaʼanii deemuuf qophaaʼan; abbaan intalattii garuu dhirsa intala isaatiin, “Akka jabaatuuf waa nyaadhu; ergasii ni deemtaa” jedhe. Kanaafuu lachan isaanii wajjin nyaatanii dhuguuf tataaʼan. Ergasiis abbaan intalattii, “Maaloo harʼa asuma buliitii aara galfadhu” jedheen. Yommuu inni deemuuf kaʼettis abbaan niitii isaa jabeessee isa kadhate; kanaafuu inni halkan sana achi bule. Guyyaa shanaffaatti yommuu inni ganamaan deemuuf kaʼetti abbaan intalattii, “Aara galfadhu. Hamma waaree booddeettis asuma turi!” isaan jedhe. Kanaafuu lachan isaanii iyyuu wajjin nyaatan.
Yeroo namichi saajjatoo isaatii fi tajaajilaa isaa wajjin deemuuf kaʼetti abbaan intalattii, “Ilaali! Aduun dhiʼuutti jirti. Asuma bulaa; guyyaan galgalaaʼeera. Asuma bulaatii aara galfadhaa. Bori ganamaan kaatanii karaa keessan deemuu dandeessu” jedheen. 10 Namichi garuu gaafa sana achi buluu didee harroota isaa lamaan feʼatee saajjatoo isaa fudhatee qajeele. Gara fuullee Yerusaalem ishee Yebuus jedhamtu sanaa dhufe.
11 Yommuu isaan Yebuus bira gaʼanitti sababii aduun dhiiteef tajaajilaan sun gooftaa isaatiin, “Maaloo kottaa magaalaa Yebuusotaa kanatti gorree haa bullu” jedhe.
12 Gooftaan isaas deebisee, “Lakkii. Nu magaalaa Namoota Ormaa warra Israaʼeloota hin taʼinii hin seennu. Gara Gibeʼaatti dabarra” isaan jedhe. 13 Itti fufees, “Kottu Gibeʼaa yookaan Raamaa geenyee tokkoo isaanii keessa bullaa” jedheen. 14 Kanaafuu deemsa isaanii itti fufanii yeroo isaan Gibeʼaa ishee Beniyaam keessatti argamtutti dhiʼaatanitti aduun dhiite. 15 Isaanis achi buluuf itti goran. Oobdii magaalaa keessas qubatan; garuu namni tokko iyyuu isaan bulchuuf mana isaatti ol isaan hin galchine.
16 Galgaluma sana jaarsi biyya gaaraa Efreemiitii dhufee Gibeʼaa jiraatu tokko hojii qonnaatii gale. Namoonni biyyattii garuu gosa Beniyaam turan. 17 Jaarsi sun yommuu ol jedhee oobdii magaalaa keessatti kara deemaa sana argetti, “Ati garam deemta? Eessaa dhufte?” jedhee gaafate.
18 Lewwichis akkana jedhe; “Nu Beetlihem Yihuudaatii dhufnee gara lafa moggaa biyya gaaraa Efreem iddoo ani jiraadhuu dhaquuf deemna. Ani achi dhaqee ture. Ani amma gara mana Waaqayyoo dhaqaan jira. Namni mana isaatti na simate tokko iyyuu hin jiru. 19 Nu tajaajiltoonni kee harroota keenyaaf cidii fi okaa qabna; anaa fi tajaajiltuu keetiif, dargaggeessa nu wajjin jiruufis buddeenaa fi daadhii wayinii qabna. Nu waan tokko illee hin barbaannu.”
20 Jaarsichis, “Nagaan siif haa taʼu; ani waan isin barbaachisu hundumaa isiniif nan dhiʼeessa; isin garuu oobdii keessa hin bulinaa” jedheen. 21 Kanaafuu inni gara mana isaatti ol isa galchee harroota isaatiif waan nyaatan kenne. Isaanis erga miilla isaanii dhiqatanii booddee nyaatanii dhugan.
22 Utuu isaan gammadaa jiranuu kashlabboonni magaalaa sanaa tokko tokko mana jaarsichaa marsan. Balbalas dhadhaʼanii iyyuudhaan, “Akka nu isatti sagaagalluuf namicha mana kee seene sana gad nuu baasi” jedhaniin.
23 Abbaan manichaas gad baʼee akkana isaaniin jedhe; “Lakkisaa yaa firoota ko, hammina akkasii hin hojjetinaa; namichi kun waan keessummaa koo taʼeef waan jibbisiisaa kana hin hojjetinaa. 24 Kunoo intalli koo durbi qulqulluunii fi saajjatoon namichaa as jiru. Ani isaan gad isinii baasaatii waan feetan isaan godhaa. Namicha kanatti garuu waan jibbisiisaa akkasii hin hojjetinaa.”
25 Taʼus isaan isa hin dhageenye. Kanaafuu Lewwichi saajjatoo isaa gad isaanii baase; isaanis halkan guutuu isheetti taphatanii ganama barii gad ishee dhiisan. 26 Akkuma lafti bariiteenis dubartiin sun gara mana gooftaan ishee ture sanaa dhaqxee balbala duratti kuftee hamma biiftuun baatutti achumatti diriirtee hafte.
27 Yommuu gooftaan ishee ganama barii kaʼee deemuuf balbala banee gad baʼetti, kunoo saajjatoon isaa kuftee harka ishee gulantaa balbalaa irratti diriirsitee arge. 28 Innis, “Kaʼi ni deemnaa” isheen jedhe. Garuu deebiin tokko illee hin turre. Kana irratti namichi sun harree irra ishee kaaʼee gara mana isaatti qajeele.
29 Innis yommuu mana isaa gaʼetti haaduu fudhatee saajjatoo isaa sana buusaa buusaatti iddoo kudha lamatti kukkutee guutummaa biyya Israaʼelitti erge. 30 Namni waan kana arge hundi, “Erga Israaʼeloonni Gibxii baʼanii jalqabee wanni akkasii takkumaa argamee yookaan hojjetamee hin beeku. Waaʼee isaa yaadaa! Hubadhaas! Waan gochuu qabnus nutti himaa!” jedhe.