Raajii
Yooʼeel
1
Dubbii Waaqayyoo kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.
 
Weerara Hawwaannisaa
Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa;
warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa.
Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessa
yookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?
Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa;
ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan;
ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.
Waan tuunni hawwaannisaa dhiise,
hawwaannisni guddaan fixe;
waan hawwaannisni guddaan dhiise,
hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe;
waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoo
hawwaannisni biraa dhufee nyaate.
 
Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa!
Isin warri daadhii wayinii dhugdan
hundinuu wawwaadhaa;
sababii daadhii wayinii haaraatiif
wawwaadhaa;
inni afaan keessan irraa butameeraatii.
Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokko
biyya koo weerareera;
inni ilkaan leencaa,
qarriffaa leenca dhalaa qaba.
Inni muka wayinii koo onsee
harbuu koos barbadeesseera.
Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gatee
dameelee isaanii duwwaa hambise.
 
Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffattee
dhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.
Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun
mana Waaqayyoo irraa citaniiru.
Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan
booʼaa jiru.
10 Lafti qotiisaa oneera;
laftis gogeera;
midhaan barbadaaʼeera;
daadhiin wayinii haaraan dhumeera;
zayitiinis dhabameera.
 
11 Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa;
warri wayinii dhaabbattan booʼaa;
sababii midhaan lafa qotiisaa keessanii
barbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.
12 Wayiniin gogeera;
harbuunis coollageera;
roomaaniin, meexxii fi hudhaan,
mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru.
Dhugumaan gammachuun ilmaan namaa
irraa badeera.
Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu
13 Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa;
isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa.
Isin warri fuula Waaqa koo dura tajaajiltan
kottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa;
kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuun
mana Waaqaa irraa hambifamaniiruutii.
14 Sooma qulqulluu labsaa;
waldaa qulqulluu waamaa.
Maanguddootaa fi
warra biyyattii keessa jiraatan hunda
gara mana Waaqayyoo Waaqa keessaniitti waamaatii
Waaqayyootti booʼaa.
 
15 Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera.
Guyyaan Waaqayyoo gaʼeeraatii;
inni akkuma badiisaatti
Waaqa Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.
 
16 Ijuma keenya duratti
nyaanni cite;
ilillee fi gammachuunis
mana Waaqa keenyaa irraa hin cinnee?
17 Sanyiin lafa keessatti
tortoree hafe.
Mankuusni diigameera;
gombisaan caccabeera;
midhaan gogee hafeeraatii.
18 Loon akkam marʼatu!
Karri loonii sababii waan dheedu dhabeef
asii fi achi joora;
bushaayeenis dhiphataniiru.
 
19 Yaa Waaqayyo ani sin waammadha;
ibiddi lafa dheedaa barbadeessee
arrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.
20 Bineensonni bosonaa sitti gaggabu;
lagni bishaanii gogeera;
ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.