2
Raayyaa Hawwaanisaa
Xiyoon keessatti malakata afuufaa;
gaara koo qulqulluu irratti sagalee
akeekkachiisaa dhageessisaa.
 
Guyyaan Waaqayyoo dhufaa jiraatii;
warri lafa irra jiraatan hundi haa hollatan.
Guyyaan sun dhiʼaateera;
guyyaan dukkanaatii fi dimimmisaa,
guyyaan duumessaatii fi dukkana hamaa ni dhufa.
Sabni guddaa fi jabaan tokko
akkuma ifa ganama tulluuwwan irratti baʼuutti ni dhufa;
wanni akkasii takkumaa bara durii keessa taʼee hin beeku
yookaan dhaloota dhufuuf jiru keessatti illee hin taʼu.
 
Fuula isaanii duraa ibiddi ni barbadeessa;
dugda isaanii duubaan immoo arraba ibiddaatu bobaʼa.
Fuula isaanii duraan lafti iddoo biqiltuu Eeden fakkaata;
dugda isaanii duubaan immoo lafti akkuma gammoojjii onee ti;
wanni tokko iyyuu isaan duraa hin miliqu.
Isaan bifa fardeenii qabu;
akkuma fardeen lolaas ni gulufu.
Isaan sagalee akka gaarii waraanaatiin
fiixee tulluu irra utaalu;
akkuma ibidda yeroo qarmii gubutti xaaxaʼuu,
akkuma waraana jabaa lolaaf baʼe tokkoo ti.
 
Saboonni jara arginii dhiphatu;
fuulli nama hundaas ni gurraachaʼa.
Isaan akkuma namoota jajjaboo fiigu;
akkuma loltootaa dallaa yaabbatanii seenu.
Hundi isaanii tarree galanii deemu;
isaan keessaa tokko iyyuu daandii isaa irraa hin jalʼatu.
Isaan wal hin dhiiban;
hundi isaanii qajeelanii fuula duratti deemu.
Utuu toora isaanii hin dhiisin
ittisa cabsanii seenu.
Isaan magaalaa keessa asii fi achi fiigu;
dallaa irra fiigu.
Isaan mana yaabbatu;
akkuma hattuus foddaadhaan ol seenu.
 
10 Fuula isaanii duratti lafti ni sochooti;
samiin ni raafama;
aduu fi jiʼi ni dukkanaaʼu;
urjiiwwan deebiʼanii hin ibsan.
11  Waaqayyo fuula loltoota isaa duratti
sagalee dhageessisa;
loltoonni isaa akka malee baayʼee dha;
warri ajaja isaa eegan jajjaboo dha.
Guyyaan Waaqayyoo guddaa dha;
guyyaan sun akka malee nama sodaachisa.
Eenyutu dura dhaabachuu dandaʼa?
Cubbuu Irraa Deebiʼaa
12 “Amma iyyuu garaa guutuudhaan,
soomaan, booʼichaa fi gaddaan
gara kootti deebiʼaa” jedha Waaqayyo.
 
13 Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin
garaa keessan tarsaasaa.
Gara Waaqayyo Waaqa keessaniitti deebiʼaa;
inni arjaa fi gara laafessaatii;
inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha;
inni badiisa erguu irraa of qusata.
14 Maaltu beeka? Tarii inni deebiʼee gaabbee
eebba, kennaa midhaaniitii fi kennaa dhugaatii
kan Waaqayyo Waaqa keessaniif taʼu
isiniif hambisa taʼa.
 
15 Xiyoon keessatti malakata afuufaa;
sooma qulqulluu labsaa;
waldaa qulqulluu waamaa.
16 Saba walitti qabaa;
waldaa sana qulqulleessaa;
maanguddoota walitti fidaa;
ijoollee walitti qabaa;
daaʼimman harma hodhan illee hin hambisinaa.
Misirrichi kutaa isaa keessaa haa baʼu;
misirrittiinis diinqa isheetii haa baatu.
17 Luboonni fuula Waaqayyoo dura tajaajilan
gardaafoo fi iddoo aarsaa gidduutti haa booʼan.
Isaan akkana haa jedhan; “Yaa Waaqayyo saba kee baraari.
Handhuuraa kee waan qoosaa,
saboota gidduuttis waan kolfaa hin godhin.
Isaan maaliif namoota gidduutti,
‘Waaqni isaanii eessa jira?’ jedhu?”
Deebii Waaqayyo Kenne
18  Waaqayyo biyya isaatiif ni hinaafa;
saba isaatiifis garaa laafa.
19  Waaqayyo akkana jedhee deebii kennaaf:
“Ani midhaan, daadhii wayinii haaraa fi zayitii ejersaa
kan isin quubsu isiniif nan erga;
ani lammata saboota gidduutti
waan qoosaa isin hin godhu.
 
20 “Ani loltoota kaabaa isin duraa balleessee
gara lafa gogaa fi duwwaatti isaan ariʼa;
loltoonni fuula duraan yaaʼan galaana baʼa biiftuu,
kanneen dugda duubaan yaaʼan immoo
galaana gama lixa biiftuu seenu.
Reeffi isaanii ni xiraaʼa;
xiraan isaaniis ol baʼa.”
 
Dhugumaan inni waan guddaa hojjeteera!
21 Yaa biyya Yihuudaa, hin sodaatin;
gammadiitii ililchi.
Waaqayyo dhugumaan waan guddaa hojjeteera!
22 Yaa bineensota bosonaa, isinis hin sodaatinaa;
dirreen dheedaa gabbachaa jiraatii.
Mukkeen ija naqachaa,
harbuu fi wayiniinis ija kennaa jiru.
23 Yaa uummata Xiyoon gammadi;
Waaqayyo Waaqa keetti gammadi;
inni qajeelummaadhaan
rooba arfaasaa siif kenneeraatii.
Inni akkuma durii bokkaa baayʼee,
rooba arfaasaa fi kan birraa siif erga.
24 Oobdiin midhaaniin guutama;
boolli itti wayinii cuunfanis daadhii wayinii haaraa fi
zayitiidhaan guutamanii dhangalaasu.
 
25 “Ani waan bara hawwaannisni nyaate,
waan hawwaannisni gurguddaa fi xixinnaan nyaate,
waan hawwaannisni kaanii fi tuunni hawwaannisaa
jechuunis loltoonni koo jajjaboon ani gidduu keessanitti erge sun nyaatan
iddoo isiniif nan buusa.
26 Isin waan hamma quuftanitti nyaattan baayʼee ni qabaattu;
maqaa Waaqayyo Waaqa keessanii
kan waan dinqii isiniif hojjete sanaa ni galateeffattu;
uummanni koo lammata hin qaaneffamu.
27 Ergasii isin akka ani Israaʼel keessa jiru
akka ani Waaqayyo Waaqa keessan taʼe,
akka ana malee Waaqni biraa hin jirre ni beektu;
uummanni koo lammata hin qaaneffamu.
Guyyaa Waaqayyoo
28 “Anis kana booddee,
Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa.
Ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu;
jaarsoliin keessan abjuu abjootu;
dargaggoonni keessan mulʼata argu.
29 Bara sana keessa, garboota koo
warra dhiiraa fi dubartii irratti illee
Hafuura koo nan dhangalaasa.
30 Ani ol samii irratti dinqii,
gad lafa irrattis dhiiga,
ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
31 Utuu guyyaan Waaqayyoo inni guddichii fi
sodaachisaan sun hin dhufin dura,
aduun dukkanatti geeddaramti;
jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
32 Namni maqaa Waaqayyoo waammatu
hundinuu ni fayya;
akkuma Waaqayyo dubbatettis
Tulluu Xiyoon irraa fi
Yerusaalem keessa, furamatu jiraata;
hambaa gidduuttis warri Waaqayyo
isaan waame ni argamu.