30
Sabni Israaʼel Boojuudhaa Deebiʼe
Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha: Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Dubbii ani sitti dubbadhe hunda kitaabatti barreessi. Barri tokko ni dhufa’ jedha Waaqayyo; ‘Innis yeroo ani itti saba koo Israaʼelii fi Yihuudaa boojuudhaa deebisee biyya ani akka isaan dhaalaniif abbootii isaaniitiif kenne sanatti isaan galchuu dha,’ jedha Waaqayyo.”
Dubbiin Waaqayyo waaʼee Israaʼelii fi Yihuudaa dubbate kanaa dha: Waaqayyo akkana jedha:
“ ‘Iyyi sodaa ni dhagaʼama;
kun raafama malee nagaa miti.
Mee iyyaafadhaa ilaalaa:
Dhiirri tokko daʼuu ni dandaʼaa?
Yoos ani maaliifan dhiira hunda isaa akkuma dubartii ciniinsifattuu,
harka isaa garaa ofii isaa irra kaaʼatee,
fuulli isaas akka malee gurraachaʼe arga ree?
Guyyaan sun akkam sodaachisaa taʼa!
Guyyaan akka guyyaa sanaa tokko iyyuu hin jiraatu.
Guyyaan sun Yaaqoobiif yeroo rakkinaa taʼa;
inni garuu rakkina sana keessaa ni baʼa.
 
“ ‘Guyyaa sana’ jedha Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu,
‘Ani morma isaanii irraa waanjoo nan cabsa;
hidhaa isaanii illee nan kukkuta;
ergasii namoonni biyya ormaa isaan hin garboomfatan.
Qooda kanaa isaan Waaqayyo Waaqa isaaniitii fi
Daawit mootii isaanii isa ani isaaniif kaasu ni tajaajilu.
 
10 “ ‘Kanaafuu yaa tajaajilaa koo Yaaqoob, ati hin sodaatin;
yaa Israaʼel hin rifatin’
jedha Waaqayyo.
‘Ani dhugumaan biyya fagootii sin baasa,
sanyiiwwan kee immoo biyya isaan boojiʼamanii
itti geeffamanii nan baasa.
Yaaqoob ammas nagaa fi tasgabbii ni qabaata;
namni isa sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.
11 Ani si baasuuf si wajjinan jiraatii’
jedha Waaqayyo;
‘Ani sabootan gidduu isaaniitti si bittinneesse sana
guutumaan guutuutti barbadeessu iyyuu
siʼi garuu guutumaan guutuutti hin barbadeessu.
Ani karaa sirrii taʼeen sin adaba;
utuu si hin adabin akkasumatti si hin dhiisu.’
12 Waaqayyo akkana jedha:
“ ‘Madaan kee hin fayyu;
miidhamni kee waldhaansa hin qabu.
13 Namni siif falmu tokko iyyuu hin jiru;
madaa keetiif qorichi hin jiru;
ati hin fayyitu.
14 Michoonni kee hundi si dagataniiru;
isaan dhimma kee hin qaban.
Sababii yakki kee akka malee guddaa taʼee
cubbuun kees baayʼateef
ani akkuma diinaatti si dhaʼee
akkuma nama garaa jabaatu tokkoottis si adabeera.
15 Ati maaliif madaa keetii fi
dhukkuba kee kan hin fayyine sanaaf iyyita?
Sababii yakki kee guddatee cubbuun kees baayʼateef,
ani wantoota kanneen sitti fideera.
 
16 “ ‘Warri si nyaatan hundi garuu ni nyaatamu;
diinonni kee hundis boojuudhaan ni fudhatamu.
Warri qabeenya kee boojiʼan ni boojiʼamu;
warri si saaman hundis ni saamamu.
17 Ani garuu fayyaa kee siifin deebisa;
madaa kees siif nan fayyisa’ jedha Waaqayyo.
‘Ati Xiyoon gatamtuu
kan namni tokko iyyuu dhimma ishee hin qabne jedhamteertaatii.’
18 Waaqayyo akkana jedha:
“ ‘Ani hambaa dunkaana Yaaqoob kan boojiʼamee deebisee nan dhaaba;
iddoo jireenya isaaniitiifis garaa nan laafa;
magaalattiin idduma diigamte sanatti deebitee ni ijaaramti;
masaraanis iddoo isaaf malu ni dhaabata.
19 Faarfannaan galataatii fi sagaleen gammachuu
isaan keessaa ni dhagaʼama.
Ani isaan nan baayʼisa;
isaaniis hin xinnaatan;
ani ulfina nan kennaaf;
isaanis hin tuffataman.
20 Ijoolleen isaanii akka warra jabana durii taʼu;
waldaan isaaniis jabaatee fuula koo dura ni dhaabata;
ani warra isaan cunqursu hunda nan adaba.
21 Hoogganaan isaanii namuma isaanii taʼa;
bulchaan isaanii isaanuma gidduudhaa kaʼa.
Ani isa ofitti nan dhiʼeessa;
innis natti dhiʼaata;
yoo kanaa achii eenyutu natti dhiʼaachuuf ija jabaata?’
jedha Waaqayyo.
22 ‘Akkasiin isin saba koo ni taatu;
anis Waaqa keessan nan taʼa.’ ”
 
23 Kunoo, bubbeen Waaqayyoo,
inni jabaan dheekkamsaan ni buʼa;
bubbeen hamaanis
mataa hamootaa irratti gad bubbisa.
24 Aariin Waaqayyoo, sodaachisaan sun
hamma inni kaayyoo yaada isaa
guutumaan guutuutti fiixaan baasutti duubatti hin deebiʼu.
Isin bara dhumaa keessa
waan kana ni hubattu.