31
“Yeroo sanatti” jedha Waaqayyo, “Ani balbala Israaʼel hundaaf Waaqa nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”
Waaqayyo akkana jedha:
“Namoonni goraadee irraa hafan
gammoojjii keessatti fudhatama ni argatu;
anis Israaʼeliif boqonnaa kennuuf nan dhufa.”
Waaqayyo fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe:
“Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera;
kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.
Yaa Israaʼel durba qulqullittii, ani amma illee sin ijaara;
atis deebitee ni ijaaramta.
Ati amma illee dibbee kee fudhattee
warra gammadan wajjin shuubbisuuf gad baata.
Ati amma illee gaarran
Samaariyaa irratti wayinii ni dhaabbatta;
qotee bulaanis wayinii dhaabbatee
ija isaa ni nyaata.
Guyyaa itti eegdonni
gaarran Efreem irra dhaabatanii,
‘Kottaa gara Xiyoonitti, gara Waaqayyo Waaqa keenyaatti ol baanaa’
jedhanii iyyan tokko ni dhufa.”
Waaqayyo akkana jedha:
“Yaaqoobiif gammachuudhaan faarfadhaa;
hangafa sabootaatiif ililchaa.
Galata keessan dhageessisaatii,
‘Yaa Waaqayyo saba kee,
hambaa Israaʼel baraari’ jedhaa.
Kunoo, ani biyya kaabaatii isaan nan fida;
handaara lafaatiis walitti isaan nan qaba.
Isaan keessattis jaamotaa fi naafota,
haadhota ulfaatii fi dubartoota ciniinsifatantu argama;
saba guddaa taʼaniis ni deebiʼu.
Isaanis booʼaa dhufu;
yeroo ani deebisee isaan fidutti Waaqa kadhatu.
Waan ani abbaa Israaʼel taʼee fi
Efreem immoo ilma koo hangafa taʼeef,
ani qarqara burqaa bishaanii irra,
daandii qajeelaa isaan achi irratti hin gufanne irra isaan nan qajeelcha.
 
10 “Yaa saboota, dubbii Waaqayyo dhagaʼaa;
isin, ‘Inni Israaʼelin bittinneesse sun walitti isaan qabee
akkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa ni tiksa’ jedhaatii
biyyoota qarqara galaanaa kanneen fagoo jiranitti labsaa.
11  Waaqayyo Yaaqoobin fureera,
warra isa caalaa jajjaboo taʼan harkaas isa baaseeraatii.
12 Isaan ni dhufanii gaarran Xiyoon irrattis gammadanii ililchu;
isaan arjummaa Waaqayyootti jechuunis
midhaanitti, daadhii wayinii haaraa fi
zayitiitti, ilmoolee bushaayeettii fi jabbootaattis ni gammadu.
Jireenyi isaanii akkuma biqiltuu bishaan quufee taʼa;
isaan siʼachi hin gaddan.
13 Ergasiis shamarran ni shuubbisu; ni gammadu;
dargaggoonnii fi maanguddoonni akkasuma ni gammadu.
Ani booʼicha isaanii gammachuutti nan geeddara;
qooda gaddaa jajjabinaa fi gammachuu nan kennaaf.
14 Ani arjummaadhaan luboota nan quubsa;
sabni koos badhaadhummaa kootiin ni guutama,”
jedha Waaqayyo.
15  Waaqayyo akkana jedha:
“Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko
Raamaa keessaa dhagaʼame;
sababii isaan hin jirreef,
Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti;
jajjabaachuus ni didde.”
16  Waaqayyo akkana jedha:
“Sagalee kee booʼicha irraa,
ija kee immoo imimmaan irraa eeggadhu;
hojiin kee ni badhaafamaatii”
jedha Waaqayyo.
“Isaan biyya diinaatii ni deebiʼu.
17 Kanaafuu galgalli kee abdii qaba”
jedha Waaqayyo.
Ijoolleen kee biyya ofii isaaniitti ni deebiʼu.
 
18 “Ani dhugumaan Efreemii akkana jedhee booʼu dhagaʼeera:
‘Ati akkuma dibicha hin leenjifamin
tokkootti na adabdeerta; anis adabameera.
Ati sababii Waaqayyo Waaqa koo taateef,
na deebisi; anis nan deebiʼa.
19 Ani ergan duubatti deebiʼee booddee,
qalbii jijjiirradheera;
ani ergan hubadhee booddee,
qoma koo nan dhaʼe.
Ani sababiin salphina dargaggummaa koo baadhuuf,
nan qaanaʼe; gad nan deebiʼes.’
20 Efreem ilma koo jaallatamaa,
mucaa ani itti gammadu mitii?
Ani yeroo baayʼee yoon isaan morme iyyuu
amma illee isa nan yaadadha.
Kanaafuu garaan koo isaaf ni yaada;
garaas nan laafaaf”
jedha Waaqayyo.
 
21 “Ati mallattoo daandii dhaabbadhu;
waan karaa nama argisiisu illee kaaʼadhu.
Karaa irra deemtu,
daandii guddaa sana hubadhu.
Yaa Israaʼel durba qulqullittii deebiʼi;
magaalaawwan keetti deebiʼi.
22 Yaa intala hin amanamne,
ati hamma yoomiitti asii fi achi joorta?
Waaqayyo waan haaraa tokko lafa irratti ni uuma;
dubartiin dhiira marsiti.”
23  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: “Yeroo ani boojiʼamtoota isaanii deebisutti namoonni biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan ishee keessa jiraatan amma illee yeroo tokko, ‘Yaa iddoo murtiin qajeelaan jiraatu, yaa tulluu qulqulluu, Waaqayyo si haa eebbisu’ jedhanii dubbatu. 24 Biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan isaa hunda keessa namoonni jechuunis qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee fudhatanii asii fi achi nanaannaʼan tokkummaadhaan achi keessa jiraatu. 25 Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa.”
26 Kana irratti ani dammaqee asii fi achi nan ilaale. Hirribni koos natti miʼaawee ture.
27 “Barri ani itti mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa sanyii namaatii fi sanyii horiitiin guutu tokko ni dhufa” jedha Waaqayyo. 28 “Ani akkuman isaan buqqisuu fi diiguuf, isaan garagalchuuf, isaan barbadeessuu fi badiisa isaanitti fiduuf isaan ilaale sana akkasuma immoo isaan ijaaruu fi isaan dhaabuuf gara isaanii nan ilaala” jedha Waaqayyo. 29 “Bara sana keessa namoonni lammata,
“ ‘Abbootiin isaanii ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaan
ilkaan ijoollee hadoode’ hin jedhan.
30 Qooda kanaa tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiin duʼa; nama ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.
31 “Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin,
mana Yihuudaa wajjinis
kakuu haaraa galu ni dhufa,”
jedha Waaqayyo.
32 “Kakuun kunis kakuu ani,
yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee
harka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale,
kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruu
isaan cabsan sanaan tokko miti”
jedha Waaqayyo.
33 “Kakuun ani yeroo sana booddee
mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha Waaqayyo.
“Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa;
garaa isaanii keessattis nan barreessa.
Ani Waaqa isaanii nan taʼa;
isaanis saba koo taʼu.
34 Sababii hundi isaanii,
xinnaa hamma guddaatti na beekaniif,
siʼachi namni kam iyyuu, ‘Waaqayyoon beeki’ jedhee
ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu”
jedha Waaqayyo.
“Ani yakka isaanii nan dhiisaaf;
cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”
35  Waaqayyo akkana jedha;
inni akka isheen guyyaan ibsituuf aduu ramadu,
inni akka isaan halkaniin ibsaniif,
jiʼaa fi urjiiwwan ajaju,
inni akka dambaliin isaa huursuuf
galaana raasu sun maqaan isaa
Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu dha:
36 “Yoo seerri kun fuula koo
duraa bade qofa, sanyiin Israaʼel,
fuula koo duratti bara baraan saba taʼuun isaa hafa”
jedha Waaqayyo.
37  Waaqayyo akkana jedha:
“Yoo samiin gubbaa safaramuu dandaʼee fi
hundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofa
ani sanyii Israaʼel hunda
sababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata”
jedha Waaqayyo.
38  Waaqayyo akkana jedha: “Barri itti magaalaan kun gamoo Hanaaniʼeeliitii jalqabee hamma Karra Goleetti deebiʼee naaf ijaaramu tokko ni dhufa. 39 Funyoon safaraas achii kaʼee gara tulluu Gaareebitti qajeelee gara Goʼaatti diriirfama. 40 Sululli reeffii fi daaraan itti gatamu guutuun, karaa baʼaas sulula Qeedroon qabatee dirreen hamma Karra Fardaatti jiru hundi Waaqayyoof ni qulqulleeffama. Magaalaan kun gonkumaa lammaffaa hin buqqifamtu yookaan hin diigamtu.”