33
Waadaa Biyyatti Deebiʼuu
Utuu Ermiyaas amma iyyuu oobdii eegumsaa keessatti hidhamee jiruu, dubbiin Waaqayyoo yeroo lammaffaa akkana jedhee gara isaa dhufe: Waaqayyo inni lafa uume, Waaqayyo inni lafa tolchee jabeessee ishee dhaabe, kan maqaan isaa Waaqayyo jedhamu sun akkana jedha; ‘Ati gara kootti iyyadhu; anis deebii siifin kennaa; waan guddaa fi dhoksaa ati hin beekne sitti nan hima.’ Waaqayyo Waaqni Israaʼel waaʼee manneen magaalaa kanaatii fi waaʼee masaraa mootota Yihuudaa kanneen ittiin tuulaa biyyootii fi goraadee of irraa dhowwuuf diigaman sanaa akkana jedhaatii; Baabilononni loluuf ni dhufu; ‘Isaanis magaalaa kana reeffa namoota ani aarii fi dheekkamsa kootiin fixuutiin ni guutu. Ani sababii hammina ishee hundaatii fi magaalaa kana duraa fuula koo dhokfadheeraatii.
“ ‘Taʼus ani isaan nan fayyisa; nan bayyanachiisas; ani saba koo nan fayyisa; akka isaan nagaa fi tasgabbii guddaan jiraatan nan godha. Ani Yihuudaa fi Israaʼelin boojuudhaa deebisee akka isaan dur turanitti nan ijaara. Cubbuu isaan natti hojjetan hunda irraa isaan nan qulqulleessa; cubbuu isaan natti finciluun hojjetan hundas nan dhiisaaf. Magaalaan kun fuula saboota lafa irraa warra waan gaarii ani isheef godhe hunda dhagaʼan hundaa duratti maqaa, gammachuu, galataa fi ulfina naa taati; isaan sababii badhaadhummaa fi nagaa ani isheef kennu hundaatiif sodaatanii hollatan.’
10 Waaqayyo akkana jedha: ‘Isin waaʼee iddoo kanaa, “Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru” jettu. Taʼu illee magaalaawwan Yihuudaatii fi daandiiwwan Yerusaalem kanneen duwwaa hafanii namni yookaan bineensi keessa hin jirre sana keessatti amma illee, 11 sagaleen ililleetii fi gammachuu, sagaleen misirrichaatii fi misirrittii, sagaleen warra mana Waaqayyootti aarsaa dhiʼeessanii kan,
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu galateeffadhaa;
Waaqayyo gaariidhaatii;
jaalalli isaas bara baraan ni jiraata”
jedhu ni dhagaʼama. Ani boojiʼamtoota biyyattii akkuma isaan duraan turanittin deebisaatii’ jedha Waaqayyo.
12 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: ‘Iddoo onaa namni yookaan horiin keessa hin jiraanne kanaa fi magaalaawwan ishee hunda keessa lafti dheedaa kan tiksoonni bushaayee isaanii itti boqochiifatan ammas ni jiraata. 13 Magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, kanneen gaarran dhiʼaatii fi Negeeb keessatti, biyya Beniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalemii fi magaalaawwan Yihuudaa keessatti amma illee bushaayeen harka nama isaan toʼatuu jala ni hulluuqu’ jedha Waaqayyo.
14 “ ‘Barri ani’ jedha Waaqayyo ‘waadaa gaarii ani mana Israaʼelii fi mana Yihuudaatiif seene sana itti fiixaan baasu ni dhufa.’
15 “ ‘Bara sana keessa, yeroo sanatti
ani akka dameen qajeelaan tokko sanyii Daawit keessaa latu nan godha;
inni waan qajeelaa fi sirrii taʼe biyyattii keessatti ni hojjeta.
16 Bara sana keessa Yihuudaan ni fayya;
Yerusaalemis nagaan jiraatti.
Maqaan isheen ittiin waamamtus,
Waaqayyo qajeelummaa keenya’ jedhama.
17  Waaqayyo akkana jedhaatii: ‘Daawit gonkumaa nama teessoo mana Israaʼel irra taaʼu hin dhabu; 18 yookaan luboonni warri Lewwota taʼan gonkumaa nama aarsaa gubamu dhiʼeessuuf, kennaa midhaanii gubuu fi qalma dhiʼeessuuf ittuma fufee fuula koo dura dhaabatu hin dhaban.’ ”
19 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: 20 Waaqayyo akkana jedha; ‘Yoo isin akka halkanii fi guyyaan yeroo isaanii kennametti hin dhufneef kakuu ani halkan wajjin galee fi kakuu ani guyyaa wajjin gale sana cabsuu dandeessan, 21 kakuun ani garbicha koo Daawit wajjin galee fi kakuun ani Lewwota luboota taʼanii fuula koo dura tajaajilan wajjin gale sun cabuu dandaʼa; Daawitis siʼachi sanyii teessoo isaa irra taaʼee bulchu hin qabaatu. 22 Ani sanyii garbicha koo Daawitii fi Lewwota fuula koo dura tajaajilan akkuma urjiiwwan samiitii fi akkuma cirracha qarqara galaanaa kan madaalamuu hin dandeenyee nan baayʼisa.’ ”
23 Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: 24 “Ati akka uummanni kun, ‘Waaqayyo mootummoota filatee ture lamaan gateera’ jechaa jiru hin qalbeeffannee? Kanaafuu isaan saba koo tuffataniiru; siʼachis akka saba tokkootti isa hin ilaalan. 25  Waaqayyo akkana jedha: ‘Ani utuu halkanii fi guyyaa wajjin kakuu koo jabeessee dhaabuu baadhee, samii fi lafaafis seera kaaʼuu baadhee, 26 silaa sanyii Yaaqoobii fi sanyii tajaajilaa koo Daawit gatee akka inni sanyii Abrahaam, sanyii Yisihaaqii fi kan Yaaqoob bulchuuf ilmaan isaa keessaa nama tokko hin filadhu ture. Anis boojiʼamtoota isaanii nan deebisa; garaa illee nan laafaaf.’ ”