32
Ermiyaas Lafa qotiisaa Bitate
Bara Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa waggaa kudhannaffaatti bara mootummaa Nebukadnezar keessa waggaa kudha saddeettaffaatti, dubbiin kun Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe. Yeroo sanatti loltoonni mootii Baabilon Yerusaalemin marsanii turan; Ermiyaas raajichi immoo masaraa mootii Yihuudaa keessatti oobdii eegumsaa keessatti itti cufamee ture.
Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa akkana jedheenii isa hiisisee ture; “Ati maaliif akkana jettee raajii dubbatta? ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee mootii Baabilonitti nan kenna; innis ni qabata. Zedeqiyaa mootichi Yihuudaa dabarfamee mootii Baabilonitti ni kennama malee harka warra Baabilon jalaa hin baʼu; fuula mootichaa dura dhaabatees isa wajjin dubbata; ija isaatiinis isa ni arga. Innis Zedeqiyaa gara Baabilonitti geessa; Zedeqiyaan hamma ani isa Yaadadhutti achuma tura, jedha Waaqayyo. Isin yoo Baabilonota loltan hin milkooftan.’ ”
Ermiyaas akkana jedhe; “Dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: Hananiʼeel ilmi eessuma keetii ilmi Shaluum si bira dhufee, ‘Ati sababii lafa kana bitachuuf mirga aantummaa qabduuf lafa qotiisaa koo kan Anaatoot keessaa sana bitadhu’ siin jedha.
“Ergasii akkuma Waaqayyo dubbate sana Hananiʼeel durbiin koo gara oobdii eegumsaatti na bira dhufee, ‘Lafa koo kan biyya Beniyaam keessa Anaatoot jiru sana bitadhu. Waan mirgi furuutii fi dhuunfachuu kan kee taʼeef ati ofii keetii bitadhu’ jedhe.
“Kana irratti ani akka wanni kun dubbii Waaqayyoo ture nan beeke; kanaafuu ani lafa qotiisaa Anaatoot jiru sana durbii koo Hananiʼeel irraa bitadhee meetii saqilii kudha torba safaree kenneef. 10 Anis walii galtee sana mallatteessee, chaappaa itti godhee, dhuga baatota waamee meetii sana madaaliitti safareef. 11 Walii galtee bittaa fi gurgurtaa jechuunis garagalchaa chaappaa qabu kan akka seeraa fi barteetti hojjetamee fi kan chaappaa hin qabnee illee nan fudhadhe; 12 geessees fuula durbii koo Hananiʼeelii fi fuula dhuga baatota walii galtee sana irratti mallatteessaniitii fi fuula Yihuudoota oobdii eegumsaa keessa tataaʼaa turan hundaa duratti Baaruk ilma Neeriyaa ilma Mahiseyaatti kenne.
13 “Anis fuuluma isaanii duratti qajeelcha kana Baarukiif kenne; 14 Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha: walii galtee bittaa fi gurgurtaa kan chaappaa qabuu fi kan chaappaa hin qabne fuudhiitii akka isaan bara dheeraa turuu dandaʼaniif lachuu okkotee suphee keessa kaaʼi. 15  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedhaatii; biyya kana keessatti manneen, lafa qotiisaa fi iddoon dhaabaa wayinii amma illee ni bitamu.’
16 “Anis erga walii galtee bittaa fi gurgurtaa sana Baaruk ilma Neeriyaatti kennee booddee akkana jedheen Waaqayyoon kadhadhe:
17 “Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan samiiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru. 18 Ati namoota kumaatamatti jaalala ni argisiifta; garuu sababii cubbuu abbootiitiif jettee ijoollee isaanii kanneen isaan booddee illee ni adabda. Yaa Waaqa guddaa fi humna qabeessa maqaan kee Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu dha; 19 kaayyoon kee guddaa dha; hojiin kees jabaa dha. Iji kee karaa namaa hunda ilaala; ati tokkoo tokkoo namaatiif gatii karaa isaatii fi hojii isaatiif malu kennita. 20 Ati Gibxi keessatti mallattoo fi dinqii hojjettee hamma harʼaatti illee Israaʼelii fi sanyii namaa hunda keessatti waan kana ittuma fuftee maqaa hamma ammaatti qabdu kana argatte. 21 Saba kee Israaʼeliin mallattoo fi dinqiidhaan, harka humna qabeessaan, irree diriirfamaa fi haala akka malee nama sodaachisuun Gibxi keessaa baafte. 22 Biyya aannanii fi damma baasu kan ati abbootii isaaniitiif kennuuf kakatte kana isaaniif kennite. 23 Isaanis biyyattii seenanii dhaalan; garuu siif hin ajajamne yookaan seera kee duukaa hin buune. Waan ati akka isaan hojjetan ajajjes hin hojjenne. Kanaafuu ati badiisa kana hunda isaanitti fidde.
24 “Kunoo magaalaa fudhachuuf tuullaan biyyoo itti marfameera. Sababii goraadee, beelaatii fi dhaʼichaatiif magaalaan kun Baabilonota amma isa lolaa jiranitti dabarfamee ni kennama. Wanni ati dubbatte sun akkuma ati amma argitu kana fiixaan baʼeera. 25 Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati yoo magaalattiin kun dabarfamtee Baabilonotatti kennamte iyyuu ‘Meetiidhaan lafa qotiisaa bitadhuutii bittaa fi gurgurtaa isaa illee ragaa qabaachisi’ naan jetta.”
26 Ergasiis dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara Ermiyaas dhufe: 27 “Ani Waaqayyo, Waaqa nama hundaa ti; wanni ani hin dandeenye tokko iyyuu jiraa? 28 Kanaafuu Waaqayyo akkana jedha: Ani magaalaa kana dabarsee Baabilonotaa fi Nebukadnezar mooticha Baabilonitti kennuuf jira; innis ishee ni qabata. 29 Baabilononni magaalaa kana lolaa jiran kunneen magaalattii seenanii ibidda itti qabsiisu; isaanis manneen namoonni bantii isaanii irratti Baʼaaliif ixaana aarsuu fi waaqota biraafis dhibaayyuu dhibaafachuudhaan dheekkamsaaf na kakaasan sana illee walumaan ni gubu.
30 “Sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa ijoollummaa isaaniitii jalqabanii fuula koo duratti waan hamaa malee homaa hin hojjenne; dhugumaan sabni Israaʼel waan harkuma isaaniitiin hojjetaniin dheekkamsaaf na kakaasan malee homaa hin hojjenne, jedha Waaqayyo. 31 Magaalattiin kun gaafa ijaaramtee jalqabdee hamma ammaatti akka ani fuula koo duraa ishee balleessuuf na aarsitee dheekkamsaaf na kakaaste. 32 Sabni Israaʼelii fi sabni Yihuudaa jechuunis isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii, luboonni isaaniitii fi raajonni isaanii, namoonni Yihuudaatii fi namoonni Yerusaalem hammina hojjetan hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniiru. 33 Isaan fuula isaanii dhiisanii dugda isaanii natti garagalfatan; yoo ani ammumaa amma isaan barsiise iyyuu isaan na hin dhaggeeffanne yookaan qajeelfama kootiin hin geeddaramne. 34 Isaan waaqota isaanii balfamoo sana mana Maqaa kootiin waamamu keessa dhaabatanii manicha xureessan. 35 Isaanis ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii aarsaa godhanii Moolekiif dhiʼeessuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti Baʼaaliif iddoo sagadaa ijaaran; ani garuu akka isaan waan jibbisiisaa akkanaa hojjetanii Yihuudaa illee cubbuu hojjechiisan gonkumaa isaan hin ajajne yookaan wanni kun qalbii koo keessa illee hin turre.
36 “Ati waaʼee magaalattii kanaa, ‘Isheen goraadeedhaan, beelaa fi dhaʼichaan dabarfamtee mooticha Baabilonitti kennamti’ jetta; Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: 37 Ani dhugumaan biyyoota ani aarii koo sodaachisaa fi dheekkamsa koo guddaadhaan itti isaan ariʼe hunda keessaa walitti isaan nan qaba; iddoo kanattis isaan deebisee nagaan isaan jiraachisa. 38 Isaan saba koo taʼu; anis Waaqa isaanii nan taʼa. 39 Ani akka isaanittii fi ijoollee isaanii kanneen isaan booddeettis jireenyi toluuf jedhanii akka bara baraan na sodaataniif garaa tokkoo fi karaa tokko isaaniifin kenna. 40 Ani kakuu bara baraa isaan wajjin nan gala; akka isaan gonkumaa narraa hin garagalleef ani waan gaarii isaaniif gochuu hin dhiisu; akka isaan na sodaataniifis isaan nan kakaasa. 41 Ani waan gaarii isaaniif gochuutti nan gammada; garaa koo fi lubbuu koo guutuudhaan, amanamummaadhaanis biyya kana keessa isaan nan dhaaba.
42 Waaqayyo akkana jedha: Ani akkuman badiisa guddaa kana hunda saba kanatti fide sana waan gaarii waadaa isaaniif seene sana hunda nan kennaaf. 43 Biyya isin, ‘Biyyattiin kun ontee duwwaa hafteerti; namni yookaan bineensi ishee keessa hin jiru; isheen dabarfamtee Baabilonotatti kennamteertiitii’ jettanii waaʼee ishee dubbattan kana keessatti lafti qotiisaa amma illee ni bitama. 44 Biyya Beniyaam keessatti, gandoota naannoo Yerusaalem keessatti, magaalaawwan Yihuudaatii fi magaalaawwan biyya gaaraa keessatti, magaalaawwan gaarran dhiʼaatii fi kan Negeeb keessatti lafti qotiisaa meetiidhaan ni bitama; walii galteen bittaa gurgurtaa isaas mallatteeffamee chaappaan itti godhamee dhuga baatotaan ni rageeffama; ani boojuu isaanii iddoo duriitti nan deebisaatii, jedha Waaqayyo.”