48
Ergaa Waaʼee Moʼaab
48:29‑36 kwf – Isa 16:6‑12
Waaʼee Moʼaab:
 
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu, Waaqni Israaʼel akkana jedha:
“Neboof wayyoo; isheen ni diigamtiitii.
Kiriyaataayimis ni salphatti; ni qabamti;
daʼoowwan ishees ni qaaneffamu; ni diigamus.
Moʼaab siʼachi hin jajamtu;
namoonni Heshboon keessatti,
‘Kottaa saba sana ni balleessinaa’
jedhanii waaʼee kufaatii ishee mariʼatu.
Yaa magaalaa Maadmeen jedhamtu atis ni calʼista;
goraadeen si ariʼaatii.
Iyya Hooronaayimii dhufu,
iyya barbadaaʼuu fi badiisaa guddaa dhagaʼaa!
Moʼaab ni cabdi;
ijoolleen ishees ni booʼu.
Isaan akka malee booʼaa,
Luuhiitiitti ol baʼu;
karaa gara Hooronaayimitti gad buusu irratti
iyya badiisaa dhagaʼu.
Baqadhaa! Lubbuu keessan baafadhaa;
akka daggala gammoojjii keessaa taʼaa.
Isin waan hojii keessanii fi qabeenya keessan amanattaniif,
boojuudhaan fudhatamtanii ni deemtu;
Kemooshis luboota isaatii fi
qondaaltota isaa wajjin boojiʼamee ni fudhatama.
Balleessituun sun magaalaa hundatti ni dhufa;
magaalaan tokko iyyuu isa jalaa hin baʼu.
Sababii Waaqayyo dubbateef sululli ni bada;
dirreenis ni barbadeeffama.
Moʼaabitti soogidda firfirsi;
isheen ni baddiitii;
magaalaawwan ishees
nama isaan keessa jiraatu dhabanii onu.
 
10 “Namni garaa hirʼuudhaan hojii Waaqayyoo hojjetu abaaramaa haa taʼu!
Namni goraadee isaatiin dhiiga dhangalaasuu didus abaaramaa haa taʼu!
 
11 “Moʼaab akkuma daadhii wayinii kan siicoo isaa irratti hafe
kan okkotee tokko keessaa gara okkotee kaaniitti gara hin galfaminii
ijoollummaa isheetii jalqabdee boqochaa turte;
boojiʼamtees hin fudhatamne.
Kanaafuu isheen akkuma durii miʼoofti;
urgaan ishees hin geeddaramne.
12 Garuu barri ani itti namoota okkotee keessaa dhangalaasan
ergu tokko ni dhufa.
Isaanis gad ishee naqu;
okkotee ishee duwwaa hambisanii
gaanii ishee cabsu” jedha Waaqayyo.
13 “Yoos akkuma manni Israaʼel
yeroo Beetʼeelin amanatetti qaanaʼe sana
Moʼaabis Kemooshitti ni qaanaʼa.
 
14 “Isin akkamiin ‘Nu gootota;
nu waraana keessatti jajjaboo dha’ jechuu dandeessu?
15 Moʼaab ni barbadoofti; magaalaawwan ishees ni qabatamu;
dargaggoonni ishee filatamoon gara qalmaatti geeffamu”
jedha Mootichi maqaan isaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼu jedhamu sun.
16 “Kufaatiin Moʼaab gaʼeera;
badiisni ishees dafee ni dhufa.
17 Warri naannoo ishee jiraatan hundi,
warri maqaa ishee beektan hundi
‘Bokkuun jabaan sun akkamitti cabe!
Uleen ulfina qabeessi sun akkamitti cabe!’ jedhaa booʼaafii.
 
18 “Yaa jiraattuu Diiboon,
ulfina kee irraa gad buʼiitii
lafa goggogaa irra taaʼi!
Barbadeessaan Moʼaab sun sitti dhufee
magaalaawwan kee kanneen
dallaa jabaan marfaman ni diigaatii.
19 Ati kan Aroʼeer keessa jiraattu,
karaa cina dhaabadhuutii ilaali.
Dhiira baqatuu fi dubartii miliqxu gaafadhu;
‘Maaltu dhalate?’ jedhii isaan gaafadhu.
20 Moʼaab waan diigamteef qaanofteerti.
Wawwaadhuu booʼi!
Arnoon biratti
akka Moʼaab barbadooftee jirtu labsi.
21 Murtiin dirree ol kaʼaatti:
Hooloonitti, Yaahizaa fi Meefiʼaatti,
22 Diiboonitti, Neboo fi Beet Diblaataayimitti,
23 Kiriyaataayimitti, Beet Gaamulii fi Beet Meʼoonitti,
24 Keriiyoottii fi Bozraatti,
magaalaawwan Moʼaab kanneen fagoo fi
dhiʼoo jiran hundatti dhufeera.
25 Gaanfi Moʼaab irraa murameera;
irreen ishees caccabeera”
jedha Waaqayyo.
 
26 “Waan isheen Waaqayyotti koorteef
dhugaatiidhaan ishee macheessaa.
Moʼaab diddiga ofii ishee irra haa gangalattu;
waan qoosaas haa taatu.
27 Israaʼel si duratti waan qoosaa hin turree?
Akka ati yeroo waaʼee ishee dubbattu hunda
tuffiidhaan mataa kee isheetti raaftuuf
isheen hattoota gidduutti qabamtee?
28 Isin warri Moʼaab keessa jiraattan,
magaalaawwan keessan keessaa baʼaatii kattaawwan keessa jiraadhaa.
Akkuma gugee mana ishee
afaan holqaatti ijaarrattuu taʼa.
 
29 “Nu waaʼee of tuulummaa Moʼaab
jechuunis akka malee of guddisuu fi ofiin boonuu ishee,
of tuuluu fi of jajuu ishee,
of bokoksuu ishee dhageenyeerra.
30 Ani addaggummaa Moʼaab beeka;
garuu faayidaa hin qabaatu” jedha Waaqayyo;
“Of tuuluun ishees homaa hin fayyaduuf”
31 Kanaafuu ani Moʼaabiif nan wawwaadha;
Moʼaab hundaaf hiqqifadhee booʼa;
ani namoota Qiir Hareeshetiif nan gadda.
32 Yaa muka wayinii Sibimaa,
ani akkuma Yaʼizeeriif booʼu sana siifin booʼa.
Dameen kee hamma galaanaatti diriirtee fagaatte;
isheen hamma galaana Yaʼizeeritti diriirtee deemti.
Balleessituun sun ija kee bilchaataa fi
hurbuu wayinii keetii irra buʼeera.
33 Lafa biqiltuutii fi lafa qotiisaa
midhaan Moʼaab keessaa ilillee fi gammachuun badeera.
Ani iddoo itti wayinii cuunfan irraa wayinii kuteera;
namni tokko iyyuu gammadaa sirbee isaan hin cuunfu.
Wacni yoo jiraatee illee
inni waca gammachuu miti.
 
34 “Sababii bishaan Niimriim gogeef,
sagaleen iyya isaanii ol kaʼee,
Heshboonii hamma Eleʼaaleettii fi Yaahaziitti,
Zoʼaarii hamma Hooronaayimittii fi hamma Eglaati Sheelishiyaatti
ni dhagaʼama ture.
35 Ani warra iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti
aarsaa dhiʼeessanii waaqota isaaniif ixaana aarsan
Moʼaab keessaa nan balleessa” jedha Waaqayyo.
36 “Kanaafuu garaan koo akkuma ulullee faarsee Moʼaabiif booʼa;
akkuma ulullee faarsee namoota Qiir Hareeshetiif booʼa.
Qabeenyi isaan horatan duraa badeera.
37 Mataan hundinuu haadamee
hareedni hundinuu cirameera;
harki hundinuu muramee mudhiin hundis
wayyaa gaddaatiin hidhameera.
38 Waan ani akkuma okkotee namni tokko iyyuu hin feeneetti
Moʼaabin caccabseef
bantii mana Moʼaab hunda irraa fi oobdii sabaa keessa
booʼicha malee wanni tokko iyyuu hin jiru”
jedha Waaqayyo.
39 “Isheen akkam akkas caccabde! Isaan akkam akkas wawwaatu!
Moʼaab akkam akkas dugda ishee qaaniidhaan garagalfatte!
Moʼaab waan kolfaa taatee,
warra naannoo ishee jiraatan hundaaf waan sodaa taateerti.”
40  Waaqayyo akkana jedha:
“Ilaa! Risaan tokko Moʼaab irratti
qoochoo balʼisee furguggifamaa gad buʼaa jira.
41 Keriiyooti ni qabamti;
daʼannoon ishee jajjaboonis ni fudhatamu.
Bara sana keessa garaan loltoota Moʼaab
akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
42 Moʼaab sababii Waaqayyoon tuffatteef
barbadooftee saba taʼuun ishee ni hafa.
43 Yaa saba Moʼaab sodaan,
boollii fi kiyyoon si eeggata”
jedha Waaqayyo.
44 “Namni sodaa sana duraa baqatu
kam iyyuu boolla keessa buʼa;
namni boolla sana keessaa ol baʼu
kam iyyuu kiyyoodhaan qabama;
ani Moʼaabitti
waggaa adabamuu ishee nan fidaatii”
jedha Waaqayyo.
 
45 “Baqattoonni waan taʼan dhabanii
gaaddisa Heshboon jala dhadhaabatu;
Heshboon keessaa ibiddi tokko,
Sihoon gidduudhaas arrabni ibiddaa ni kaʼaatii;
inni adda Moʼaab guba,
buqqee mataa of tuultotaas ni guba.
46 Yaa Moʼaab siif wayyoo!
Uummanni Kemoosh barbadaaʼeera;
Ilmaan kee boojiʼamanii fudhatamaniiru;
intallan kees boojiʼamaniiru.
 
47 “Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa
hambaa Moʼaab deebisee nan dhaaba”
jedha Waaqayyo.
Murtiin Moʼaabitti murame sun asitti dhuma.