49
Ergaa Waaʼee Amoon
Waaʼee Amoonotaa:
 
Waaqayyo akkana jedha:
“Israaʼel ilmaan hin qabuu?
Inni nama isa dhaalu hin qabuu?
Yoos Moolek maaliif Gaadin dhalche ree?
Namoonni isaa maaliif magaalaa ishee keessa jiraatu?
Garuu barri ani itti Rabbaa Amoonotaatti
sagalee waca waraanaa dhageessisu tokko ni dhufa”
jedha Waaqayyo.
“Isheen tuullaa badiisaa ni taati;
gandoonni naannoo ishee jiranis ibiddaan gubamu.
Ergasii Israaʼel warra ishee ariʼee baase sana
ariitee biyyaa ni baafti,”
jedha Waaqayyo.
“Yaa Heshboon wawwaadhu, Aayi barbadoofteertii!
Yaa jiraattota Rabbaa iyyaa!
Wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa;
dallaa keessa asii fi achi fiigaa;
Moolek lubootaa fi qondaaltota isaa wajjin
boojiʼamee ni fudhatamaatii.
Ati maaliif sulula keetiin boonta?
Maaliif sulula kee gabbataa sanaan boonta?
Yaa intala hin amanamne ati sooruma kee abdattee,
‘Eenyutu na tuqa?’ jetta.
Ani warra naannoo kee jiraatan hunda irraa
sodaa sitti nan fida”
jedha Gooftaan, Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.
“Tokkoon tokkoon keessan ni ariʼamtu;
namni baqattoota walitti qabu tokko iyyuu hin jiru.
 
“Taʼu illee ani ergasii hambaawwan Amoonotaa deebisee nan dhaaba”
jedha Waaqayyo.
Ergaa Waaʼee Edoom
49:9‑10 kwf – Abd 5–6
49:14‑16 kwf – Abd 1–4
Waaʼee Edoom:
 
Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
“Siʼachi Teemaan keessa ogummaan hin jiruu?
Hubattoota duraa gorsi badeeraa?
Ogummaan isaanii sameeraa?
Warri Deedaan keessa jiraattan garagalaa,
baqadhaatii holqa gad fagoo keessa dhokadhaa;
ani yeroo Esaawun adabutti
badiisa isatti nan fidaatii.
Warri gumaa wayinii guuran utuu gara kee dhufanii silaa
qarmii wayii hin hambisanii?
Hattuun yoo halkan dhufte,
Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii?
10 Ani garuu Esaawun qullaa nan hambisa;
akka inni itti hin daʼanneef
ani iddoo inni itti dhokatu ifatti nan baasa.
Ijoolleen isaa, firoonni isaatii fi olloonni isaa ni badu;
innis siʼachi hin jiraatu.
11 ‘Daaʼimman kee kanneen warra hin qabne dhiisi;
anatu isaan jiraachisaatii.
Haadhonni hiyyeessaa kee na amanachuu dandaʼu.’ ”
12  Waaqayyo akkana jedha: “Yoo warri xoofoo dhuguun isaaniif hin malin ishee dhuguu qabaatan, ati maaliif utuu hin adabamin hafta ree? Ati ishee dhuguu qabda malee utuu hin adabamin hin haftu. 13 Ani akka Bozraan diigamtee waan sodaa, waan fafaatii fi waan abaarsaa taatu maqaa kootiin nan kakadha” jedha Waaqayyo. “Magaalaawwan ishee hundis bara baraan ni diigamu.”
14 Ani ergaa tokko Waaqayyo irraa dhagaʼeera:
Ergamaan tokko akkana jechuuf gara sabootaatti ergame;
“Ishee loluuf walitti qabamaa!
Waraanaafis baʼaa!”
 
15 “Ani amma saboota gidduutti sin xinneessa;
namoota keessatti illee tuffatamaa sin godha.
16 Ati kan hallayyaa kattaa irra jiraattee
fiixee tulluu qabattee jirtu,
sodaan ati odeessituu fi
of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.
Yoo ati akkuma risaa ol fageessitee
mana ijaarrattu iyyuu ani achii gad sin buusa”
jedha Waaqayyo.
17 “Edoom waan sodaa taati;
namni achiin darbu hundis sababii madaa ishee hundaatiif
dinqisiifatee isheetti kolfa.
18 Isheen akkuma Sodoomii fi Gomoraan
magaalaawwan naannoo isaanii jiran wajjin balleeffaman sana ni taati”
jedha Waaqayyo,
“namni tokko iyyuu achi hin jiraatu,
sanyiin namaa tokkos ishee keessa hin qubatu.
 
19 “Ani akkuma leenca bosona Yordaanosii baʼee
gara lafa dheedaa gabbataa dhufu tokkoo
dafee Edoomin biyya isheetii nan ariʼa.
Filatamaan ani waan kanaaf muudu eenyu?
Kan akka koo eenyu? Eenyutus naan morkuu dandaʼa?
Tiksee akkamiitu fuula koo dura dhaabachuu dandaʼa?”
 
20 Kanaafuu waan Waaqayyo Edoomitti karoorfate,
waan inni warra Teemaan keessa jiraatanitti yaades dhagaʼaa.
Ilmaan bushaayee harkifamanii ni fudhatamu;
innis sababii isaaniitiif jedhee lafa dheeda isaanii ni barbadeessa.
21 Sagalee kufaatii isaaniitiin lafti ni raafamti;
iyyi isaanii hamma Galaana Diimaatti ni dhagaʼama.
22 Ilaa! Risaan tokkoo Bozraa irratti qoochoo balʼisee
furguggifamaa gad buʼaa jira.
Bara sana keessa garaan loltota Edoom
akkuma garaa dubartii ciniinsifachuutti jirtu tokkoo taʼa.
Ergaa Waaʼee Damaasqoo
23 Waaʼee Damaasqoo:
“Hamaatii fi Arfaad ni raafamu;
isaan oduu hamaa dhagaʼaniiruutii.
Isaan abdii kutatanii akkuma galaana boqonnaa
hin qabne tokkoo jeeqamaniiru.
24 Damaasqoon dadhabdeerti;
isheen baqachuuf gara galteerti;
sodaan guddaan ishee qabateera;
akkuma miixuu dubartii ciniinsifattuu,
rakkinaa fi miixuun isa qabeera.
25 Magaalaan beekamaan,
magaalaan ani itti gammadu sun akkam gatamti!
26 Dhugumaan dargaggoonni ishee karaa irratti dhumu;
loltoonni ishee hundinuu gaafas afaan qabatu”
jedha Waaqayyo.
27 “Ani dallaawwan Damaasqootti ibidda nan qabsiisa;
ibiddi sunis daʼannoo Ben-Hadaad gubee balleessa.”
Ergaa Waaʼee Qeedaariitii fi Haazoor
28 Waaʼee Qeedaariitii fi waaʼee mootummoota Haazoor kanneen Nebukadnezar mootiin Baabilon lole sanaa:
 
Waaqayyo akkana jedha:
“Kaʼaa, Qeedaarin lolaatii
saba gama Baʼa Biiftuu barbadeessaa.
29 Dunkaanonni isaaniitii fi bushaayeen isaanii ni fudhatamu;
golgaawwan isaanii miʼaa fi
gaalawwan isaanii wajjin fudhatamu.
Namoonnis, ‘Gama hundaan sodaatu jira!’
jedhanii iyyu.
 
30 “Isin warri Haazoor keessa jiraattan dafaa baqadhaa!
Holqa gad fagoo keessa dhokadhaa”
jedha Waaqayyo.
“Nebukadnezar mootiin Baabilon isinitti malateera;
inni daba isinitti yaadeera.
 
31 “Kaʼaatii saba nagaa qabu kan of amanatee jiraatu
saba karra yookaan danqaraa karraa hin qabne sanatti duulaa;
uummanni isaa kophuma ofii isaa jiraata”
jedha Waaqayyo.
32 “Gaalawwan isaanii ni hatamu,
horiin isaanii baayʼeenis ni boojiʼama.
Ani warra lafa fagoo jiran qilleensatti bittinneessee
gama hundaan balaa isaanitti nan fida”
jedha Waaqayyo.
33 “Haazoor iddoo jireenyaa waangoo,
lafa bara baraan onte taati.
Namni tokko iyyuu achi hin jiraatu;
namni tokko iyyuu ishee keessa hin qubatu.”
Ergaa Waaʼee Eelaam
34 Jalqaba bara mootummaa Zedeqiyaa mooticha Yihuudaa keessa dubbiin Waaqayyoo waaʼee Eelaam akkana jedhee gara Ermiyaas raajichaa dhufe:
 
35  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:
“Kunoo ani madda jabina isaanii,
iddaa Eelaam nan cabsa.
36 Ani kutaalee samiiwwanii afran irraa
bubbee afran Eelaamittan fida;
ani bubbee afranitti isaan nan bittinneessa;
sabni baqattoonni Eelaam
itti hin galle tokko iyyuu hin jiraatu.
37 Ani fuula diinota isaanii,
fuula warra lubbuu isaanii galaafachuu barbaadanii duratti
Eelaamin nan barbadeessa;
ani balaa isaanittan fida;
dheekkamsa koo sodaachisaa sanas isaanittan fida;
ani hamma isaan fixutti goraadeedhaan isaan ariʼa”
jedha Waaqayyo.
38 “Ani teessoo koo Eelaam keessa dhaabbadhee
mootii fi qondaaltota ishee nan barbadeessa”
jedha Waaqayyo.
 
39 “Taʼu illee ani bara dhufuuf jiru keessa
hambaa Eelaam deebisee nan dhaaba”
jedha Waaqayyo.