21
Magaalaawwan Lewwotaaf Kennaman
21:4‑39 kwf – 1Sn 6:54‑80
Hangafoonni maatii Lewwotaa Eleʼaazaar lubichatti, Iyyaasuu ilma Nuunittii fi hangafoota maatiiwwan gosoota Israaʼel kaanitti dhiʼaatanii Shiiloo Kanaʼaan keessatti argamtu sana keessatti, “Waaqayyo akka isin magaalaa nu keessa jiraannu lafa tikaa kan horii keenyaaf taʼu wajjin nuu kennitan karaa Museetiin ajajee ture” jedhaniin.
 
Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo ajajetti dhaala ofii isaanii keessaa magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa Lewwotaaf kennan.
 
Ixaan jalqabaa gosa Qohaatiif balbala balbalaan baʼe. Lewwota sanyii Aroon lubichaatiifis gosa Yihuudaa, gosa Simiʼoonii fi gosa Beniyaam keessaa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan.
Sanyii Qohaati warra hafaniif immoo balbala gosa Efreem, gosa Daanii fi walakkaa gosa Minaasee keessaa magaalaawwan kudhan ixaadhaan argatan.
Sanyiiwwan Geershooniif balbala gosa Yisaakor, gosa Aasheer, gosa Niftaalemii fi walakkaa gosa Minaasee kan Baashaan keessaa sana irraa magaalaawwan kudha sadii ixaadhaan argatan.
Sanyiiwwan Meraariis balbala balbalaan gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gosa Zebuuloon keessaa magaalaawwan kudha lama ixaadhaan argatan.
 
Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sanatti magaalaawwan kanneenii fi lafa tikaa ixaadhaan Lewwotaaf kennan.
 
Gosa Yihuudaa fi gosa Simiʼoon irraa magaalaawwan kanneen maqaa maqaadhaan qoodan; 10 sababii ixaan jalqabaa isaaniif baʼeef magaalaawwan kunneen sanyiiwwan Aroon warra Lewwotaa keessaa balbala Qohaati taʼaniif kennaman:
11 Isaanis Kiriyaati Arbaaq jechuunis Kebroon ishee biyya gaaraa Yihuudaa keessaa sana lafa tikaa naannoo ishee wajjin kennaniif. Arbaaq abbaa Anaaq ture. 12 Lafa qotiisaa fi gandoota naannoo magaalattii jiran garuu Kaaleb ilma Yefuneetiif handhuuraa godhanii kennan. 13 Kanaafuu sanyiiwwan Aroon lubichaatiif Kebroon jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatuu fi Libnaa, 14 Yatiir, Eshtimoʼaa, 15 Hooloon, Debiir, 16 Aayin, Yutaanii fi Beet Shemeshi lafa tikaa wajjin kennameef; isaan kunneen magaalaawwan sagallan gosoota lamaan irraa qoodamaniifii dha.
17 Gosa Beniyaam irraas
Gibeʼoon, Gebaaʼi, 18 Anaatootii fi Almoon lafa tikaa wajjin kennaniif; isaanis magaalaawwan afurii dha.
19 Magaalaawwan lafa tikaa wajjin sanyiiwwan Aroon kanneen luboota taʼaniif kennaman hundi kudha sadii turan.
 
20 Qohaatota balbala Lewwii warra hafaniif gosa Efreem irraa magaalaawwan kanneentu ixaadhaan argatan:
21 Isaanis biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem jechuunis
magaalaa namni nama ajjeesee himatamu itti baqatu sanaa fi Geezir, 22 Qibxaayimii fi Beet Horoon, walumatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan.
23 Akkasumas gosa Daan keessaa
Elteqee, Gibetoon, 24 Ayaaloonii fi Gat Rimoon, walumaa galatti magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin fudhatan.
25 Walakkaa gosa Minaasee keessaa immoo
Taʼanaakii fi Gat Rimoon, magaalaawwan lama lafa tikaa wajjin fudhatan.
26 Magaalaawwan kurnan kunneen hundii fi lafti tikaa isaanii balbala gosa Qohaati warra hafaniif kennaman.
 
27 Geershoonota balbala Lewwiitiif immoo:
Walakkaa gosa Minaasee keessaa,
Goolaan ishee Baashaan keessaa jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti baqatu sanaa fi Beʼeshitiraa, magaalaawwan lamaa fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
28 gosa Yisaakor keessaa
Kishoon, Daaberaati, 29 Yarmuutii fi Een Ganiim, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
30 gosa Aasheer keessaa
Mishiʼaal, Abdoon, 31 Helqaatii fi Rehoob, magaalaawwan afurii fi lafa tikaa isaaniitu kennameef;
32 gosa Niftaalem keessaa
Qaadesh ishee Galiilaa keessaa, magaalaan namni nama ajjeesee himatamu tokko itti kooluu galuu akkasumas Hamoot Doorii fi Qartaan, magaalaawwan sadii lafa tikaa isaanii wajjin kennameef.
33 Gosoota Geershoonotaatiif immoo magaalaawwan kudha sadiitu lafa tikaa wajjin kenname.
 
34 Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif:
gosa Zebuuloon keessaa,
Yoqeniʼaam, Qartaa, 35 Dimnaa fi Naahaalal, magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kenname;
36 gosa Ruubeen keessaa
Bezer, Yaahizaa, 37 Qidemootii fi Meefiʼaat, magaalaawwan afur lafa tikaa wajjin kennameef;
38 gosa Gaad keessaa immoo,
Raamooti ishee Giliʼaad keessaa jechuunis magaalaa namni nama ajjeesee himatamu tokko itti kooluu galu, Mahanayiim, 39 Heshboonii fi Yaʼizeer, walumaa galatti magaalaawwan afurtu lafa tikaa wajjin kennameef.
40 Lewwota hafan warra balbala Meraarii taʼaniif walumaa galatti magaalaawwan kudha lamatu ixaadhaan kenname.
 
41 Magaalaawwan Lewwotaa kanneen biyya Israaʼeloonni dhuunfatan keessatti argaman lafa tikaa wajjin walumaa galatti afurtamii saddeet turan. 42 Tokkoon tokkoon magaalaawwan kanneenii naannoo isaaniitii lafa tikaa qabu turan; magaalaawwan hundinuu akkanuma.
 
43 Kanaafuu Waaqayyo biyya abbootii isaaniitiif kennuuf kakate hunda saba Israaʼeliif kenne; isaanis biyya sana qabatanii achi jiraatan. 44  Waaqayyo akkuma abbootii isaaniitiif kakate sana karaa hundaan boqonnaa isaanii kenne. Diinni isaanii tokko iyyuu fuula isaanii dura dhaabachuu hin dandeenye; Waaqayyo diinota isaanii hunda dabarsee harka isaaniitti kenne. 45 Waadaa gaarii Waaqayyo mana Israaʼeliif gale keessaa tokko iyyuu hin hafne; hundinuu guutameera.