22
Gosoonni Gara Baʼa Biiftuu Biyyatti Deebiʼan
Ergasii Iyyaasuun gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee walitti waamee akkana jedheen; “Isin waan Museen garbichi Waaqayyoo ajaje hundumaa hojjettaniirtu; waan ani isin ajaje hundas naa ajajamtaniirtu. Isin bara dheeraaf, hamma harʼaatti illee obboloota keessan hin daganne; ajaja Waaqayyo Waaqni keessan isinii kennes eegdaniirtu. Waaqayyo Waaqni keessan akkuma waadaa gale sanatti obboloota keessan boqochiiseera; isin biyya Museen garbichi Waaqayyoo Yordaanos gamaa isinii kenne sanatti gara mana keessaniitti deebiʼaa. Garuu akka Waaqayyo Waaqa keessan jaallattaniif, akka karaa isaa hunda irra deemtaniif, akka ajajawwan isaa eegdaniif, akka isatti maxxantanii fi akka garaa keessan guutuu fi lubbuu keessan guutuudhaan isa tajaajiltaniif ajajaa fi seera Museen garbichi Waaqayyoo isinii kenne sana jabeessaa eegaa.”
Ergasiis Iyyaasuun eebbisee gad isaan dhiise; isaanis gara mana isaaniitti deebiʼan. Museen walakkaa gosa Minaaseetiif Baashaan keessaa lafa kennee ture; Iyyaasuun immoo walakkaa kaaniif Yordaanosiin gama lixaatti obboloota isaanii cinatti lafa kenne. Iyyaasuun yommuu gara mana isaaniitti isaan ergetti isaan eebbise; akkanas jedheen; “Qabeenya keessan guddaa jechuunis horii baayʼee, meetii, warqee, naasii fi sibiila akkasumas uffata baayʼee fudhadhaa galaatii boojuu diinota keessan irraa boojitan sana obboloota keessan wajjin qooddadhaa.”
Kanaafuu gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee gara biyya ofii isaanii gara Giliʼaad ishee akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajajetti argatan sanaatti deebiʼuuf jedhanii Shiiloo ishee Kanaʼaan keessaa sanatti Israaʼeloota dhiisanii deeman.
10 Gosti Ruubeen, gostii Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee yommuu Galiilooti biyya Kanaʼaan keessaa kan Yordaanos biraa sana gaʼanitti, iddoo aarsaa guddaa isaa Yordaanos biratti tolchan. 11 Israaʼeloonni yommuu akka isaan gama Israaʼelootaatiin daarii Kanaʼaan irratti Galiilooti ishee Yordaanos cinaa sanatti iddoo aarsaa tolchan dhagaʼanitti, 12 guutummaan waldaa Israaʼel isaanitti duuluuf Shiilootti walitti qabaman.
13 Kanaafuu Israaʼeloonni Fiinehaas ilma Eleʼaazaar lubichaa sana gara gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi gara walakkaa gosa Minaasee warra Giliʼaad keessa jiraatanitti ergan. 14 Isa wajjinis hangafoota kudhan, tokkoo tokkoo gosa Israaʼeliif nama tokko ergan; tokkoon tokkoon isaaniis hangafa balbala maatii Israaʼel.
15 Isaanis Giliʼaaditti gosa Ruubeen, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee bira dhufanii akkana isaaniin jedhan: 16 “Guutummaan waldaa Waaqayyoo akkana jedha: ‘Isin akkamitti akkanaan amanamummaa Waaqa Israaʼel wajjin qabdan sana cabsitu? Isin akkamitti Waaqayyo irraa garagaltanii isatti finciluudhaan ofii keessaniif iddoo aarsaa tolfattu? 17 Cubbuun Pheʼoor keessatti hojjetame sun nu hin gaʼuu? Dhaʼichi saba Waaqayyoo irra buʼu iyyuu, nu hamma harʼaatti cubbuu sana irraa of hin qulqulleessine. 18 Isin ammas Waaqayyo irraa garagaluu keessanii?
“ ‘Yoo isin harʼa Waaqayyotti finciltan inni immoo bori hawaasa Israaʼel hundatti ni dheekkama. 19 Yoo lafti isin qabattan sun xuroofte, gara lafa Waaqayyo iddoo dunkaanni Waaqayyoo dhaabatuu kottaatii nu wajjin lafa qoodadhaa. Garuu iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa malee iddoo aarsaa biraa ofii keessanii tolfattanii Waaqayyotti yookaan nutti hin fincilinaa. 20 Yeroo Aakaan ilmi Zaaraa waan dhowwamaa taʼe fudhachuudhaan cubbuu hojjetetti waldaa Israaʼel hundatti dheekkamsi hin dhufnee? Namni sababii cubbuu isaatiin duʼe isa qofa miti.’ ”
21 Kana irratti gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkana jedhanii hangafoota maatiiwwan Israaʼeliif deebisan; 22 Waaqayyo Waaqni waaqotaa, Waaqayyo Waaqni waaqotaa ni beeka! Israaʼelis haa beeku! Yoo wanni kun Waaqayyotti finciluuf yookaan isaa ajajamuu diduuf taʼe harʼa nu hin hambisin. 23 Yoo nu Waaqayyo irraa deebiʼuuf jennee, aarsaa gubamuu fi kennaa midhaanii, yookaan aarsaa nagaa achi irratti dhiʼeessuuf iddoo aarsaa ofii keenyaa tolfannee jiraanne, Waaqayyo mataan isaa itti nu haa gaafatu.
24 “Sababiin nu waan kana gooneef ijoolleen keessan gara fuula duraatti ijoollee keenyaan akkana jedhu taʼa jennee sodaannee ti; ‘Isin Waaqayyo Waaqa Israaʼel irraa maali qabdu? 25  Waaqayyo nuu fi isin jechuunis isin gosa Ruubeenii fi gosa Gaad gidduu Yordaanos daarii godhee dhaabeera! Isin Waaqayyo irraa qooda tokko illee hin qabdan.’ Kanaafuu ijoolleen keessan akka ijoolleen keenya Waaqayyoon sodaachuu dhiisan godhu taʼa.
26 “Sababiin nu, ‘Kottaa qophoofnee iddoo aarsaa tokko tolfannaa; garuu iddoon aarsaa kun kan aarsaan gubamu yookaan qalmi irratti dhiʼeeffamuu miti’ jenneefis kanuma. 27 Karaa biraa immoo akka iddoon aarsaa kun akka nu aarsaa keenya kan gubamu, qalma keenyaa fi aarsaa nagaatiin iddoo qulqulluu isaatti Waaqayyoon waaqeffannuuf nu, isinii fi dhaloota dhufu gidduutti dhugaa baatuu taʼuuf. Kana booddee ijoolleen keessan ijoollee keenyaan, ‘Isin Waaqayyo irraa qooda tokko illee hin qabdan’ jechuu hin dandaʼan.
28 “Nus akkana jenne; ‘Yoo isaan baroota dhufuuf jiran keessa nuun yookaan dhaloota keenyaan akkas jedhan, mee fakkii iddoo aarsaa Waaqayyoo kan abbootiin keenya aarsaa gubamu yookaan qalma irratti dhiʼeessuuf utuu hin taʼin akka inni nuu fi isin gidduutti dhuga baatuu taʼuuf tolchan kana ilaalaa jennaan.’
29 “Iddoo aarsaa Waaqayyo Waaqa keenyaa kan dunkaana isaa qulqulluu dura dhaabatu sana malee harʼa iddoo aarsaa kan aarsaan gubamu, kennaan midhaaniitii fi qalmi irratti dhiʼeeffamu kan biraa tolchuudhaan Waaqayyotti fincillee isa irraa garagaluun nurraa haa fagaatu.”
30 Fiinehaas lubichi, qajeelchitoonni sabaatii fi hangafoonni maatiiwwan Israaʼel yommuu waan gosti Ruubeen, gosti Gaadii fi gosti Minaasee jedhan dhagaʼanitti ni gammadan. 31 Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaas ijoollee Ruubeeniin, ijoollee Gaadii fi ilmaan Minaaseetiin, “Nu harʼa sababii isin waan kana keessatti Waaqayyoof amanamummaa hin dhiisiniif akka Waaqayyo nu wajjin jiru beekneerra. Isin amma Israaʼeloota harka Waaqayyoo jalaa baaftaniirtu” jedhe.
32 Ergasiis Fiinehaas ilmi Eleʼaazaar lubichaa fi qajeelchitoonni sun ijoollee Ruubeenii fi ijoollee Gaad wajjin Giliʼaaditti wal gaʼii godhatanii gara Kanaʼaanitti deebiʼanii oduu achii fidan Israaʼelootatti himan. 33 Isaanis oduu kana dhagaʼanii gammadanii Waaqa galateeffatan. Lammatas itti deebiʼanii waaʼee isaanitti duuluu fi biyya gosti Ruubeenii fi gosti Gaad keessa jiraatu sana balleessuu hin dubbanne.
34 Gosti Ruubeenii fi gosti Gaadis maqaa kanaan iddoo aarsaa sana moggaasan: Iddoon Aarsaa kun akka Waaqayyo Waaqa taʼe Nu Gidduutti Dhugaa Baatuu dha.