18
Hisqiyaas Mooticha Yihuudaa
18:2‑4 kwf – 2Sn 29:1‑2; 31:1
18:5‑7 kwf – 2Sn 31:20‑21
18:9‑12 kwf – 2Mt 17:3‑7
Bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa waggaa sadaffaatti Hisqiyaas ilmi Aahaaz mooticha Yihuudaa mootii taʼee bulchuu jalqabe. Inni Yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas. Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete. Inni iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa diige; dhagaawwan waaqeffannaa caccabsee siidaawwan Aasheeraa illee burkuteesse. Sababii Israaʼeloonni hamma bara sanaatti ixaana aarsaafii turaniif inni fakkii bofaa kan Museen naasii irraa hojjete sana illee ni caccabse. Fakkiin bofaa sun Nehushtaan jedhamee waamama ture.
Hisqiyaas Waaqayyo Waaqa Israaʼel amanate. Mootota Yihuudaa hunda keessaa namni akka isaa tokko iyyuu isa duraan yookaan isa duubaan hin turre. Inni jabaatee Waaqayyotti hiiqe malee isa duukaa buʼuu hin dhiisne; seera Waaqayyo Museef kenne sanas ni eege. Waaqayyos isa wajjin ture; inni waan hojjete hunda keessatti ni milkaaʼe. Inni mootii Asooritti fincile malee isa hin tajaajille. Inni gamoo eegumsaatii jalqabee hamma magaalaa dallaa jabaa qabuutti, hamma Gaazaattii fi daangaa isheetti Filisxeemota ni moʼate.
Waggaa afuraffaa bara Hisqiyaas mootichaa keessa jechuunis waggaa torbaffaa bara Hoosheeʼaa ilma Eelaa mooticha Israaʼel keessa Shalmaneseer mootichi Asoor Samaariyaatti duulee marsee ishee qabate. 10 Dhuma waggaa sadaffaatti Asooronni ishee fudhatan. Akkasiinis Samaariyaan waggaa jaʼaffaa bara mootummaa Hisqiyaas keessa, waggaa saglaffaa bara Hoosheeʼaa mooticha Israaʼel keessa ni fudhatamte. 11 Mootiin Asooris Israaʼeloota boojiʼee Asooritti geessee Halaa keessa, Goozaan keessa, Laga Haaboor biraa fi magaalaawwan Midiyaan keessa ni qubachiise. 12 Wanni kun sababii isaan Waaqayyo Waaqa isaaniitiif ajajamuu didanii kakuu isaa, ajaja Museen garbichi Waaqayyoo isaaniif kenne hunda cabsaniif isaanitti dhufe. Isaan ajaja sana hin dhaggeeffanne yookaan hojii irra hin oolchine.
13 Bara mootummaa Hisqiyaas mootichaa keessa waggaa kudha afuraffaatti, Senaaheriib mootichi Asoor magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda lolee ni qabate. 14 Kanaafuu Hisqiyaas mootichi Yihuudaa, “Ani balleessaa hojjedheera. Biyya koo keessaa naa baʼi; ani waan ati na gaafattu kam iyyuu siifin kennaa” jedhee gara Laakkiishitti mooticha Asooritti ergaa ergate. Mootichi Asooris, “Meetii taalaantii dhibba sadii fi warqee taalaantii soddoma naa kenni” jedhee Hisqiyaas mooticha Yihuudaa ni gaafate. 15 Kanaafuu Hisqiyaas meetii mana qulqullummaa Waaqayyoo keessattii fi kan mankuusaa masaraa mootummaa keessatti argamu hunda guuree kenneef.
16 Yeroo kanatti Hisqiyaas mootichi Yihuudaa warqee balbalaa fi dhaaba balbala mana qulqullummaa Waaqayyootti uffisee ture irraa baasee mootii Asooriif kenne.
Senaaheriib Yerusaalemin Doorsise
18:13,17‑37 kwf – Isa 36:1‑22
18:17‑35 kwf – 2Sn 32:9‑19
17 Ergasii Mootichi Asoor ajajaa waraanaa isaa ol aanaa, ajajaa hangafaa fi ajajaa waraana isaa loltoota hedduu wajjin Laakkiishii gara Yerusaalemitti Hisqiyaas mootichatti ni erge. Isaanis Yerusaalem dhufanii boʼoo haroo ol aanuu bira karaa lafa qotiisaa namicha wayyaa miicuutti geessu irra dhadhaabatan. 18 Isaan mooticha ni waamsifatan; Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan isaanitti gad baʼan.
19 Ajajaan waraanaa sunis akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa Hisqiyaasitti himaa:
“ ‘Mootiin guddaan, mootichi Asoor akkana jedha: Of amanachuu kee kana maal irratti hundeeffatte? 20 Ati, “Ani tooftaa fi jabina waraanaa qaba” jetta; garuu dubbii faayidaa hin qabne dubbatta. Ati eenyun abdattee natti fincilta? 21 Kunoo ati Gibxin jechuunis ulee shambaqqoo caccabaa harka nama isatti irkatu kamii iyyuu waraanee madeessu sana abdatteerta! Faraʼoon mootichi Gibxis nama isa abdatu hundaaf akkasuma. 22 Yoo isin, “Nu Waaqayyo Waaqa keenya abdanna” naan jettan, inni isuma Hisqiyaas iddoowwan sagadaa isaatii fi iddoowwan aarsaa isaa diigee Yihuudaa fi Yerusaalemiin, “Isin fuula iddoo aarsaa kan Yerusaalem keessaa kana duratti waaqeffachuu qabdu” jedhe sana mitii?
23 “ ‘Amma kottuutii gooftaa koo mooticha Asoor wajjin dubbadhu; anis yoo ati namoota farda yaabbatan qopheeffachuu dandeesse fardeen kuma lama siifin kenna! 24 Ati yoo gaariiwwanii fi abbootii fardaatiif jettee Gibxin abdatte iyyuu akkamiin qondaaltota gooftaa kootii keessaa ajajaa gad aanaa isaa illee of irraa deebisuu dandeessa? 25 Ati waan ani dubbii Waaqayyoo malee iddoo kana lolee barbadeessuuf dhufe seetaa? Waaqayyo mataan isaa akka ani biyya kanatti duulee ishee barbadeessu natti dubbateera.’ ”
26 Kana irratti Eliiyaaqiim ilma Hilqiyaa, Shebnaa fi Yooʼaa ajajaa waraanaa sanaan, “Maaloo waan nu dhageenyuuf afaan warra Araamaayikiitiin garboota keetti dubbadhu. Utuma namoonni dallaa irra jiran dhagaʼanii afaan Ibrootaatiin nutti hin dubbatin” jedhan.
27 Ajajaan waraanaa sun garuu akkana jedhee deebise; “Namni gooftaan koo akka ani waan kana itti himuuf itti na erge gooftaa keessanii fi isin qofaa? Namoota dallaa irra tataaʼan warra akkuma keessan udaan ofii isaanii nyaatanii fincaan ofii isaanii dhuguu qabaniifis mitii?”
28 Ergasii ajajaan waraanaa sun ol kaʼee afaan Ibrootaatiin akkana jedhe; “Dubbii mooticha guddaa, dubbii mootii Asoor dhagaʼaa! 29 Mootichi akkana jedha: Hisqiyaas isin hin gowwoomsin. Inni harka kootii isin baasuu hin dandaʼu. 30 Hisqiyaas, ‘Waaqayyo dhugumaan nu baasa; magaalaan kunis dabarfamtee harka mooticha Asooritti hin kennamtu’ jechuudhaan akka isin Waaqayyoon amanattaniif isin hin sossobin.
31 “Hisqiyaasin hin dhaggeeffatinaa. Mootiin Asoor akkana jedha: Ana wajjin walii galtee nagaa dhaabbadhaatii natti gad baʼaa. Ergasii tokkoon tokkoon keessan muka wayiniitii fi muka harbuu keessan irraa ni nyaattu; boolla bishaan keessanii keessaas ni dhugdu; 32 kunis hamma ani dhufee gara biyya akkuma biyya keessanii jirtuu, gara biyya midhaanii fi daadhii wayinii haaraatti, gara biyya buddeenaa fi iddoo dhaabaa wayiniitti, gara biyya muka ejersaatii fi dammaatti isin geessutti taʼa. Isin jireenya filadhaa malee duʼa hin filatinaa!
“Waan inni, ‘Waaqayyo nu baraara’ jedhee isin dogoggorsuuf Hisqiyaasin hin dhagaʼinaa. 33 Waaqni saboota kamii iyyuu takkumaa harka mooticha Asoor keessaa biyya ofii baafatee beekaa? 34 Waaqonni Hamaatii fi waaqonni Arfaad eessa jiru? Waaqonni Seefarwaayim, waaqonni Heenaatii fi Iwaa eessa jiru? Isaan harka koo keessaa Samaariyaa baasaniiruu? 35 Waaqota biyyoota kanneenii hunda keessaa kamtu harka koo keessaa biyya isaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqayyo akkamiin harka koo keessaa Yerusaalemin baasuu dandaʼa ree?”
36 Namoonni garuu sababii mootichi, “Deebii hin kenninaafii” jedhee ajajeef inuma calʼisan malee deebii tokko iyyuu hin kennine.
37 Kana irratti Eliiyaaqiim ilmi Hilqiyaa bulchaan masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaanii fi Yooʼaa ilmi Asaaf galmeessaan uffata isaanii tatarsaasanii gara Hisqiyaas dhaqanii waan ajajaan waraanaa sun jedhe itti ni himan.