19
Furamuun Yerusaalem Duraan Durfamee Himame
19:1‑13 kwf – Isa 37:1‑13
Hisqiyaas mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti uffata isaa tarsaasee wayyaa gaddaas uffatee mana qulqullummaa Waaqayyoo seene. Innis Eliiyaaqiim bulchaa masaraa mootummaa, Shebnaa barreessaa fi luboota dura buʼoota hundi isaanii wayyaa gaddaa uffatan Isaayyaas raajicha ilma Amoos sanatti erge. Isaanis akkana jedhanii isatti himan; “Hisqiyaas akkana jedha; Guyyaan kun akkuma yeroo daaʼimni tokko dhalachuu gaʼee garuu dubartiin humna ittiin ciniinsifattee deessu dhabduutti guyyaa lubbamuu, kan dheekkamsaatii fi kan salphinaa ti. Waaqayyo Waaqni kee dubbii ajajaa waraanaa kan gooftaan isaa mootichi Asoor akka inni Waaqa jiraataatti qoosuuf erge sanaa hunda dhagaʼee dubbii Waaqayyo Waaqni kee dhagaʼe sanaaf jedhee isatti dheekkama taʼa. Kanaafuu ati hambaawwan hamma ammaatti jiraniif kadhadhu.”
Yommuu qondaaltonni Hisqiyaas mootichaa gara Isaayyaas dhufanitti, Isaayyaas akkana isaaniin jedhe; “Akkana jedhaa gooftaa keessanitti himaa; ‘Waaqayyo akkana jedha: Ati waan dhageesse jechuunis dubbii garboonni mootii Asoor ittiin na arrabsan sana hin sodaatin. Dhaggeeffadhaa! Ani akka inni oduu wayii dhagaʼee gara biyya ofii isaatti deebiʼuuf hafuura tokko isa keessa nan kaaʼa; achittis akka inni goraadeedhaan ajjeefamu nan godha.’ ”
Ajajaan waraanaas yommuu akka mootiin Asoor Laakkiishii baʼee deeme dhagaʼetti, duubatti deebiʼee utuu mootichi Libnaa lolaa jiruu argate.
Senaaheriibis akka Tiirhaaq mootichi Itoophiyaa sun isa loluuf dhufaa jiru dhagaʼe. Kanaafuu inni akkana jedhee amma illee Hisqiyaasitti ergamoota erge; 10 “Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin akkana jedhaa: Waaqni ati abdattu sun, ‘Yerusaalem dabarfamtee harka mootii Asooritti hin kennamtu’ jedhee si hin gowwoomsin. 11 Ati waan mootonni Asoor guutumaan guutuutti isaan balleessuudhaan biyyoota hunda godhan dhageesseerta. Ati immoo ni haftaa ree? 12 Waaqonni saboota abbootiin koo barbadeessan sanaa jechuunis waaqonni Goozaan, waaqonni Kaaraan, waaqonni Rezefii fi waaqonni namoota Eden kanneen Telaasaar keessa turan sanaa isaan oolchaniiruu? 13 Mootiin Hamaati, mootiin Arfaad, mootiin magaalaa Seefarwaayim yookaan mootiin Heenaa yookaan mootiin Iwaa eessa jira?”
Kadhaa Hisqiyaas
19:14‑19 kwf – Isa 37:14‑20
14 Hisqiyaasis ergamoota sana harkaa xalayaa fuudhee dubbifate. Ergasiis gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼee xalayaa sana fuula Waaqayyoo duratti diriirse. 15 Hisqiyaas akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo, Waaqa Israaʼel, kan kiirubeel gidduu teessoo irra jirtu, si qofatu mootummoota lafaa hunda irratti Waaqa. Ati samii fi lafa uumteerta. 16 Yaa Waaqayyo, gurra kee as qabiitii dhagaʼi; yaa Waaqayyo ija kees banadhuu ilaali; dubbii Senaaheriib kan inni Waaqa jiraataa arrabsuuf erge kana dhaggeeffadhu.
17 “Yaa Waaqayyo mootonni Asoor saboota kanaa fi biyyoota isaanii balleessuun dhugaa dha. 18 Isaan waaqota jaraa ibiddatti naqanii barbadeessaniiru; waaqonni sun mukaa fi dhagaa harka namaatiin soofaman turan malee waaqota hin turreetii. 19 Kanaafuu yaa Waaqayyo Waaqa keenya, akka mootummoonni lafaa hundinuu yaa Waaqayyo, akka ati qofti Waaqa taate beekaniif harka isaatii nu baasi.”
Kufaatii Senaaheriib
19:20‑37 kwf – Isa 37:21‑38
19:35‑37 kwf – 2Sn 32:20‑21
20 Sana booddee Isaayyaas ilmi Amoos akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Ani kadhaa kee kan ati waaʼee Senaaheriib mooticha Asoor kadhatte sana dhagaʼeera. 21 Dubbiin Waaqayyo isaan mormuudhaan dubbate kunoo kanaa dha:
“ ‘Intalli Xiyoon Durbi Qulqullittiin
si tuffattee sitti qoosti.
Intalli Yerusaalem yeroo ati baqattutti
mataa ishee sitti raafti.
22 Kan ati itti qoostee arrabsite sun eenyu?
Ati eenyutti sagalee kee ol fudhattee
of tuulummaadhaan ija ol qabatte?
Qulqullichuma Israaʼel sanatti mitii!
23 Ati karaa ergamoota keetiitiin
Gooftaatti qoosteerta.
Ati akkanas jetteerta;
“Ani gaariiwwan koo hedduudhaan
fiixee tulluuwwaniitti,
fiixee Libaanoon kan akka malee ol dheeratuttis ol baʼeera.
Ani birbirsawwan isaa kanneen akka malee dhedheeroo,
gaattiraawwan isaa filatamoo sanas ciccireera.
Ani iddoowwan isaa kanneen akka malee ol fagoo,
bosonoota isaa keessaa, mimmiidhagoo qaqqabeera.
24 Ani biyya ormaatti boolla bishaanii qotadhee
achitti bishaan dhugeera.
Ani faana miilla kootiin
lageen biyya Gibxi hunda gogseera.”
 
25 “ ‘Ati waan kana hin dhageenyee?
Bara dheeraan dura anatu waan kana hojjete.
Ani bara durii keessa waan kana nan karoorfadhe;
amma immoo hojii irra oolfadheera;
kunis akka ati magaalaawwan
dallaa jabaa qaban diigdee tuullaa dhagaa geeddartuu dha.
26 Namoonni isaanii humna dhabanii
abdii kutataniis qaanaʼan.
Isaan akkuma biqiltuu diidaa,
akkuma biqiltuu kichuu tokkoo,
akkuma marga mana gubbaatti biqilu
kan utuu hin guddatin gubatee ti.
 
27 “ ‘Ani garuu lafa ati jirtu,
yoom akka dhuftuu fi yoom akka deemtu,
akka ati akka malee natti aartu illee nan beeka.
28 Waan ati akka malee natti aartee guggubattee
of tuulummaan kee gurra koo gaʼeef,
ani hokkoo koo funyaan kee keessa,
luugama koo afaan kee keessa kaaʼeen
akka ati karuma dhufte sana
deebitu sin godha.’
29 “Yaa Hisqiyaas kun mallattoo siif taʼa:
“Isin waggaa kana waan ofumaan biqilu,
waggaa lammaffaatti immoo waanuma isa irraa latu nyaattu.
Waggaa sadaffaatti garuu facaafadhaa galfadhaa;
muka wayiniis dhaabbadhaatii ija isaa nyaadhaa.
30 Ammas hambaan mootummaa Yihuudaa tokko
jalaan hidda baafatee gubbaan immoo ija naqata.
31 Yerusaalem keessaa hambaan tokko,
Tulluu Xiyooniitii immoo gareen warra badiisa jalaa baʼe tokkoo ni dhufa.
Hinaaffaan Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu waan kana ni raawwata:
 
32 “Kanaafuu Waaqayyo waaʼee mooticha Asoor akkana jedha:
“ ‘Inni magaalaa kana hin seenu
yookaan xiyya tokko illee asitti hin darbatu.
Inni gaachana qabatee fuula isaa duratti hin dhiʼaatu
yookaan tuullaa biyyoo itti hin marsu.
33 Inni karuma dhufe sanaan ni deebiʼa;
magaalaa kanas hin seenu,
jedha Waaqayyo.
34 Anis sababii ofii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee,
magaalaa kana nan eega; nan oolchas.’ ”
35 Halkanuma sana ergamaan Waaqayyoo gad baʼee qubata warra Asoor keessatti nama kuma dhibba tokkoo fi saddeettamii shan fixe. Yommuu namoonni guyyaa itti aanu ganama bariin kaʼanitti kunoo reeffi namaa lafa guutee ture! 36 Kanaafuu Senaaheriib mootichi Asoor qubata sana keessaa baʼee baqate; Nanawweetti deebiʼees achi jiraate.
37 Gaaf tokko utuu inni mana sagadaa waaqa isaa Nisrook jedhamuu keessatti waaqeffachaa jiruu ilmaan isaa Adramelekii fi Sharezer goraadeedhaan isa ajjeesanii biyya Araaraatitti baqatan. Ilmi isaa Eesarhadoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.