20
Dhukkuba Hisqiyaas
20:1‑11 kwf – 2Sn 32:24‑26; Isa 38:1‑8
Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Isaayyaas ilmi Amoos raajichi gara isaa dhaqee, “Waaqayyo akkana jedha; ‘Mana kee tottolfadhu; ati ni duuta malee hin fayyituutii’ ” jedheen.
Hisqiyaasis fuula isaa gara keenyan manaatti garagalfatee akkana jedhee Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo, akka ani amanamummaa fi garaa tokkoon fuula kee dura jiraadhee waan fuula kee duratti gaarii taʼes hojjedhe yaadadhu.” Hisqiyaasis hiqqifatee ni booʼe.
Utuu Isaayyaas oobdii gara gidduu jiru sana keessaa hin baʼin dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara isaa dhufe; “Deebiʼii dhaqiitii akkana jedhii Hisqiyaas hoogganaa saba kootiitti himi; ‘Waaqayyo Waaqni abbaa kee Daawit akkana jedha: Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; imimmaan kees argeera; ani sin fayyisa. Ati ammaa jalqabdee guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baata. Ani umurii kee irratti waggaa kudha shan siifan dabala. Ani siʼii fi magaalaa kana harka mooticha Asooriitii nan baasa. Ani sababii kootii fi sababii garbicha koo Daawitiif jedhee magaalaa kana nan eega.’ ”
Kana irratti Isaayyaas, “Maxinoo harbuu tolchaa” jedhe. Isaanis qopheessanii dhullaa isaa irra kaaʼaniif; innis ni fayye.
Hisqiyaasis, “Akka Waaqayyo na fayyisuu fi akka ani guyyaa sadaffaatti gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼuuf maaltu mallattoo taʼa?” jedhee Isaayyaasin gaafate.
Isaayyaasis akkana jedhee deebise; “Akka Waaqayyo waan waadaa gale sana hojjetuuf mallattoon Waaqayyo siif kennu kunoo kanaa dha; gaaddidduun tokko tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti haa deemuu moo yookaan tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti haa deebiʼuu?”
10 Hisqiyaas immoo, “Tarkaanfii kudhan gara fuula duraatti deemuun gaaddidduu tokkoof waan salphaa dha; qooda kanaa akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhi” jedhe.
11 Kana irratti Isaayyaas raajichi iyyee Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos akka gaaddidduun sun tarkaanfii kudhan gulantaa Aahaaz irra gara fuula duraatti deemee ture sana irraa tarkaanfii kudhan gara dugda duubaatti deebiʼu godhe.
Ergamoota Baabilon Dhufan
20:12‑19 kwf – Isa 39:1‑8
20:20‑21 kwf – 2Sn 32:32‑33
12 Yeroo sanatti Meroodak Baladaan ilmi Baladaan mootiin Baabilon sababii akka Hisqiyaas dhukkubsate dhagaʼeef xalayootaa fi kennaa ergeef. 13 Hisqiyaasis ergamoota sana simatee waan mankuusa isaa keessa ture hunda jechuunis meetii, warqee, urgooftuu fi zayitii qulqulluu akkasumas kuusaa miʼa lolaa isaa fi waan mankuusa isaa keessatti argamu hunda isaanitti argisiise. Wanni Hisqiyaas masaraa mootummaa isaa keessaa yookaan mootummaa isaa hunda keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin turre.
14 Kana irratti Isaayyaas raajichi gara Hisqiyaas mootichaa dhaqee, “Namoonni sun maal jedhan? Isaan eessaa dhufan?” jedhee gaafate.
Hisqiyaasis, “Isaan Baabilonii biyya fagoodhaa dhufan” jedhee deebise.
15 Raajichi, “Jarri masaraa mootummaa keetii keessatti maal argan?” jedhee gaafate.
Hisqiyaas immoo, “Isaan waan masaraa mootummaa koo keessa jiru hunda argan. Wanni ani mankuusa koo keessaa isaanitti hin argisiisin tokko iyyuu hin jiru” jedheen.
16 Isaayyaasis kana irratti Hisqiyaasiin akkana jedhe; “Dubbii Waaqayyoo dhagaʼi: 17 Yeroon itti wanni masaraa mootummaa keetii keessa jiru hundii fi wanni abbootiin kee hamma harʼaatti kuusan hundinuu saamamee gara Baabilonitti geeffamu tokko dhugumaan ni dhufa. Wanni tokko iyyuu hin hafu, jedha Waaqayyo. 18 Sanyii kee keessaa namoonni tokko tokko, foonii fi dhiigni kee kanneen siif dhalatan boojiʼamanii masaraa mootummaa mooticha Baabilon keessatti xuʼaashiiwwan taʼu.”
19 Hisqiyaasis, “Dubbiin Waaqayyoo kan ati dubbatte kun gaarii dha” jedhee deebise. Inni, “Bara jireenya koo keessa nagaa fi tasgabbiin hin jiraatuu?” jedhee yaadee tureetii.
20 Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa, jabinni isaa hundii fi akki inni itti haroo fi ujummoo ittiin bishaan harkisanii gara magaalaatti fidan hojjetes kitaaba seenaa mootota Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru mitii? 21 Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqote. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.