23
Ergasii yaaʼiin sun guutuun kaʼee Yesuusin gara Phiilaaxoositti geesse. Isaanis, “Nu utuu namichi kun saba keenya karaa irraa jalʼisuu, utuu inni akka Gibirri Qeesaariif hin baafamne godhuu, akkasumas utuu inni akka mataan isaa Kiristoos* mooticha taʼe dubbatuu argineerra” jedhanii isa himachuu jalqaban.
Kanaafuu Phiilaaxoos, “Ati mootii Yihuudootaatii?” jedhee Yesuusin gaafate.
Yesuus immoo, “Atuu jette kaa!” jedhee deebise.
Phiilaaxoosis luboota hangafootaa fi tuuta namootaatiin, “Ani namicha kana irratti yakka tokko illee hin arganne” jedhe.
Isaan garuu ittuma caalchisanii, “Inni Galiilaa irraa jalqabee Yihuudaa hunda keessatti barsiisa isaatiin saba jeeqaa hamma asiitti illee dhufeera” jedhan.
Phiilaaxoosis yommuu waan kana dhagaʼetti, “Namichi kun nama Galiilaatii?” jedhee gaafate. Innis yommuu akka Yesuus nama kutaa Heroodis bulchuu taʼe beeketti Heroodisitti isa erge; Heroodisis yeroo sana Yerusaalem keessa ture.
Heroodis yommuu Yesuusin argetti akka malee gammade; inni sababii waaʼee Yesuus dhagaʼaa fi hojii dinqii kan inni hojjetu tokko tokko akka arguu abdachaa tureef yeroo dheeraaf isa arguu barbaadaa ture. Innis Gaaffii baayʼee isa gaafate; Yesuus garuu deebii tokko illee hin kennineef. 10 Luboonni hangafoonnii fi barsiistonni seeraa achi dhadhaabatanii cimsanii isa himachaa turan. 11 Heroodisii fi loltoonni isaa isa tuffatan; isatti qoosanis. Isaanis uffata miidhagaa isatti uffisanii deebisanii Phiilaaxoositti isa ergan. 12 Guyyuma sana Heroodisii fi Phiilaaxoos walitti michooman; isaan duraan diina walii turaniitii.
13 Phiilaaxoosis luboota hangafoota, bulchitootaa fi saba walitti waamee, 14 akkana isaaniin jedhe; “Isin namichi kun, ‘karaa irraa saba jalʼisa’ jettanii isa natti fiddan; anis fuuluma keessan duratti isa qoree akka inni waan isin ittiin isa himattan sana keessaa tokko illee hojjete hin argine. 15 Heroodisis waan tokko illee isa irratti hin argine; inni deebisee isa nutti ergeeraatii. Akkuma isin argitan kana namichi kun waan duʼaan isa gaʼu tokko illee hin hojjenne. 16 Kanaafuu ani namicha kana adabeen gad isa dhiisa.” [ 17 Phiilaaxoosis guyyaa ayyaanaatiin nama tokko mana hidhaatii gad isaanii dhiisuun dirqama ture.]
18 Isaan garuu sagalee tokkoon iyyanii, “Namicha kana balleessi! Barabbaasin gad nuu dhiisi!” jedhan. 19 Barabbaas sababii fincila magaalaa keessatti kaʼeetii fi ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufamee ture.
20 Phiilaaxoosis Yesuusin gad dhiisuu barbaadee amma illee isaanitti dubbate. 21 Isaan garuu, “Isa fannisi! Isa fannisi!” jedhanii iyyaa turan.
22 Innis yeroo sadaffaa, “Maaliif? Namichi kun yakka maalii hojjete? Ani yakka duʼaan isa gaʼu isa irratti hin arganne. Kanaafuu ani isa adabeen gad isa dhiisa” isaaniin jedhe.
23 Isaan garuu akka inni fannifamuuf sagalee guddaadhaan ittuma cichanii gaafatan; iyyi isaaniis ittuma jabaate. 24 Kanaaf Phiilaaxoos waan isaan kadhatan sana isaaniif kennuu murteesse. 25 Innis namicha sababii fincilaatii fi sababii ajjeechaa namaatiin mana hidhaa keessa buufame kan isaan akka inni hiikamuuf kadhatan sana gad dhiise; Yesuusin immoo dabarsee fedhii isaaniitti kenne.
Yesuus Fannifamuu Isaa
23:33‑43 kwf – Mat 27:33‑44; Mar 15:22‑32; Yoh 19:17‑24
26 Isaanis utuu Yesuusin geessaa jiranuu Simoon namicha Qareenaa tokko utuu inni baadiyyaadhaa dhufaa jiruu qaban; fannoo sanas isa irra kaaʼanii akka inni baatee Yesuus duubaan deemu isa dirqisiisan. 27 Namoonni baayʼeen, dubartoota keessaas warri isaaf gaddaa fi booʼaa turan isa duukaa buʼan. 28 Yesuusis isaanitti garagalee akkana jedhe; “Yaa durboota Yerusaalem, ofii keessanii fi ijoollee keessaniif booʼaa malee naaf hin booʼinaa. 29  Kunoo guyyoonni itti namoonni, ‘dubartoonni dhabdoonni, garaan takkumaa ulfa hin baatinii fi harmi takkumaa hin hoosisin eebbifamoo dha’ jedhan ni dhufuutii. 30  Yeroo sana,
“ ‘Namoonni gaarraniin, “Nurratti jigaa!”
tulluuwwaniin immoo, “Nu dhoksaa!”ni jedhu.’
31  Isaan erga muka jiidhaa akkana godhanii muka gogaa immoo akkam haa godhan?”
32 Namoonni biraa kanneen yakkitoota turan lamas isa wajjin ajjeefamuuf geeffaman. 33 Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan. 34 Yesuusis, “Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi” jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.
35 Namoonnis achi dhadhaabatanii ilaalaa turan; bulchitoonni garuu, “Inni warra kaan oolcheera. Inni yoo dhuguma Kiristoos Waaqaa isa Filatamaa sana taʼe mee of haa oolchuu!” jedhanii isatti qoosan.
36 Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii, 37 “Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi” jedhan.
38 Katabbiin,
Kun Mooticha Yihuudootaa ti,
jedhu tokkos mataa isaatii ol ture.
39 Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, “Ati Kiristoos mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!” jedhee isa arrabse.
40 Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; “Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu? 41 Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne.”
42 Yesuusiinis, “Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu” jedhe.
43 Yesuusis deebisee, “Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta” jedheen.
Duʼuu Yesuus
23:44‑49 kwf – Mat 27:45‑56; Mar 15:33‑41
44 Yeroon sun gara saʼaatii jaʼaa ture; hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe; 45 aduun ifa dhowwatteetii. Golgaan mana qulqullummaas iddoo lamatti ni tarsaʼe. 46 Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha” jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate.
47 Ajajaan dhibbaa sunis yommuu waan taʼe sana argetti Waaqaaf ulfina kennee, “Dhugumaanuu namichi kun nama qajeelaa ture” jedhe. 48 Namoonni waan kana ilaaluuf iddoo sanatti walitti qabaman hundi yommuu waan taʼe sana arganitti qoma isaanii rurrukutaa achii deeman. 49 Warri isa beekan hundi, dubartoonni Galiilaadhaa isa duukaa buʼanis fagoo dhaabatanii waan kana ilaalaa turan.
Awwaalamuu Yesuus
23:50‑56 kwf – Mat 27:57‑61; Mar 15:42‑47; Yoh 19:38‑42
50 Kunoo namicha miseensa waldaa Yihuudootaa kan Yoosef jedhamu tokkotu ture; inni nama gaarii fi qajeelaa ture; 51 innis murtii fi hojii isaanii irratti jaraan walii hin galle. Yoosef magaalaa Yihuudaa kan Armaatiyaa jedhamtuu dhufe; innis mootummaa Waaqaa eeggachaa ture. 52 Namichi kun gara Phiilaaxoos dhaqee reeffa Yesuus kadhate. 53 Reeffa sanas gad buusee huccuu quncee talbaa irraa hojjetameen kafanee awwaala garaa kattaa keessatti qotame kan namni tokko iyyuu duraan itti hin awwaalamin tokko keessa kaaʼe. 54 Guyyaan sun Guyyaa qophii ture; Sanbannis seenuu gaʼeera.
55 Dubartoonni Yesuus wajjin Galiilaadhaa dhufanis Yoosef duukaa buʼanii awwaala sanaa fi akka itti reeffi Yesuus awwaala keessa kaaʼame argan. 56 Achii deebiʼaniis qayyaa fi shittoo qopheessan. Guyyaa Sanbataa garuu seeraaf ajajamuuf jedhanii boqotan.
* 23:2 23:2 yookaan Masiihii 23:17 23:17 Waraabbileen durii tokko tokko luqqisaa kana hin dabalatan. 23:30 23:30 Hos 10:8