24
Yesuus Duʼaa Kaʼuu Isaa
24:1‑10 kwf – Mat 28:1‑8; Mar 16:1‑8; Yoh 20:1‑8
Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii, dubartoonni sun urgooftuu qopheessan sana fudhatanii gara awwaalaa dhaqan. Isaanis dhagaa sana balbala awwaalaa irraa gara galfamee argan; yommuu seenanitti garuu reeffa Gooftaa Yesuus hin arganne. Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan. Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; “Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu? Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa. ‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’ jedhee tureetii.” Dubartoonnis dubbii isaa yaadatan.
Isaanis yommuu iddoo awwaalaatii deebiʼanitti waan kana hunda barattoota kudha tokkottii fi namoota hafan hundatti himan. 10 Warri waan kana ergamootatti himanis Maariyaam ishee Magdalaa, Yohaanaa, Maariyaam haadha Yaaqoobii fi dubartoota biraa warra isaan wajjin turanii dha. 11 Isaan garuu sababii dubbichi oduu sobaa itti fakkaateef dubartoota sana hin amanne. 12 Taʼus Phexros kaʼee gara awwaala sanaatti fiige. Yommuu gad jedhee ilaalettis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qofa arge; innis waan arge sana dinqifachaa deebiʼe.
Karaa Gara Emaahuus Geessu Irratti
13 Guyyuma sana isaan keessaa namoonni lama ganda Emaaʼuus jedhamu dhaqaa turan; Emaaʼuusis Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira kudha tokkoo fagaata. 14 Isaanis waaʼee waan taʼe sana hundaa walitti dudubbachaa turan. 15 Utuma isaan walitti dudubbachaa fi wajjin haasaʼaa jiranuus Yesuus mataan isaa itti dhiʼaatee isaan wajjin deemuu jalqabe. 16 Garuu akka isaan isa hin hubanneef iji isaanii qabamee ture.
17 Innis, “Wanni isin dudubbachaa deemtan kun maali?” jedhee isaan gaafate.
Isaanis gaddanii achuma dhadhaabatan. 18 Isaan keessaa namichi Qileyoophaa jedhamu tokko immoo deebisee, “Waan gidduu kana achitti taʼe kan hin beekne ati Yerusaalemiif keessummaadhaa?” jedheen.
19 Innis, “Maal faatu taʼe?” jedhee gaafate.
Isaanis deebisanii akkana jedhan, “Waaʼee Yesuus nama Naazreeti; inni raajii ture; fuula Waaqaatii fi fuula nama hundaa durattis dubbii fi hojiidhaan jabaa ture. 20 Luboonni hangafoonnii fi bulchitoonni keenya akka duuti itti muramuuf dabarsanii isa kennan; isa fannisanis. 21 Nu garuu namni Israaʼelin furu isa jennee abdannee turre. Kana irratti immoo erga wanni kun hundi taʼee harʼa guyyaa sadaffaa dha. 22 Akkasumas dubartoota keenya keessaa tokko tokko nu dinqisiisaniiru; isaanis barii barraaqaan gara awwaala sanaa dhaqanii, 23 reeffa isaa achii dhaban. Dubartoonni sunis deebiʼanii akka ergamoonni isaanitti mulʼatanii, Yesuus jiraataa taʼuu isaa isaanitti himan nutti odeessan. 24 Warra nu wajjin turan keessaas namoonni tokko tokko gara awwaalaa dhaqanii akka wanni sun akkuma dubartoonni nutti odeessan sana taʼe argan; isa garuu hin argine.”
25 Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan raajonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan! 26  Kiristoos*waan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?” 27 Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.
28 Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Yesuus waan darbee deemu of fakkeesse. 29 Isaan garuu, “Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli” jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore.
30 Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne. 31 Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate. 32 Isaanis, “Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?” jedhanii wal gaafatan.
33 Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan. 34 Warri walitti qabaman sunis, “Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera” jechaa turan. 35 Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Yesuus buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan.
Yesuus Barattootatti Mulʼachuu Isaa
36 Utuu isaan waan kana dudubbachaa jiranuu, Yesuus mataan isaa isaan gidduu dhaabatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” jedheen.
37 Isaan garuu waan ekeraa argan seʼanii naʼan; ni sodaatanis. 38 Innis akkana isaaniin jedhe; “Maaliif sodaattu? Mamiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama? 39  Akka anuma mataa koo taʼe mee harka koo fi miilla koo ilaalaa! Qaqqabadhaatii na ilaalaa; ekeraan foonii fi lafee hin qabu; ani garuu akkuma isin argitan kana foonii fi lafee qaba.”
40 Innis waan kana dubbatee harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise. 41 Utuma isaan sababii gammachuutii fi sababii dinqifannaatiif amma illee hin amanin, “Isin waan nyaatamu asii qabduu?” jedhee isaan gaafate. 42 Isaanis qurxummii waadame kennaniif; 43 innis fudhatee fuuluma isaanii duratti nyaate.
44 Innis, “Yeroo ani isin bira turetti, ‘Wanni seera Musee keessatti, kitaabota raajotaatii fi kitaaba faarfannaa keessatti waaʼee koo barreeffame hundi raawwatamuu qaba’ jedhee isinitti hime sun isa kana” jedheen.
45 Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef. 46 Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni barreeffame akkana jedha; ‘Kiristoos ni dhiphata; guyyaa sadaffaatti immoo warra duʼan keessaa ni kaʼa; 47  maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’ 48  Isinis dhuga baatota waan kanaa ti. 49  Kunoo ani waan Abbaan koo waadaa isinii gale sana isiniif nan erga; isin garuu hamma olii humna uffattanitti magaalaa Yerusaalem keessa turaa.”
Yesuus Samiitti Ol Baʼe
50 Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise. 51 Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee samiitti ol fudhatame. 52 Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan Yerusaalemitti deebiʼan. 53 Yeroo hundas mana qulqullummaa keessatti Waaqa galateeffachaa turan.
* 24:26 24:26yookaan Masiihichi