Faaruu
Ermiyaas
1
Magaalaan dur namaan guutamtee turte sun
akkamitti ontee hafte!
Isheen yeroo tokko saboota gidduutti guddoo turte
akkamitti akka haadha hiyyeessaa taate!
Isheen kutaalee biyyaa gidduutti mootii turte sun
amma garbittii taateerti.
 
Isheen halkan halkan hiqqifattee boossi;
maddii ishee irra imimmaantu yaaʼa.
Michoota ishee hunda keessaa
kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru.
Michoonni ishee hundinuu ishee gananiiru;
isaan diinota ishee taʼaniiru.
 
Rakkinaa fi cunqurfama guddaa booddee
Yihuudaan boojiʼamtee fudhatamteerti.
Isheen saboota gidduu jiraatti,
lafa itti boqottu illee hin arganne.
Warri ishee ariʼan hundi
rakkina ishee keessatti ishee qabatan.
 
Daandiiwwan Xiyoon ni booʼu;
namni ayyaana ishee kan murteeffame kabajuuf dhufu
tokko iyyuu hin jiruutii.
Karrawwan ishee hundi onanii jiru;
luboonni ishee ni aadu;
shamarran ishee ni gaddu,
isheenis dhiphina guddaa keessa jirti.
 
Amajaajonni ishee gooftota ishee taʼaniiru;
diinota isheetti toleera.
Sababii cubbuu ishee baayʼee sanaatiif
Waaqayyo gadda itti fideera.
Ijoolleen ishee fudhatamanii deemaniiru;
fuula amajaajota ishee duratti boojiʼamaniiru.
 
Intala Xiyoon irraa
miidhaginni hundi fudhatameera.
Ilmaan mootota ishee
akkuma gadamsa lafa dheedaa dhabee taʼaniiru;
isaan dadhabbiidhaan
fuula warra isaan ariʼanii dura baqatan.
 
Baroota rakkinaa fi asii achi jooruu ishee keessa
Yerusaalem qabeenya
bara durii kan ishee ture hunda ni yaadatti.
Yeroo namoonni ishee harka diinaa seenanitti
namni ishee gargaaru tokko iyyuu hin turre.
Diinonni ishee ishee ilaalanii
badiisa isheetti kolfan.
 
Yerusaalem akka malee cubbuu hojjette;
akkasiinis xuroofte.
Warri ulfina kennaniifii turan hundi ishee tuffatan;
isaan qullaatti hafuu ishee arganiiruutii;
isheen mataan ishee guungumtee
of irra garagalti.
 
Xuraaʼummaan ishee wandaboo isheetti maxxane;
isheen waan gara duraatti itti dhufu hin yaadne;
kufaatiin ishee nama rifachiisa;
kan ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru ture.
“Yaa Waaqayyo rakkina koo ilaali;
diinni moʼateeraatii!”
 
10 Qabeenya ishee hundatti
diinni harka isaa diriirseera;
isheen Namoota Ormaa
warra ati akka isaan
waldaa kee hin seenne dhowwite sana
utuu isaan iddoo ishee qulqulluu seenanuu argite.
 
11 Namoonni ishee hundinuu utuma
aadanuu buddeena barbaaddatu;
isaan lubbuu ofii isaanii turfachuuf jecha
qabeenya isaanii nyaataan geeddarratu.
“Yaa Waaqayyo na ilaali, na yaadadhus;
ani tuffatameeraatii.”
 
12 “Warra karaa irra dabartan hundi, kun isiniif homaa mitii?
Naannoo keessan ilaalaatii argaa.
Rakkinni akka rakkina koo
kan ani ittiin rakkadhe,
kan Waaqayyo guyyaa dheekkamsa isaatti
natti fide sanaa jiru tokko iyyuu jiraa?
 
13 “Inni ol gubbaadhaa ibidda erge;
ibidda sana lafee koo keessa seensisa.
Inni miilla kootiif kiyyoo diriirsee
dugda duubatti na deebise;
inni kophaatti na hambisee
guyyaa guutuu na dadhabsiise.
 
14 “Cubbuun koo waanjootti hidhameera;
isaan harka isaatiin walitti foʼaman.
Isaan morma kootti rarraafaman;
gooftaan humna koo dadhabsiise.
Inni warra ani of irraa deebisuu
hin dandeenyetti dabarsee na kenneera.
 
15 “Gooftaan gootota na keessatti argaman
hunda gateera;
inni dargaggoota koo caccabsuuf
yaaʼii waammate.
Gooftaan iddoo cuunfaa wayinii isaatti
Durba Qulqullittii Intala Yihuudaa dhidhiiteera.
 
16 “Wanni ani booʼee
iji koo imimmaaniin guutameef kanaa dha.
Namni na jajjabeessuuf dhiʼoo jiru tokko iyyuu hin jiru;
kan hafuura koo bayyanachiisus hin jiru.
Sababii diinni humna argateef
ijoolleen koo harka duwwaa hafan.”
 
17 Xiyoon harka ishee balʼifatteerti;
garuu namni ishee jajjabeessu tokko iyyuu hin jiru.
Akka olloonni isaa amajaajota isaa taʼaniif
Waaqayyo Yaaqoobitti ajajeera;
Yerusaalemis gidduu isaaniitti
waan xuraaʼaa taateerti.
 
18 Waaqayyo qajeelaa dha;
taʼus ani ajajawwan isaatti fincileen ture.
Yaa saboota, hundi keessan dhagaʼaa;
rakkina koos ilaalaa.
Dargaggoonnii fi shamarran koo
boojiʼamanii fudhatamaniiru.
 
19 “Ani tumsitoota koo nan waammadhe;
isaan garuu na ganan.
Luboonni koo fi maanguddoonni koo
utuu lubbuu isaanii oolfachuuf
nyaata barbaadatanuu
magaalaa keessatti dhuman.
 
20 “Yaa Waaqayyo akka ani dhiphadhe ilaali!
Ani keessa kootti dhiphadheera;
garaa koo keessatti raafameera;
ani nama akka malee fincilun tureetii.
Alaa goraadeen nama qala;
mana keessa immoo duʼa qofatu jira.
 
21 “Namoonni akka ani aadaa jiru dhagaʼaniiru;
kan na jajjabeessu garuu hin jiru.
Diinonni koo hundinuu rakkina koo dhagaʼaniiru;
isaan waan ati gootetti gammadaniiru.
Akka isaan akkuma koo taʼaniif
maaloo ati guyyaa jette sana fidi.
 
22 “Hamminni isaanii hundinuu
fuula kee duratti haa dhiʼaatu;
waanuma sababii cubbuu koo hundaatiif
natti fidde sana isaanitti illee fidi!
Aaduun koo baayʼateeraatii;
onneen koos dadhabdeerti.”