2
Gooftaan akkamitti duumessa dheekkamsa isaatiin
intala Xiyoon haguuge!
Inni ulfina Israaʼel
samiidhaa lafatti gad daddarbateera;
inni guyyaa dheekkamsa isaatti
ejjeta miilla isaa hin yaadanne.
 
Gooftaan gara laafina tokko malee
iddoo jireenya Yaaqoob hunda liqimseera;
daʼannoo intala Yihuudaas
dheekkamsa isaatiin diige.
Inni mootummaa isheetii fi
bulchitoota ishee salphisee lafatti gad deebise.
 
Inni dheekkamsa sodaachisaadhaan
gaanfa Israaʼel hunda caccabse.
Yommuu diinni dhiʼaatettis
harka isaa mirgaa duubatti deebifate.
Inni akkuma arraba ibiddaa kan waan naannoo isaa jiru gubu sanaa
Yaaqoob keessatti bobaʼe.
 
Inni akkuma diinaatti iddaa isaa dabsate;
harki isaa mirgaa qophaaʼeera.
Warra ijatti bareedan hunda
akkuma amajaajiitti qale;
dunkaana intala Xiyoonitti
dheekkamsa isaa akkuma ibiddaa roobse.
 
Gooftaan akkuma diinaa taʼe;
inni Israaʼelin liqimseera.
Inni masaraawwan ishee hunda liqimsee
daʼannoo ishee jabaa illee diigeera.
Inni Intala Yihuudaatti
booʼichaa fi faaruu booʼichaa baayʼiseera.
 
Inni lafa jireenya isaa akkuma iddoo biqiltuu onseera;
iddoo wal gaʼii isaas balleesseera.
Waaqayyo akka Xiyoon ayyaana ishee kan murtaaʼee fi
Sanbatoota ishee irraanfattu godheera;
inni dheekkamsa isaa sodaachisaa sanaan
moototaa fi luboota akka malee tuffate.
 
Gooftaan iddoo aarsaa isaa tuffateera;
iddoo qulqulluu isaa illee dhiiseera.
Dallaawwan masaraawwan ishee
dabarsee harka diinotaatti kenneera;
isaan akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti
mana Waaqayyoo keessatti sagalee ol fudhatanii iyyan.
 
Waaqayyo dallaa naannoo
Intala Xiyoon jiru diiguuf murteesseera.
Inni safartuu diriirseera;
barbadeessuu irraas harka isaa hin deebifanne.
Akka dallaan eegumsaatii fi keenyan faarsanii booʼan godhe;
isaanis tokkummaadhaan badan.
 
Karrawwan ishee lafa keessa dhidhimaniiru;
inni danqaraawwan sibiila ishee caccabsee balleesseera.
Mootiin isheetii fi ilmaan mootota ishee boojiʼamanii
saboota gidduu bibittinnaaʼaniiru;
seerri siʼachi hin jiraatu;
raajonni ishees siʼachi
Waaqayyo biraa mulʼata hin argan.
 
10 Maanguddoonni Intala Xiyoon
calʼisanii lafa tataaʼan;
isaan daaraa mataatti firfirfatanii
uffata gaddaas uffatan.
Shamarran Yerusaalem
mataa isaanii gad qabatan.
 
11 Iji koo booʼichaan dadhabeera;
keessa kootti dhiphadheera;
sababii sabni koo dhumeef
sababii ijoollee fi daaʼimman
daandiiwwan magaalaa irratti gaggabaniif
garaan koo gaddaan laafeera.
 
12 Isaan yommuu daandiiwwan magaalaa irratti
akkuma namoota madaaʼaniitti gaggabanitti,
yommuu lubbuun isaanii
hammuu haadha isaanii irratti baʼuuf jirtutti
“Buddeennii fi daadhiin wayinii eessaa jiru?”
jedhanii haadhota isaanii gaafatu.
 
13 Yaa intala Yerusaalem,
ani maal siif jechuun dandaʼa?
Maaliinan wal si qixxeessa?
Yaa Intala Xiyoon durba qulqullittii
ani akkan si jajjabeessuuf
maalittin si fakkeessuu dandaʼa?
Madaan kee akkuma galaanaa gad fagoo dha.
Eenyutu si fayyisuu dandaʼa?
 
14 Mulʼanni raajota keetii
sobaa fi kan faayidaa hin qabnee dha;
isaan boojiʼamuu kee hambisuuf
cubbuu kee ifa hin baafne.
Raajiin isaan siif kennanis
sobaa fi kan karaa irraa nama balleessuu dha.
 
15 Warri karaa keetiin darban hundinuu
harka isaanii sitti rurrukutu;
isaanis intala Yerusaalemitti
qoosuu fi mataa raasuudhaan,
“Magaalaan muummee miidhaginaa
gammachuu guutuu lafaa
jedhamtee waamamte sun kanaa?” jedhu.
 
16 Diinonni kee hundinuu
afaan isaanii sitti banatu;
isaan qoosuu fi ilkaan isaanii qaruudhaan
“Nu ishee liqimsineerra.
Guyyaan nu eeggachaa turre sun kanaa dha;
nu waan kana arguuf jiraanneerra” jedhu.
 
17  Waaqayyo waan karoorfate hojjeteera;
dubbii isaa kan bara dheeraan dura
dubbate sana guuttateera.
Inni gara laafina tokko malee si garagalcheera;
akka diinni kee sitti gammadu godheera;
gaanfa amajaajii keetii ol ol qabeera.
 
18 Onneen namootaa
gara Gooftaatti iyya.
Yaa dallaa Intala Xiyoon
halkanii guyyaa
imimmaan kee akka lagaa haa yaaʼu;
boqonnaa tokko illee ofii keetiif hin kennin;
iji kees hin boqotin.
 
19 Yommuu eegumsi halkanii jalqabutti
kaʼiitii halkaniin iyyi;
fuula Gooftaa duratti
onnee kee akka bishaanii dhangalaasi.
Lubbuu ijoollee keetii
kanneen fiixee daandii hundaatti
beelaan gaggabaniitiif jedhiitii
harka kee gara isaatti ol qabadhu.
 
20 “Yaa Waaqayyo, ati ilaali; argis:
Ati takkumaa eenyu irratti waan akkasii gootee beekta?
Haadhonni daaʼimman isaanii,
ijoollee kunuunsanii guddisan nyaachuu qabuu?
Lubnii fi raajiin,
iddoo qulqulluu kan Gooftaa keessatti ajjeefamuu qabuu?
 
21 “Dargaggoonnii fi maanguddoonni,
walii wajjin awwaara karaa irra ciisu;
dargaggoonnii fi shamarran koo
goraadeedhaan ajjeefamaniiru.
Ati gaafa dheekkamsa keetiitti isaan fixxe;
gara laafina tokko malee isaan qalte.
 
22 “Ati akkuma guyyaa ayyaana murteeffameetti
nama waamtutti qixa hundaanuu sodaa natti waamte.
Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti,
homaa hin miliqne yookaan hin hafne;
warra ani daʼee guddise
diinni koo na jalaa balleesseera.”