3
Namni ulee dheekkamsa isaatiin
rakkina arge anaa dha.
Inni fuula isaa duraa na ariʼee
akka ani qooda ifaa dukkana keessa deemu na godhe;
dhugumaan inni guyyaa guutuu,
ammumaa amma harka isaa natti deebise.
 
Inni foon kootii fi gogaa koo dulloomseera;
lafee koo illee caccabseera.
Inni na marsee hadhaaʼummaa fi
gidiraa natti naannesseera.
Akkuma warra dur dhumanii
akka ani dukkana keessa jiraadhu na godhe.
 
Inni akka ani hin miliqneef dallaa natti ijaare;
foncaa ulfaatus natti feʼe.
Yommuu ani waammadhu yookaan gargaarsaaf iyyadhutti illee
inni kadhannaa koo dhagaʼuu dida.
Karaa koo dhagaa soofameen cufe;
daandii koo illee ni jalʼisa.
 
10 Inni akkuma amaaketa riphee waa eeggatuu,
akkuma leenca dhokatee jiruu
11 daandii irraa na harkisee na ciccire;
kophaatti na gate.
12 Inni iddaa isaa luqqifatee
xiyya isaa natti qabe.
 
13 Korojoo isaa keessaa xiyya baasee
onnee koo waraane.
14 Ani saba koo hundaaf waan kolfaa nan taʼe;
isaan guyyaa guutuu faaruudhaan natti qoosu.
15 Inni waan hadhaaʼaa na nyaachise;
hadhooftuu illee na quubse.
 
16 Inni dhagaadhaan ilkaan koo cabse;
awwaara keessattis na dhidhiite.
17 Ani nagaa nan dhabe;
gammachuun maal akka taʼes nan irraanfadhe.
18 Kanaafuu ani “Ulfinni koo,
abdiin ani Waaqayyo irraa qabu hundinuu badeera” nan jedhe.
 
19 Ani rakkinaa fi asii achi jooruu koo,
hadhaaʼummaa fi hadhooftuus nan yaadadha.
20 Lubbuun koo yeroo hunda waan kana yaaddi;
na keessattis gad of qabdi.
21 Taʼus ani waan kana nan qalbeeffadha;
kanaafuu ani abdii qaba.
 
22 Nu sababii jaalala Waaqayyoo guddaa sanaatiif hin badnu;
gara laafinni isaa hin dhumuutii.
23 Isaan ganama hunda haaraa dha;
amanamummaan kees guddaa dha.
24 Anis, “Waaqayyo qooda koo ti;
kanaafuu ani isa nan eeggadha” ofiin nan jedha.
 
25  Waaqayyo warra isa abdataniif,
kanneen isa barbaadaniif gaarii dha;
26 Fayyisuu Waaqayyoo
calʼisanii eeggachuun gaarii dha.
27 Yeroo dargaggummaa isaatti
waanjoo baachuun namaaf gaarii dha.
 
28 Inni kophaa isaa calʼisee haa taaʼu;
Waaqayyo isa baachiseeraatii.
29 Amma illee abdiin ni jira taʼaatii,
inni fuula isaa awwaara keessa haa suuqqatu.
30 Inni nama isa dhaʼutti maddii isaa haa qabu;
salphinaanis haa guutamu.
 
31 Gooftaan bara baraan
nama hin gatuutii.
32 Inni gadda fidu illee garaa ni laafa;
jaalalli isaa kan hin geeddaramne sun guddaadhaatii.
33 Inni itti yaadee rakkina
yookaan dhiphina sanyii namaatti hin fiduutii.
 
34 Yommuu hidhamtoonni biyyattii keessa jiran hundi
miilla jalatti dhidhiitaman,
35 yommuu fuula Waaqa Waan Hundaa Olii duratti
mirgi nama tokkoo dhiibamu,
36 yommuu murtiin qajeelaan dhabamu,
Gooftaan waan akkasii hin arguu?
 
37 Yoo Gooftaan ajajuu baate
eenyutu dubbatee waan sana fiixaan baasuu dandaʼa?
38 Wanni hamaanii fi wanni gaariin
afaanuma Waaqa Waan Hundaa Oliitii baʼa mitii?
39 Yoos namni lubbuun jiraatu kam iyyuu
maaliif yommuu cubbuu isaatiif
adabamutti guunguma ree?
 
40 Kottaa nu daandii keenya qorree haa ilaallu;
gara Waaqayyoottis haa deebinu.
41 Nu onnee keenyaa fi harka keenya
gara Waaqa samii keessa jiruutti ol qabnee akkana haa jennu:
42 “Nu cubbuu hojjenneerra; fincilleerras;
atis nuuf hin dhiifne.
 
43 “Ati dheekkamsaan of haguugdee nu ariite;
gara laafina malees nu fixxe.
44 Akka kadhannaan tokko iyyuu gara kee hin dhufneef
ati duumessaan of haguugde.
45 Ati saboota gidduutti
xurii fi kosii nu goote.
 
46 “Diinonni keenya hundinuu,
afaan nutti banataniiru.
47 Sodaa fi kiyyoon,
diigamuu fi badiisni nutti dhufeera.”
48 Sababii uummanni koo barbadaaʼeef
lolaan imimmaanii ija koo keessaa yaaʼa.
 
49 Iji koo boqonnaa malee
utuu gargar hin kutin imimmaan lolaasa;
50 kunis hamma Waaqayyo
ol samiidhaa gad ilaalee argutti.
51 Sababii dubartoota magaalaa koo hundaatiif
wanni ani argu lubbuu koo gaddisiisa.
 
52 Warri sababii malee diina natti taʼan
akkuma simbiraa na adamsan.
53 Isaan lubbuu koo boolla keessatti galaafatanii
dhagaa natti garagalchuu yaalan;
54 bishaan mataa koo irra gara gale;
anis, “Baduu koo ti” nan jedhe.
 
55 Yaa Waaqayyo, ani boolla qilee keessaa
maqaa kee nan waammadha.
56 Ati kadhannaa koo kan,
“Iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyu
dhagaʼuu hin didin” jedhu dhageesseerta.
57 Yeroo ani si waammadhetti ati natti dhiʼaattee
“Hin sodaatin” naan jette.
 
58 Yaa gooftaa ati dubbii koo naa falmite;
lubbuu koos ni baraarte.
59 Yaa Waaqayyo, ati daba natti hojjetame argiteerta;
dubbii koo naa ilaali!
60 Ati haaloo baʼuu isaaniitii fi
natti malachuu isaanii hundas argiteerta.
 
61 Yaa Waaqayyo, ati arraba isaaniitii fi
natti malachuu isaanii hunda dhageesseerta;
62 kunis arraba warra natti kaʼaniitii fi
waan isaan guyyaa guutuu waaʼee koo hasaasanii dha.
63 Ati isaan ilaali! Isaan taaʼanii yookaan dhadhaabatanii
weedduu isaaniitiin natti qoosu.
 
64 Yaa Waaqayyo, waan isaaniif malu
akkuma hojii harka isaaniitti deebisii kenniif.
65 Onnee isaanii haguugi;
abaarsi kees isaan irra haa buʼu!
66 Samiiwwan Waaqayyoo jalaa
dheekkamsaan isaan ariʼii isaan balleessis.