7
Dhiphachuu Israaʼel
Anaaf wayyoo!
Ani akkuma nama yeroo qarmii bonaa funaananitti
wayinii walitti qabu tokkoo taʼeera;
hurbuun wayinii kan nyaatamu tokko iyyuu hin jiru;
iji harbuu jalqabaa kan ani dharraʼu tokko iyyuu hin jiru.
Namni gaariin lafa irraa badeera;
namni qajeelaan tokko iyyuu hin hafne.
Namoonni hundinuu dhiiga
dhangalaasuuf riphanii eeggatu;
tokkoon tokkoon namaa
kiyyoodhaan obboleessa isaa eeggata.
Harki lachuu waan hamaa hojjechuu barateera;
bulchaan kennaa barbaada;
abbaan murtiis mattaʼaa fudhata;
namni humna qabu waanuma fedhe dubbata;
hundi isaanii walii wajjin malatu.
Kan isaan hunda caalaa gaarii taʼe akka sokorruu ti;
inni akka malee qajeelaan immoo dallaa qoraattii caala.
Guyyaan eegdota keetii,
guyyaan itti Waaqni si ilaalu dhufeera.
Amma yeroo itti isaan joonjaʼanii dha.
Ollaa hin amanatin;
michuus hin abdatin.
Ishee hammattee ciiftu biratti iyyuu
arraba kee eeggadhu.
Ilmi abbaa isaa tuffata;
intalli haadha isheetti,
niitiin ilmaas amaatii isheetti kaati;
diinonni namaa miseensotuma mana isaa taʼuutii.
 
Ani garuu abdiidhaan Waaqayyoon nan eeggadha;
fayyisaa koo Waaqa nan eeggadha;
Waaqni koo na dhagaʼa.
Israaʼel ni Kaati
Yaa diina koo natti hin gammadin!
Ani yoon kufe iyyuu nan kaʼa.
Ani dukkana keessa taaʼu iyyuu
Waaqayyo ifa naaf taʼa.
Ani sababiin cubbuu isatti hojjedheef,
hamma inni dubbii koo ilaalee naaf murteessutti
dheekkamsa Waaqayyoo nan baadha.
Inni ifatti na baasa;
anis qajeelummaa isaa nan arga.
10 Ergasii diinni koo isheen,
Waaqayyo Waaqni kee eessa jira?” naan jette sun
waan kana argitee qaaniin haguugamti.
Iji koo kufaatii ishee ni arga;
Isheen amma iyyuu miilla jalatti
akkuma dhoqqee daandii irraatti dhidhiitamti.
 
11 Guyyaan itti dallaan kee ijaaramu,
guyyaan itti daangaan kee balʼifamu tokko ni dhufa.
12 Gaafas namoonni
Asoorii fi magaalaawwan Gibxi,
Gibxii hamma Efraaxiisitti iyyuu,
galaanaa hamma galaanaatti,
tulluudhaa hamma tulluutti jiraatan gara kee ni dhufu.
13 Sababii jiraattota isheetii fi
sababii waan isaan hojjetaniitiif lafti ni onti.
Kadhannaa fi Galata
14 Uummata kee, bushaayee dhaala keetii
kanneen ofumaan bosona keessa,
lafa dheedaa gabbataa irra jiraatan
ulee keetiin tikfadhu.
Isaan akkuma bara duriitti
Baashaanii fi Giliʼaad keessa haa bobbaʼan.
 
15 “Ani akkuma yeroo ati Gibxii baatee dhufte sanaa
dinqii koo isaan nan argisiisa.”
 
16 Saboonni arganii ni qaanaʼu;
humna ofii hunda iyyuu ni dhabu.
Isaan afaan isaanii qabatu;
gurri isaaniis ni duuda.
17 Isaan akkuma bofaa,
akkuma uumamawwan lafa irra looʼanii biyyoo arraabu.
Isaan hollachaa holqa keessaa baʼanii dhufu;
Isaan Waaqayyo Waaqa keenya sodaachuudhaan
deebiʼanii fuula kee dura sodaadhaan dhaabatu.
18 Waaqni akka keetii kan cubbuu namaa bira darbee
balleessaa hambaa dhaala isaa dhiisuuf eenyu?
Ati araara gochuutti gammadda malee
bara baraan hin dheekkamtu.
19 Ati deebitee garaa nuu laafta;
cubbuu keenya miilla kee jalatti dhidhiittee
balleessaa keenya hundas tuujuba galaanaatti
gad darbatta.
20 Ati akkuma bara durii
abbootii keenyaaf kakatte sana
Yaaqoobiif amanamaa taata;
Abrahaamittis jaalala ni argisiifta.