Raajii
Naahoom
1
Raajii waaʼee Nanawwee dubbatame. Kitaaba mulʼata Naahoom Elqooshicha.
 
Dheekkamsa Waaqayyoo Nanawweetti Dheekkame
Waaqayyo Waaqa hinaafuu fi Waaqa haaloo baʼuu dha;
Waaqayyo haaloo ni baʼa; dheekkamsaanis guutameera.
Waaqayyo diinota isaa haaloo ni baʼa;
dheekkamsa isaas amajaajota isaatiif ni kuusa.
Waaqayyo dheekkamuuf hin jarjaru; humni isaa immoo guddaa dha;
Waaqayyo nama balleessaa qabu utuu hin adabin hin dhiisu.
Bubbee hamaa fi dhaʼaa galaanaa keessaas karaa qaba;
duumessi immoo awwaara miilla isaa ti.
Inni galaanatti dheekkamee gogsa;
akka lagni hundinuu gogu godha.
Baashaanii fi Qarmeloos ni coollagu;
daraaraa Libaanoonis ni harcaʼa.
Fuula isaa duratti tulluuwwan ni kirkiru;
gaarranis baqanii badu.
Iddoo inni jirutti lafti ni hollatti;
addunyaa fi wanni addunyaa irra jiraatu hundi ni hollatu.
Eenyutu dheekkamsa isaa dura dhaabachuu dandaʼa?
Eenyutu dheekkamsa isaa sodaachisaa sana obsuu dandaʼa?
Dheekkamsi isaa akkuma ibiddaa dhangalaʼa;
fuula isaa duratti kattaawwan ni burkutaaʼu.
 
Waaqayyo gaarii dha;
yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Inni warra isa amanatan ni beeka;
Garuu inni lolaa jabaadhaan
Nanawwee ni balleessa;
amajaajota isaas ariʼee dukkanatti galcha.
 
Wanni isin Waaqayyootti yaaddan maali?
inni guutumaan guutuutti ni balleessa;
rakkoonis lammata hin dhufu.
10 Isaan qoraattii keessatti xaxamanii
daadhii wayinii isaaniitiin machaaʼu;
akkuma cidii gogeetti gubatanii dhumu.
11 Yaa Nanawwee,
namni Waaqayyotti hammina malatee
waan hamaa karoorfatu si keessaa argameera.
12  Waaqayyo akkana jedha:
“Isaan jabinaa fi baayʼina yoo qabaatan iyyuu
isaan ni barbadeeffamu; ni badus.
Yaa Yihuudaa, ani yoon duraan si miidhee
jiraadhe iyyuu, siʼachi si hin miidhu.
13 Ani amma waanjoo isaanii gurmuu keessan irraa nan cabsa;
hudhaa kees sirraa nan kuta.”
 
14 Yaa Nanawwee, Waaqayyo akkana jedhee waaʼee kee ajaja kennee jira:
“Ati sanyii maqaan kee ittiin waamamu hin qabaattu.
Ani fakkiiwwan soofamanii fi waaqota tolfamoo baqfamanii tolfaman
kanneen galmawwan waaqota keetii keessa jiran nan barbadeessa.
Waan ati akka malee balfamaa taateef
ani awwaala siif nan qopheessa.”
 
15 Kunoo, miilli nama oduu gaarii fidu,
kan nagaa labsu tokkoo tulluuwwan irra jira!
Yaa Yihuudaa, ayyaanota kee ayyaaneffadhu;
wareega kees baafadhu.
Siʼachi hamaan si hin weeraru;
inni guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.