3
Yesuus Guyyaa Sanbataatiin Fayyisuu Isaa
Ammas Yesuus mana sagadaa seene; namichi harki irratti goge tokkos achi ture. Isaan keessaas namoonni tokko tokko Yesuusin himachuuf jedhanii sababa barbaadaa turan; kanaafuu akka inni Sanbataan namicha fayyisu ilaaluuf isa gaadan. Yesuusis namicha harki irratti goge sanaan, “Kaʼii fuula nama hundaa dura dhaabadhu” jedhe.
Yesuusis, “Sanbataan isa kamtu eeyyamamaa dha? Waan gaarii hojjechuu moo waan hamaa hojjechuu? Lubbuu oolchuu moo ajjeesuu?” jedhee isaan gaafate. Isaan garuu ni calʼisan.
Innis mata jabina isaaniitti akka malee gaddee, aariidhaan garagalee isaan ilaale; namicha sanaanis, “Harka kee diriirfadhu!” jedhe. Namichis harka diriirfate; harki isaas guutumaan guutuutti fayye. Fariisonnis gad baʼanii akka ittiin Yesuusin ajjeesuu dandaʼan garee Heroodis wajjin mariʼachuu jalqaban.
Namoonni Yesuus Duukaa Buʼan
3:7‑12 kwf – Mat 12:15,16; Luq 6:17‑19
Yesuus barattoota isaa wajjin achii kaʼee gara galaanichaatti qajeele; tuunni namoota baayʼees Galiilaadhaa isa duukaa buʼe. Namoonni baayʼeenis yommuu waan inni hojjechaa ture hunda dhagaʼanitti Yihuudaadhaa, Yerusaalemii, Edoomiyaasii, biyya Yordaanos gamaatii, naannoo Xiiroosiitii fi Siidoonaatii gara isaa dhufan. Innis akka baayʼina namaatiin hin dhiibamneef akka isaan bidiruu xinnoo tokko isaaf qopheessan barattoota isaatti hime. 10 Sababii inni nama baayʼee fayyisee tureef, warri dhukkubsatan hundinuu isa tuquuf jedhanii irratti wal cabsaa turan. 11 Hafuuronni xuraaʼoonis yeroo isa argan fuula isaa duratti kufanii, “Ati Ilma Waaqaa ti!” jedhanii iyyu turan. 12 Inni garuu akka isaan akka inni beekamu hin goone jabeessee isaan ajaje.
Filatamuu Ergamoota Kudha Lamaanii
3:16‑19 kwf – Mat 10:2‑4; Luq 6:14‑16; Hoj 1:13
13 Yesuusis tulluutti ol baʼee warra ofii isaatii barbaade ofitti waame; isaanis gara isaa dhufan. 14 Innis akka isaan isa wajjin jiraatanii fi akka lallabaaf isaan erguuf namoota kudha lama muudee barattoota jedhee moggaase; 15 akka isaan hafuurota hamoo baasaniifis taayitaa kenneef.
 
16 Warri kudha lamaan inni muudes isaan kana:
 
Simoon isa inni “Phexros” jedhee moggaase,
17 Yaaqoob ilma Zabdewoosii fi obboleessa isaa Yohannis warra inni “Boʼanergees” jedhee moggaase; Boʼanergees jechuun ilmaan “Kakawwee” jechuu dha;
18 Indiriiyaas,
Fiiliphoos,
Bartaloomewoos,
Maatewos,
Toomaas,
Yaaqoob ilma Alfewoos,
Taadewoos,
Simoon Hinaafticha,
19 Yihuudaa Keeriyoticha isa Yesuusin dabarsee kenne.
Yesuusii fi Biʼeelzebuul
3:23‑27 kwf – Mat 12:25‑29; Luq 11:17‑22
20 Yesuusis mana tokko seene; sababii namoonni akka malee baayʼatan ammas walitti qabamaniif innii fi barattoonni isaa waa nyaachuu illee hin dandeenye. 21 Firoonni isaas yommuu waan kana dhagaʼanitti isa qabuu dhaqan; namoonni, “Inni qalbii dabarseera” jechaa turaniitii.
22 Barsiistonni seeraa warri Yerusaalemii gad buʼan, “Inni Biʼeelzebuuliin qabameera! Hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasaa jira” jedhan.
23 Yesuus immoo ofitti isaan waamee akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbate: “Seexanni akkamitti Seexana baasuu dandaʼa? 24  Mootummaan tokko yoo gargar of qoode, mootummaan sun dhaabachuu hin dandaʼu. 25  Manni tokko yoo gargar of qoode, manni sun dhaabachuu hin dandaʼu. 26  Seexannis yoo gargar of qoode, inni dhaabachuu hin dandaʼu; dhumni isaa gaʼeeraatii. 27  Dhugumaan namni kam iyyuu utuu duraan dursee nama jabaa tokko hin hidhin, mana nama jabaa sanaa seenee qabeenya isaa saamuu hin dandaʼu. Ergasii inni mana namicha jabaa sanaa saamuu dandaʼa. 28  Ani dhuguma isinittin hima; cubbuun isaanii hundii fi arrabsoon isaan dubbatan hundi namootaaf dhiifamuu ni dandaʼa; 29  namni Hafuura Qulqulluu arrabsu kam iyyuu garuu gonkumaa dhiifama hin argatu; inni itti gaafatamaa cubbuu bara baraa ti.”
30 Yesuusis sababii isaan, “Inni hafuura xuraaʼaa qaba” jechaa turaniif waan kana dubbate.
Haadha Yesuusii fi Obboloota Isaa
3:31‑35 kwf – Mat 12:46‑50; Luq 8:19‑21
31 Haatii fi obboloonni isaa dhufanii, ala dhaabatanii nama itti erganii isa waamsisan. 32 Namoonni baayʼeenis isatti naannaʼanii taaʼaa turan; isaanis, “Haati keetii fi obboloonni kee ala dhadhaabatanii si iyyaafachaa jiru” jedhanii isatti himan.
33 Inni immoo, “Haati kootii fi obboloonni koo eenyu?” jedhee gaafate.
34 Innis warra naannoo isaa marsanii tataaʼan ilaalee akkana jedhe; “Haati kootii fi obboloonni koo kunoo ti! 35  Namni fedhii Waaqaa raawwatu kam iyyuu obboleessa koo ti; obboleettii koo ti; haadha kootis.”