4
Fakkeenya Nama Sanyii Facaasuu
4:1‑12 kwf – Mat 13:1‑15; Luq 8:4‑10
4:13‑20 kwf – Mat 13:18‑23; Luq 8:11‑15
Yesuus ammas qarqara galaanichaatti barsiisuu jalqabe. Tuunni naannoo isaatti walitti qabame akka malee guddaa ture; utuu namoonni hundi qarqara galaanichaa irra afaan bishaanii jiranuu, inni bidiruu yaabbatee galaanicha irra achi hiiqee taaʼe. Fakkeenyaanis waan baayʼee isaan barsiise; barsiisa isaa keessattis akkana jedhe: “Mee dhagaʼaa! Kunoo, namichi sanyii facaasu tokko sanyii facaafachuu baʼe. Utuu inni facaasaa jiruus sanyiin tokko tokko karaa irra buʼe; simbirroonnis dhufanii nyaatanii fixan. Kaan immoo lafa kattaa, iddoo biyyoo baayʼee hin qabne irra buʼe. Sanyiin sunis sababii biyyoon sun gad fageenya hin qabaatiniif dafee biqile. Yommuu aduun baatetti garuu biqiltuun sun ni coollage; waan hidda hin qabaatiniifis ni goge. Sanyiin biraas qoraattii keessa buʼe; qoraattiin sunis guddatee biqiltuu sana hudhe; biqiltuun sunis ija hin naqanne. Ammas sanyiin kaan biyyoo gaarii irra buʼe. Ni biqile; ni guddate; ijas ni naqate. Inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqate.”
Yesuusis, “Namni gurra dhagaʼu qabu kam iyyuu haa dhagaʼu” jedhe.
10 Yeroo inni kophaa turettis warri Kudha Lamaanii fi namoonni naannoo isaa turan biraa waaʼee fakkeenya sanaa isa gaafatan. 11 Innis akkana jedheen; “Icciitiin mootummaa Waaqaa isiniif kennameera. Warra ala jiranitti garuu wanni hundinuu fakkeenyaan himama; 12  kunis,
“ ‘Isaan akka hin deebinee fi akka dhiifama hin arganneef,
arguu inuma argu, garuu hin qalbeeffatan;
dhagaʼuus inuma dhagaʼu, garuu hin hubatan.’*
13 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; “Isin fakkeenya kana hin hubattanii? Yoos isin akkamitti fakkeenya hunda hubattu ree? 14  Namichi sanyii facaasu sun dubbicha facaasa. 15  Namoonni tokko tokko sanyii karaa irraa, lafa dubbichi itti facaafame sana fakkaatu. Akkuma isaan dubbicha dhagaʼaniin Seexanni dhufee dubbicha isaan keessatti facaafame sana fudhata. 16  Warri kaan akkuma sanyii lafa kattaa irratti facaafamee ti; isaan yommuu dubbicha dhagaʼanitti yommusuma gammachuun fudhatu. 17  Garuu isaan waan hidda hin qabneef yeroo gabaabaa qofa turu. Yeroo rakkinni yookaan ariʼatamni sababii dubbichaatiif dhufutti isaan dafanii gufatu. 18  Ammas warri kaan sanyii qoraattii keessatti facaafame fakkaatu; isaanis warra dubbicha dhagaʼanii dha; 19  garuu yaaddoon addunyaa kanaa, gowwoomsaan qabeenyaatii fi hawwiin waan garaa garaa isaan seenee dubbicha hudhee ija naqachuu dhowwa. 20  Warri kaanis sanyii biyyoo gaarii irratti facaafame fakkaatu; isaanis dubbicha ni dhagaʼu; ni fudhatu; ijas ni naqatu; inni tokko soddoma, kaan jaatama, kaan immoo dhibba naqata.”
Ibsaa Gombisaa Jalaa
21 Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin ibsaa gombisaa jala yookaan siree jala kaaʼuuf fidduu? Qooda kanaa baattuu isaa irra keessu mitii? 22  Wanni dhokfame kam iyyuu mulʼifamuuf jiraatii; wanni haguugame kam iyyuus ifatti baafamuuf jiraatii. 23  Namni kam iyyuu yoo gurra dhagaʼu qabaate haa dhagaʼu.”
24 Innis itti fufee akkana jedheen; “Waan dhageessan qalbeeffadhaa. Safartuu ittiin safartaniinis, hammas caalaa iyyuu isiniif safarama. 25  Kan qabu kamiif iyyuu itti dabalamee ni kennama; kan hin qabne garuu wanni inni qabu iyyuu irraa fudhatama.”
Fakkeenya Sanyii Guddatuu
26 Ammas akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa nama lafa isaa irratti sanyii facaasu tokko fakkaata. 27  Akkamitti akka taʼe namichi beekuu baatu illee, inni rafus yookaan dammaqus, sanyiin sun halkanii guyyaa ni biqila; ni guddatas. 28  Lafti ofuma isheetiin midhaan baafti; jalqabatti biqila, itti aansee hudhaa midhaanii, ergasii immoo midhaan guutuu baafti. 29  Namichis akkuma midhaanichi bilchaateen haamuu jalqaba; yeroon haamaa gaʼeeraatii.”
Fakkeenya Sanyii Sanaaficaa
4:30‑32 kwf – Mat 13:31,32; Luq 13:18,19
30 Ammas inni akkana jedhe; “Mootummaan Waaqaa maal fakkaata jechuu dandeenya? Yookaan fakkeenya maaliitiin isa ibsina? 31  Inni sanyii sanaaficaa kan sanyiiwwan lafa irra jiran hunda irra xinnaa taʼe fakkaata. 32  Erga facaafamee booddee garuu guddatee biqiltuu hunda caala; dameewwan gurguddaa simbirroonnis gaaddisa isaa jala jiraachuu dandaʼanis qabaata.”
33 Yesuusis fakkeenyawwan akkanaa baayʼeedhaan hamma isaan dhagaʼuu dandaʼan dubbicha isaanitti dubbate. 34 Innis fakkeenyaan malee waan tokko illee isaanitti hin dubbanne. Yeroo kophaa turanitti garuu waan hunda barattoota isaatiif ni ibse.
Yesuus Bubbee Gab Gochuu Isaa
4:35‑41 kwf – Mat 8:18,23‑27; Luq 8:22‑25
35 Inni gaafas, yeroo galgalaaʼetti, “Kottaa gama ceenaa” isaaniin jedhe. 36 Isaanis tuuta namootaa sana achitti dhiisanii Yesuusin akkuma inni bidiruu keessa jirutti fuudhanii deeman. Bidiruuwwan biraas isa wajjin turan. 37 Bubbeen hamaan tokko ni kaʼe; dambaliinis bidiruu sana dhaʼee bidiruun sun bishaaniin guutamuu gaʼe. 38 Yesuusis bidiruu sana keessa karaa duubaa boraatii tokko irra rafaa ture. Barattoonnis isa dammaqsanii, “Yaa barsiisaa, dhumuun keenya homaa si hin dhibuu?” jedhaniin.
39 Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, “Calʼisi! Gab jedhis!” jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.
40 Innis barattoota isaatiin, “Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?” jedhe.
41 Isaanis akka malee sodaatanii, “Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?” jedhanii wal gaafatan.
* 4:12 4:12 Isa 6:9,10