2
Kufaatii Nanawwee
Yaa Nanawwee, namni si lolu sitti dhufeera.
Daʼoo eeggadhu;
karaa ilaalladhu.
Mudhii kee hidhadhu;
humna kee hunda walitti qabadhu!
 
Yoo balleessitoonni isaan onsanii
mukkeen wayinii isaanii barbadeessan iyyuu,
Waaqayyo akkuma ulfina Israaʼel deebise sana
ulfina Yaaqoobis iddootti ni deebisa.
 
Gaachanawwan loltoota isaa diddiimoo dha;
gootonnis uffata bildiimaa uffataniiru.
Guyyaa isaan itti qopheeffaman sana,
sibiilli gaarii lolaa irra jiru ni calaqqisa;
eeboon gaattiraa isaaniis ni mirmirfama.
Gaariiwwan lolaa karaa irra dadarbatamu;
oobdiiwwan keessas asii fi achi gulufu.
Isaan guca bobaʼu fakkaatu;
akkuma bakakkaas ni darbatamu.
 
Inni gootota isaa ni yaadata;
isaan garuu karaatti gufatu.
Isaan gara dallaa magaalattiitti ariifatu;
daʼoonis qopheeffameefii jira.
Balballi lageenii banamaa dha;
masaraan mootummaas ni jiga.
Magaalattiin qullaatti hambaa
akka boojiʼamtu murteeffameera.
Xomboreewwan ishee
qoma isaanii rurrukutanii akka gugee booʼu.
Nanawween akkuma haroo ti;
bishaan ishees keessaa yaaʼee dhuma.
Isaanis, “Dhaabadhaa! Dhaabadhaa!” jedhanii iyyu;
garuu namni tokko iyyuu dugda duubatti hin deebiʼu.
Meetii saamaa!
Warqee saamaa!
Maddi ishee, badhaadhummaan
kuusaa qabeenya ishee hundaas dhuma hin qabu!
10 Isheen duwwaa, qullaa fi ona taateerti!
Lapheen baqeera; jilbi laafeera;
dhagni hollateera; fuulli hundis gurraachaʼeera.
 
11 Holqi leencotaa,
iddoon isaan itti ilmaan isaanii sooran,
iddoon leenci kormaa fi dhalaan keessa yaaʼan,
saafelli isaanis sodaa malee nagaadhaan jiraatan eessa?
12 Leenci waan ilmaan isaatiif gaʼu ajjeefate;
leenca dhalaa isaatiifis waa hudhee ajjeese;
boolla isaa waan adamseen,
holqa isaa immoo gumaa fooniitiin guuttate.
 
13  Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha;
“Ani sitti kaʼeera;
ani gaariiwwan kee kanneen waraanaa gubee daaraa nan godha;
goraadeen leenca kee saafela ni fixa.
Ani waan ati adamsattu tokko illee
lafa irratti siif hin hambisu.
Sagaleen ergamoota keetii
lammata hin dhagaʼamu.”