Seera
Lakkoobsaa
1
Lakkoobsa Sabaa
Erga sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼee booddee waggaa lammaffaa keessaa, guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti Waaqayyo dunkaana wal gaʼii keessatti, Gammoojjii Siinaa keessatti Museetti dubbate. Innis akkana jedheen; “Waldaa saba Israaʼel hunda lakkaaʼaatii balbala balbalaanii fi maatii maatiidhaan maqaa dhiirotaa tokko tokkoon barreessaa. Namoota Israaʼel keessaa dhiirota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hunda atii fi Aroon kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaa. Tokkoo tokkoo gosaa keessaa namni hangafa maatii ofii isaa taʼe isin gargaaruu qaba.
 
“Maqaan namoota isin gargaaruu qabanii kanneenii dha:
 
“Gosa Ruubeen keessaa Eliizuur ilma Shedeeʼuur;
gosa Simiʼoon keessaa Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi;
gosa Yihuudaa keessaa Nahishoon ilma Amiinaadaab;
gosa Yisaakor keessaa Naatnaaʼel ilma Zuuwaar;
gosa Zebuuloon keessaa Eliiyaab ilma Heeloon;
10 ilmaan Yoosef keessaa:
gosa Efreem keessaa Eliishaamaa ilma Amiihuud;
gosa Minaasee keessaa Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur;
11 gosa Beniyaam keessaa Abiidaan ilma Gaadeyoon,
12 gosa Daan keessaa Ahiiʼezer ilma Amiishadaay;
13 gosa Aasheer keessaa Fagiʼeel ilma Okraan;
14 gosa Gaad keessaa Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel;
15 gosa Niftaalem keessaa Ahiiraa ilma Eenaan.”
 
16 Namoonni kunneen warra dura buʼoota gosoota abbootii isaanii taʼanii waldaa sana keessaa filatamanii dha. Isaanis hangafoota balbalawwan Israaʼel turan.
 
17 Musee fi Aroon namoota maqaan isaanii eerame kanneen fudhatanii, 18 guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti waldaa hunda walitti waaman. Namoonni sunis akkuma balbalaa fi maatii isaaniitti hidda dhaloota isaanii himatan; dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame; 19 innis akkuma Waaqayyo Musee ajajetti Gammoojjii Siinaa keessatti saba sana lakkaaʼe.
 
20 Sanyii Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman. 21 Baayʼinni gosa Ruubeen nama 46,500 ture.
 
22 Sanyii Simiʼoon keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman. 23 Baayʼinni gosa Simiʼoon nama 59,300 ture.
 
24 Sanyii Gaad keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 25 Baayʼinni gosa Gaad nama 45,650 ture.
 
26 Sanyii Yihuudaa keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 27 Baayʼinni gosa Yihuudaa nama 74,600 ture.
 
28 Sanyii Yisaakor keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 29 Baayʼinni gosa Yisaakor nama 54,400 ture.
 
30 Sanyii Zebuuloon keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmeewwan balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 31 Baayʼinni gosa Zebuuloon nama 57,400 ture.
 
32 Ilmaan Yoosef keessaa:
Sanyii Efreem keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 33 Baayʼinni gosa Efreem nama 40,500 ture.
34 Sanyii Minaasee keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 35 Baayʼinni gosa Minaasee nama 32,200 ture.
 
36 Sanyii Beniyaam keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 37 Baayʼinni gosa Beniyaam nama 35,400 ture.
 
38 Sanyii Daan keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 39 Baayʼinni gosa Daan nama 62,700 ture.
 
40 Sanyii Aasheer keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 41 Baayʼinni gosa Aasheer nama 41,500 ture.
 
42 Sanyii Niftaalem keessaa:
Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaanitti maqaa maqaadhaan barreeffaman. 43 Baayʼinni gosa Niftaalem nama 53,400 ture.
 
44 Dhiironni kunneen warra Musee fi Aroon hangafoota Israaʼel kudha lamaaniin lakkaaʼaman turan; hangafoonni kunneenis tokkoon tokkoon isaanii iddoo buʼoota maatii isaanii turan. 45 Israaʼeloonni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen Israaʼel keessatti lolaaf baʼuu dandaʼan hundinuu akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼaman. 46 Walumaa galatti baayʼinni namaa 603,550 ture.
 
47 Lewwonni garuu akka gosa abbootii isaaniitti warra kaan wajjin hin lakkaaʼamne. 48  Waaqayyo Museedhaan akkana jedhee ture: 49 “Ati gosa Lewwii hin lakkaaʼin yookaan lakkoobsa saba Israaʼeloota kaaniitti hin dabalin. 50 Qooda kanaa akka Lewwonni itti gaafatamtoota dunkaana dhuga baʼumsaa, miʼa isaa hundaa fi waan inni qabu hundaa taʼaniif isaan muudi. Isaanis dunkaana qulqulluu fi miʼa isaa hunda haa baatan; dunkaanicha haa tajaajilan; naannoo isaas haa qubatan. 51 Yeroo dunkaanni qulqulluun deemuu qabutti Lewwonni dunkaana sana haa buqqisan; yeroo dunkaanichi dhaabamus Lewwonni haa dhaaban. Namni dunkaanichatti dhiʼaatu biraa haa ajjeefamu. 52 Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa qubata isaa keessaa fi faajjii isaa jalatti kutaa kutaadhaan dunkaana isaanii haa dhaabbatan. 53 Taʼus Lewwonni akka dheekkamsi Waaqayyoo waldaa Israaʼelitti gad hin buuneef dunkaanota isaanii naannoo dunkaana dhuga baʼumsaa haa dhadhaabatan. Lewwonni eegumsa dunkaana dhuga baʼumsaatti itti gaafatamtoota taʼuu qabu.”
54 Israaʼeloonni akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti waan kana hunda hojjetan.