2
Gosa Gosaan Qubachuu Isaanii
Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe: “Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa faajjii ofii isaanii jalatti faajjii maatii isaa wajjin dunkaana irraa xinnuma fagaatee naannoo dunkaana wal gaʼii haa qubatu.”
 
Gama baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin:
kutaawwan qubata Yihuudaa faajjii isaanii jala haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Yihuudaa Nahishoon ilma Amiinaadaabii ti. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 74,600.
Gosti Yisaakor isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Yisaakor Naatnaaʼel ilma Zuuwaar ture. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 54,400.
Gosti Zebuuloon kanatti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Zebuuloon Eliiyaab ilma Heeloonii ti. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 57,400.
Namoonni qubata Yihuudaatti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 186,400 turan. Isaanis duraan dursanii qajeelu.
 
10 Gama kibbaatiin:
kutaawwan qubata Ruubeen faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Ruubeen Eliizuur ilma Shedeeʼuurii ti. 11 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 46,500.
12 Gosti Simiʼoon isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan gosa Simiʼoon Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayii ti. 13 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 59,300.
14 Gosti Gaad isaanitti haa aanu. Hoogganaan gosa Gaad Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeelii ti. 15 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 45,650.
16 Namoonni qubata Ruubeenitti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 151,450 turan. Isaan kunneenis warra duraatti aananii deemu.
 
17 Ergasiis dunkaanni wal gaʼiitii fi qubanni Lewwotaa qubatawwan gidduu haa deeman. Isaanis akkuma toora qubata isaaniitti tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii eeggatanii faajjii isaanii jala haa deeman.
 
18 Gama dhiʼaatiin gareen qubata Efreem faajjii isaanii jalaan haa qubatan.
Hoogganaan ilmaan Efreem Eliishaamaa ilma Amiihuudii ti. 19 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 40,500:
20 Gosti Minaasee isaanitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Minaasee Gamaaliʼeel ilma Phedaasuurii ti. 21 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 32,200.
22 Gosti Beniyaam itti haa aanu. Hoogganaan ilmaan Beniyaam Abiidaan ilma Gaadeyoonii ti. 23 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 35,400:
24 Namoonni qubata Efreemitti lakkaaʼaman hundis kutaa kutaa isaaniitti 108,100 turan. Isaan kunneen immoo kutaa sadaffaa taʼanii deeman.
 
25 Gama kaabaatiin kutaawwan qubata Daan faajjii isaanii jalaan haa qubatan.
Hoogganaan gosa Daan Ahiiʼezer ilma Amiishadaayii ti. 26 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 62,700.
27 Gosti Aasheer isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Aseer Fagiʼeel ilma Okraanii ti. 28 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 41,500:
29 Gosti Niftaalemitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Niftaalem Ahiiraa ilma Eenaanii ti. 30 Lakkoobsi kutaa isaas namoota 53,400:
31 Namoonni qubata Daaniitti lakkaaʼaman hundis 157,600 turan. Isaanis dhuma irratti faajjii isaanii jalaan haa deeman.
 
32 Namoonni kunneen saba Israaʼel warra akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼamanii dha. Lakkoobsi warra qubata keessaa kanneen kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaman hundaa 603,550. 33 Lewwonni garuu akkuma Waaqayyo Musee ajaje sanatti Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
 
34 Akkasiin Israaʼeloonni waan Waaqayyo Musee ajaje hunda hojjetan; isaanis haaluma kanaan faajjii isaanii jala haa qubatan; haaluma kanaanis tokkoon tokkoon isaanii balbalaa fi maatii isaanii wajjin baʼanii haa deeman.