10
Malakatawwan Meetii
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe: “Meetii tumame irraa malakata lama tolfadhuutii hawaasa walitti waamuu fi akka qubanni kaʼee deemu gochuuf itti fayyadami. Yeroo malakanni lamaan afuufamanitti hawaasni hundi balbala dunkaana wal gaʼiitti fuula kee duratti walitti haa qabamu. Yoo malakanni tokko qofti afuufame garuu hooggantoonni jechuunis abbootiin gosoota Israaʼel fuula kee duratti walitti haa qabaman. Yeroo malakanni afuufamutti gosoonni gama baʼa biiftuutiin qubatan kaʼanii haa deeman. Yeroo malakanni siʼa lammaffaa afuufamutti immoo gosoonni gama kibbaatiin qubatan kaʼanii haa deeman. Malakanni afuufamu sun mallattoo isaan ittiin qubata keessaa baʼanii dha. Hawaasa walitti qabuudhaaf malakata afuufi; garuu mallattoo wal fakkaatuun hin afuufin.
“Ilmaan Aroon luboonni malakatawwan sana haa afuufan. Kunis isinii fi dhaloota dhufuuf seera bara baraa haa taʼu. Isin yommuu biyya keessan keessatti diina isin cunqursu tokkotti duuluuf baatanitti malakatawwan sana afuufaa. Yoos Waaqayyo Waaqni keessan isin yaadatee diina keessan jalaa isin baasa. 10 Akkasumas guyyaa gammachuu keessanii jechuunis gaafa ayyaana beekamaa fi Ayyaana Baatii Haaraatti aarsaa keessan kan gubamuu fi aarsaa keessan kan nagaa irratti malakatawwan afuufaa; wanni kunis fuula Waaqa keessanii duratti yaadannoo isiniif taʼa. Ani Waaqayyo Waaqa keessan.”
Israaʼeloonni Siinaadhaa Baʼan
11 Jiʼa lammaffaa waggaa lammaffaa keessa guyyaa digdammaffaatti duumessi sun dunkaana dhuga Baʼumsaa irraa kaʼe. 12 Israaʼeloonnis Gammoojjii Siinaatii kaʼanii hamma duumessi sun Gammoojjii Phaaraanii keessa qubatutti iddoo tokko irraa gara iddoo biraatti deeman. 13 Isaan yeroo jalqabaa kanatti ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenneen kaʼanii deeman.
14 Kutaan qubata ijoollee Yihuudaa faajjii isaanii jalaan jalqabatti deeman. Nahishoon ilmi Amiinaadaab ajajaa isaanii ture. 15 Naatnaaʼel ilmi Zuuwaar ajajaa kutaa gosa Yisaakor ture; 16 Eliiyaab ilmi Heeloon ajajaa kutaa gosa Zebuuloon ture. 17 Dunkaanni qulqulluun sunis achii buqqifame; akkasiin Geershoononnii fi Meraaronni warri dunkaana baatan kaʼanii deeman.
18 Kutaan qubata Ruubeenis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliizuur ilmi Shedeeʼuur ajajaa isaanii ture. 19 Shilumiiʼeel ilmi Zuriishadaayi ajajaa kutaa gosa Simiʼoon ture; 20 Eliyaasaaf ilmi Deʼuuʼeel ajajaa kutaa gosa Gaad ture. 21 Ergasii Qohaatonni miʼa qulqulluu baatanii kaʼanii deeman. Dunkaanni qulqulluun sun immoo utuu isaan achi hin gaʼin dhaabamee ture.
22 Kutaan qubata Efreemis faajjii isaanii jalaan itti aananii deeman. Eliishaamaan ilmi Amiihuud ajajaa isaanii ture. 23 Gamaaliʼeel ilmi Phedaasuur ajajaa kutaa gosa Minaasee ture; 24 Abiidaan ilmi Gaadeyoon ajajaa kutaa gosa Beniyaam ture.
25 Dhuma irratti kutaan qubata Daan eegduu karaa duubaa kan kutaawwan hundaa taʼanii faajjii isaanii jalaan kaʼanii deeman. Ahiiʼezer ilmi Amiishadaay ajajaa isaanii ture. 26 Fagiʼeel ilmi Okraan ajajaa kutaa gosa Aasheer ture; 27 Ahiiraan ilmi Eenaan ajajaa kutaa gosa Niftaalem ture. 28 Egaa kutaawwan saba Israaʼel yommuu kaʼanii deemanitti tartiiba kanaan sochoʼan.
29 Ergasii Museen Hoobaab ilma Reʼuuʼeel, namicha Midiyaan abbaa niitii Musee sanaan akkana jedhe; “Nu biyya Waaqayyo, ‘Ani isinii kenna’ nuun jedhe sana dhaquuf deemaa jirra. Nu waan gaarii siif goonaatii kottuu nu wajjin deemi; Waaqayyo waan gaarii Israaʼelootaaf kakateeraatii.”
30 Inni immoo, “Lakki ani hin deemuu; ani biyyuma kootti gara saba kootti nan deebiʼa” jedhee deebise.
31 Museen garuu akkana jedheen; “Maaloo nu dhiistee hin deemin. Ati gammoojjii keessatti iddoo nu qubannu ni beekta; ijas nuu taʼuu dandeessa. 32 Yoo ati nu wajjin deemte nu waan gaarii Waaqayyo nuu kennu si wajjin qoodanna.”
33 Isaan tulluu Waaqayyoo irraa kaʼanii guyyaa sadii deeman. Taabonni kakuu Waaqayyoos iddoo isaan boqotan isaaniif barbaaduuf jedhee guyyaa sadanuu isaan dura deeme. 34 Duumessi Waaqayyoo sun yeroo isaan qubata keessaa baʼan guyyaa guyyaa isaan irra ture.
35 Yeroo taabonni sun kaʼee deemu Museen akkana jedha ture;
“Yaa Waaqayyo, kaʼi!
Diinonni kee haa bittinneeffaman;
warri si jibbanis fuula kee duraa haa baqatan.”
36 Yeroo inni boqochuuf dhufu akkana jedha ture;
“Yaa Waaqayyo,
gara kumaatama Israaʼel hedduutti deebiʼi.”