9
Faasiikaa
Waaqayyo erga isaan Gibxii baʼanii booddee jiʼa jalqabaa kan waggaa lammaffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti akkana jedhee Museetti dubbate; “Israaʼeloonni yeroo murtaaʼetti Faasiikaa haa ayyaaneffatan. Isin akkuma seeraa fi dambii ayyaana kanaa hundaatti yeroo murtaaʼetti jiʼa sana keessa, dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti ayyaaneffadhaa.”
Museen akka isaan Faasiikaa ayyaaneffatan Israaʼelootatti hime; isaanis jiʼa jalqabaa keessa dimimmisa galgala guyyaa kudha afuraffaatti Gammoojjii Siinaa keessatti ayyaaneffatan. Sabni Israaʼel akkuma Waaqayyo Musee ajajetti waan hunda godhe.
Isaan keessaa namoonni tokko tokko sababii reeffa tuqanii xuraaʼaniif guyyaa sana Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye. Isaan guyyuma sana gara Musee fi Aroonii dhufanii, Museedhaan akkana jedhan; “Nu sababii reeffa namaa tuqneef xuroofneerra; garuu maaliif yeroo murtaaʼe sanatti Israaʼeloota kaan wajjin aarsaa Waaqayyoo dhiʼeessuu dhowwamne?”
Museenis, “Hamma ani waan Waaqayyo waaʼee keessan ajaju dhagaʼutti turaa” jedheen.
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe; 10 “Israaʼelootaan akkana jedhi: ‘Isin keessaa yookaan ilmaan keessan keessaa namni tokko yoo reeffa tuqee xuraaʼe yookaan karaa fagoo deeme, inni amma iyyuu Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu ni dandaʼa. 11 Isaanis jiʼa lammaffaa keessa guyyaa kudha afuraffaa dimimmisa galgala Faasiikaa haa ayyaaneffatan. Faasiikaa sanas Maxinoo fi baala hadhaaʼaa wajjin haa nyaatan. 12 Isaanis wantoota kanneen keessaa tokko iyyuu hamma ganamaatti hambisuu yookaan lafee isaa keessaa tokko iyyuu cabsuu hin qaban. Isaan yommuu Faasiikaa ayyaaneffatanitti dambiiwwan hunda duukaa buʼuu qabu. 13 Garuu namni qulqulluu taʼee karaa hin deemin yoo Faasiikaa ayyaaneffachuu baate inni sababii yeroo murtaaʼetti aarsaa Waaqayyoo hin dhiʼeessiniif saba isaa keessaa haa balleeffamu. Namichi sun gatii cubbuu isaa ni argata.
14 “ ‘Alagaan isin gidduu jiraatu kan Faasiikaa Waaqayyoo ayyaaneffachuu fedhu tokko akkuma seeraa fi dambii Faasiikaatti haa ayyaaneffatu. Isinis alagaa fi dhalataa biyyaatiif seeruma tokkicha qabaadhaa.’ ”
Duumessa Dunkaana Qulqulluudhaan Olii
15 Gaafa dunkaanni qulqulluun dhaabame sana duumessi dunkaana sana jechuunis dunkaana dhuga baʼumsaa haguuge. Duumessi dunkaana qulqulluudhaan olii sunis galgalaa hamma ganamaatti ibidda fakkaata ture. 16 Wanni kunis yeroo hunda akkanuma ture; guyyaa duumessi isa haguuga ture; halkan immoo duumessi sun ibidda fakkaata ture. 17 Yeroo duumessi sun dunkaana irraa kaʼu Israaʼeloonni kaʼanii deemu turan; lafa duumessi buʼu immoo Israaʼeloonni ni qubatu. 18 Israaʼeloonni ajaja Waaqayyootiin kaʼanii deemu; ajajuma isaatiinis qubatu. Yeroo duumessi dunkaana qulqulluun ol jiru isaanis qubata keessa turan. 19 Yoo duumessi sun guyyaa hedduu dunkaana gubbaa tures Israaʼeloonni seera Waaqayyootiif waan ajajamaniif iddoo sanaa kaʼanii hin deeman ture. 20 Yeroo tokko tokko duumessi sun guyyaa xinnaadhaaf dunkaana qulqulluu gubbaa oolee bula ture; isaanis ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma isaatiinis kaʼanii deemu. 21 Yeroo tokko tokko duumessi sun galgalaa hamma ganamaatti jiraata ture; yommuu duumessi ganamaan kaʼu isaanis kaʼanii deemu. Guyyaas taʼu halkan, yeroo duumessi kaʼu isaanis kaʼanii deemu. 22 Yeroo duumessi sun guyyaa lamas taʼu jiʼa tokko yookaan waggaa tokko dunkaana qulqulluu irra turutti Israaʼeloonni qubatuma keessa turu malee kaʼanii hin deeman ture; yeroo duumessichi kaʼutti garuu kaʼanii deemu. 23 Isaan ajaja Waaqayyootiin qubatu; ajajuma Waaqayyootiinis kaʼanii deemu. Akkuma ajaja Waaqayyo karaa Museetiin kenne sanaattis seera isaatiif ajajamu.