17
Uleen Aroon Late
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Israaʼelootatti dubbadhuutii hooggantoota gosa abbootii isaanii harkaa ulee tokko tokko, walumaa galatti uleewwan kudha lama fuudhi. Maqaa tokkoo tokkoo namaas ulee isaa irratti barreessi. Sababii tokkoo tokkoo hoogganaa gosa abbootiitiif uleen tokko jiraachuu qabuuf maqaa Aroon ulee Lewwii irratti barreessi. Uleewwan kanneenis dunkaana wal gaʼii keessa fuula taabota kakuu seeraa dura iddoo ani itti isiniin wal argu sana kaaʼi. Uleen nama ani filadhuu ni lata; anis guungummii Israaʼeloonni yeroo hunda isinitti guunguman of irraa nan kuta.”
Museen Israaʼelootatti dubbate; hooggantoonni isaaniis uleewwan kudha lama jechuunis hooggantoota tokkoo tokkoo gosa abbootii isaaniitiif ulee tokko tokko isatti kennan; uleen Aroonis uleewwan sana keessa ture. Museenis uleewwan sana dunkaana dhuga baʼumsaa keessa fuula Waaqayyoo dura kaaʼe.
Guyyaa itti aanutti Museen dunkaana dhuga baʼumsaa seenee uleen Aroon kan gosa Lewwii iddoo buʼu sun isaa latu qofa utuu hin taʼin hudhee daraaree lawuzii naqate arge. Museen ulee sana hunda fuula Waaqayyoo duraa alatti gad baasee Israaʼeloota hundatti fide. Isaanis ilaalanii tokkoon tokkoon namaa ulee ofii isaa fudhate.
10  Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ulee Aroon fuudhiitii akka inni finciltootaaf mallattoo taʼuuf fuula taabota kakuu seeraa dura deebisii kaaʼi. Kun akka isaan hin dhumneef natti guungumuu isaanii sana dhaabachiisa.” 11 Museenis akkuma Waaqayyo isa ajaje sana godhe.
12 Israaʼeloonni Museedhaan akkana jedhan; “Nu ni duuna! Nu badneerra; nu hundinuu badneerra! 13 Namni dunkaana qulqulluu Waaqayyootti dhiʼaatu kam iyyuu ni duʼa. Nu amma duʼuuf jirraa?”