18
Hojii Lubootaatii fi Lewwotaa
Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ati, ilmaan keetii fi maatiin abbaa keetii si wajjin yakka iddoo qulqulluutti hojjetametti ni gaafatamtu. Yakka lubummaatti hojjetame siʼii fi ilmaan kee qofatu itti gaafatama. Akka isaan yeroo atii fi ilmaan kee fuula dunkaana dhuga baʼumsaa duratti tajaajiltanitti sitti dabalamanii si gargaaraniif obboloota kee warra gosa Lewwii, warra gosa abbaa keetii sana fidi. Isaanis ajaja kee dhagaʼuudhaan hojiiwwan dunkaana keessaa hunda haa hojjetan; garuu miʼa iddoo qulqulluutti yookaan iddoo aarsaatti dhiʼaachuu hin qaban. Yoo akkas taʼe isaanis, atis ni duutu. Isaanis dunkaana wal gaʼii eeguudhaaf isinitti dabalamuu qabu; hojii dunkaana sanaa hundas haa hojjetan. Namni biraa iddoo isin jirtanitti dhiʼaachuu hin qabu.
“Isin akka dheekkamsi ammas Israaʼeloota irra hin buuneef eegumsa iddoo qulqulluutii fi eegumsa iddoo aarsaatti ni gaafatamtu. Ani mataan koo obboloota keessan Lewwota kennaawwan isinii kennaman godhee saba Israaʼel keessaa filadheera; isaanis akka hojii dunkaana wal gaʼii keessaa hojjetaniif Waaqayyoof kennamanii jiru. Garuu hojii iddoo aarsaatii fi hojii golgaa keessaa hunda siʼii fi ilmaan kee qofatu hojjeta. Ani hojii lubummaa kennaa godhee isiniif nan kenna. Namni biraa kan iddoo qulqulluutti dhiʼaatu haa ajjeefamu.”
Kennaawwan Lubootaa fi Lewwotaaf Kennaman
Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ani mataan koo itti gaafatamaa aarsaawwan naa dhiʼeeffamanii si godheera; ani aarsaawwan qulqulluu Israaʼeloonni naaf dhiʼeessan hunda akka isaan bara baraan qoodaa fi gaʼee keessan taʼaniif siʼii fi ilmaan keetiif kenneera. Kunis aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan kanneen ibiddi hin tuqin keessaa qooda kee taʼa. Kennaawwan isaan aarsaawwan waan hunda caalaa qulqulluu taʼan godhanii naaf fidan jechuunis aarsaawwan midhaanii yookaan aarsaawwan cubbuu yookaan aarsaawwan yakkaa hunda keessaa qoodni sun kan keetii fi kan ilmaan keetii ti. 10 Isas iddoo iddoo hunda caalaa qulqulluu taʼetti nyaadhu; dhiirri hundi haa nyaatu; innis qulqulluu siif haa taʼu.
11 “Wanni kunis kanuma kee ti; aarsaan sochoofamu kan kennaa saba Israaʼel hunda irraa addaan baafame kanuma kee ti. Anis waan kana siʼii fi ilmaan keetii fi intallan kee kanneen si wajjin jiraataniif qooda bara baraa godhee kenneera. Mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa.
12 “Zayitii ejersaa filatamaa hunda, daadhii wayinii filatamaa hundaa fi waan galfatan keessaa mataa midhaanii kan isaan Waaqayyoof dhiʼeessan siif nan kenna. 13 Mataan midhaanii kan isaan waan biyyattii irraa argatan hunda keessaa Waaqayyoof fidan kan kee haa taʼu; mana kee keessaa namni akka seeraatti qulqulluu taʼe kam iyyuu waan kana nyaachuu ni dandaʼa.
14 “Israaʼel keessatti wanni qulqulleeffamee Waaqayyoof kenname hundinuu kee ti. 15 Wanni gadameessa saaqu kam iyyuu namas taʼu horiin Waaqayyoof dhiʼeeffamu hundi kan kee ti. Ati garuu ilma hangafa, horii qulqulluu hin taʼin keessaa immoo korma hangafa furuu qabda. 16 Yeroo umuriin isaanii jiʼa tokko taʼutti akka saqilii iddoo qulqulluu kan geeraa digdama ulfaatu sanaatti gatii furii murtaaʼe meetii saqilii shaniin isaan furi.
17 “Garuu sangaa hangafa, hoolaa hangafaa fi reʼee hangafa hin furin; isaan qulqulluu dha. Dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti facaasi; cooma isaanii immoo aarsaa ibiddaan dhiʼeeffamu kan urgaan isaa Waaqayyotti tolu godhiitii gubi. 18 Akkuma handaraafni aarsaa sochoofamuutii fi tafni mirgaa kan kee taʼe sana foon isaaniis kan kee taʼa. 19 Ani waan aarsaa qulqulluu Israaʼeloonni Waaqayyoof dhiʼeessan irraa addaan baafame hunda siif, ilmaan keetii fi intallan keetiif qooda bara baraa godhee nan kenna. Innis fuula Waaqayyoo duratti siʼii fi sanyii keetiif kakuu soogiddaa kan bara baraa ti.”
20  Waaqayyo Arooniin akkana jedhe; “Ati biyya isaanii keessatti dhaala tokko illee yookaan qooda tokko illee isaan gidduudhaa hin qabaattu; ani saba Israaʼel keessatti qooda keetii fi dhaala kee ti.
21 “Kunoo ani kennaa Israaʼel keessa jiru kudhan keessaa tokko hunda waan isaan tajaajila dunkaana wal gaʼii tajaajilaniif dhaala godhee Lewwotaaf kenneera. 22 Siʼachi Israaʼeloonni akka cubbuu hin baannee fi akka hin duuneef dunkaana wal gaʼiitti hin dhiʼaatin. 23 Kan hojii dunkaana wal gaʼii hojjetuu fi kan itti gaafatama yakka achitti hojjetamuu fudhatu Lewwotuma. Kunis dhaloota dhufuuf seera bara baraa ti. Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin argatan. 24 Qooda kanaa ani waan Israaʼeloonni kudhan keessaa tokko aarsaa godhanii Waaqayyoof dhiʼeessan sana dhaala isaanii godhee Lewwotaaf kenneera. Sababiin ani, ‘Isaan saba Israaʼel keessatti dhaala tokko illee hin qabaatan’ jedhee waaʼee isaanii dubbadheefis kanuma.”
25  Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 26 “Akkana jedhii Lewwotatti dubbadhu: ‘Yommuu kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan ani dhaala keessan godhee isiniif kenne sana Israaʼeloota irraa fudhatanitti isin kennaa sana harka kudhan keessaa harka tokko aarsaa Waaqayyoo godhaa dhiʼeessaa. 27 Aarsaan keessanis akkuma midhaan oobdii irraa yookaan akkuma cuunfaa iddoo ija wayinii itti cuunfanii keessaa baʼeetti isiniif herregama. 28 Isinis haaluma kanaan kennaa harka kudhan keessaa harka tokko kan Israaʼeloota irraa argatan hunda keessaa Waaqayyoof aarsaa ni dhiʼeessitu; kennaawwan kanneen keessaas waan qooda Waaqayyoo taʼe Aroon lubichaaf kennaa. 29 Waan isinii kenname hunda keessaa kutaa waan hunda caalaa gaarii fi qulqulluu taʼe qooda Waaqayyoo godhaatii dhiʼeessaa.’
30 “Lewwotaan akkana jedhi: ‘Yommuu isin kutaa waan hunda caalaa gaarii taʼe dhiʼeessitanitti kutaan sun akka midhaan oobdii irraa yookaan akka cuunfaa iddoo ija wayinii itti cuunfan keessaa baʼeetti isinii herregama. 31 Sababii wanni kun mindaa hojii dunkaana wal gaʼii kan isin hojjettanii taʼeef isinii fi namoonni mana keessan jiraatan waan hafe sana iddoo barbaadan kamitti iyyuu nyaachuu dandeessu. 32 Qooda isaa kan waan hunda caalu sana dhiʼeessuudhaan isin waan kana keessatti yakka hin qabaattan; yoos isin aarsaa Israaʼelootaa qulqulluu sana hin xureessitan; hin duutanis.’ ”