33
Adeemsa Israaʼelootaa
Sadarkaaleen adeemsa saba Israaʼel kan yeroo isaan kutaa kutaadhaan qajeelfama Museetii fi Aroon jalatti biyya Gibxii baʼanii kana. Museen ajaja Waaqayyootiin sadarkaalee adeemsa isaanii galmeesse. Adeemsi isaaniis sadarkaa sadarkaadhaan kunoo ti:
 
Israaʼeloonni jiʼa jalqabaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti guyyaa Faasiikaatti aanu Raamseedhaa kaʼanii qajeelan. Isaanis utuma warri Gibxii hundi isaan arganuu irree jabaadhaan deeman; yeroo kana warri Gibxi ilmaan hangafa isaanii kanneen Waaqayyo isaan gidduudhaa fixe hunda awwaallachaa turan; waaqota warra Gibxitti Waaqayyo muree tureetii.
Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukooti qubatan.
Sukootii kaʼanii Eetaam ishee qarqara gammoojjiitti argamtu keessa qubatan.
Eetaamii kaʼanii gara Phii Hahiiroti kan gama baʼa Baʼaal Zefooniitti argamtuutti garagalanii Migdool bira qubatan.
Fiihahiirootii kaʼanii galaana keessa darbanii gammoojjii seenan; isaanis Gammoojjii Eetaamii keessa bultii sadii deemanii Maaraa qubatan.
Maaraadhaa kaʼanii Eelim lafa burqaa kudha lamaa fi muka meexxii torbaatama qabu sana dhaqanii achi qubatan.
10 Eelimii kaʼanii Galaana Diimaa cina qubatan.
11 Galaana Diimaadhaa kaʼanii Gammoojjii Siin keessa qubatan.
12 Gammoojjii Siiniitii kaʼanii Dofqaa qubatan.
13 Dofqaadhaa kaʼanii Aaluush qubatan.
14 Aaluushii kaʼanii Refiidiim lafa bishaan namni dhugu hin jirre qubatan.
15 Refiidiimii kaʼanii Gammoojjii Siinaa keessa qubatan.
16 Gammoojjii Siinaatii kaʼanii Qiibrooti Hataabaa qubatan.
17 Qiibrooti Hataabaadhaa kaʼanii Haxerooti qubatan.
18 Haxerootii kaʼanii Riitmaa qubatan.
19 Riitmaadhaa kaʼanii Rimoon Phereez qubatan.
20 Rimoon Phereezii kaʼanii Libnaa qubatan.
21 Libnaadhaa kaʼanii Riisaa qubatan.
22 Riisaadhaa kaʼanii Qehelaataa qubatan.
23 Qehelaataadhaa kaʼanii Gaara Shaafer bira qubatan.
24 Gaara Shaafer biraa kaʼanii Haraadaa qubatan.
25 Haraadaa kaʼanii Maqiheelooti qubatan.
26 Maqiheelootii kaʼanii Tahaati qubatan.
27 Tahaatii kaʼanii Taaraa qubatan.
28 Taaraadhaa kaʼanii Miitiqaa qubatan.
29 Miitiqaadhaa kaʼanii Hashmoonaa qubatan.
30 Hashmoonaadhaa kaʼanii Mooserooti qubatan.
31 Mooserootii kaʼanii Benee Yaaʼakaan qubatan.
32 Benee Yaaʼakaanii kaʼanii Hoori Hagidgaad qubatan.
33 Hoori Hagidgaadii kaʼanii Yoxbaataa qubatan.
34 Yoxbaataadhaa kaʼanii Abroonaa qubatan.
35 Abroonaadhaa kaʼanii Eziyoon Geber qubatan.
36 Eziyoon Geberii kaʼanii Gammoojjii Siin keessa Qaadesh qubatan.
37 Qaadeshii kaʼanii daarii biyya Edoom irra Tulluu Hoori bira qubatan. 38 Aroon lubichis ajaja Waaqayyootiin Tulluu Hooriitti ol baʼe; innis erga Israaʼeloonni biyya Gibxiitii baʼanii booddee waggaa afurtamaffaatti guyyaa jalqaba jiʼa shanaffaatti achitti duʼe. 39 Aroon yommuu Tulluu Hoori irratti duʼe sana umuriin isaa waggaa dhibba tokkoo fi digdamii sadii ture.
40 Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraachaa ture sun akka sabni Israaʼel dhufaa jiru dhagaʼe.
41 Isaanis Tulluu Hooriitii kaʼanii Zalmoonaa qubatan.
42 Zalmoonaadhaa kaʼanii Phuunon qubatan.
43 Phuunoniidhaa kaʼanii Oobooti qubatan.
44 Oobootii kaʼanii daarii Moʼaab irra Iyyee Abaariim qubatan.
45 Iyyiimii kaʼanii Diiboongaad qubatan.
46 Diiboongaadii kaʼanii Almoon Diiblaatayim qubatan.
47 Almoon Diiblaatayimii kaʼanii Neboo tulluuwwan Abaariim bira qubatan.
48 Tulluuwwan Abaariimiitii kaʼanii dirreewwan Moʼaab irra, Yordaanos bira, Yerikoo gama qubatan. 49 Isaanis dirreewwan Moʼaab kan Yordaanos cina Beet Yashiimootii jalqabee hamma Abeel Shixiimiitti jiru sana irra qubatan.
 
50  Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe; 51 “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Isin yommuu Yordaanos ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti, 52 jiraattota biyya sanaa of duraa ariʼaa baasaa. Fakkiiwwan isaanii kanneen soofamanii hojjetamanii fi waaqota isaanii kanneen baqfamanii tolfaman hunda barbadeessaa; gaarran sagadaa isaanii hundas diigaa. 53 Sababii ani biyyattii handhuuraa godhee isinii kenneef, biyyattii dhuunfadhaa keessa jiraadhaa. 54 Biyya sanas maatiiwwan keessaniif dhaala godhaatii ixaadhaan gargari qoodaa; maatii baayʼeedhaaf dhaala guddaa, maatii muraasaaf immoo dhaala xinnaa kennaa. Iddoon ixaadhaan isaanii baʼe kan isaanii taʼa. Isinis akkuma gosoota abbootii keessaniitti dhaalaa.
55 “ ‘Garuu yoo isin warra biyya sana jiraatan achii baasuu baattan, warri isin akka isaan achi jiraataniif dhiiftan sun akka huuba ija keessaatii fi akka qoraattii cinaacha keessaa isinitti taʼu. Biyya isin keessa jiraattan keessattis isin rakkisu. 56 Anis waanan isaan gochuu yaade sana isinitti nan fida.’ ”