34
Daangaawwan Kanaʼaan
Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Akkana jedhii Israaʼeloota ajaji: ‘Yeroo isin Kanaʼaan seentanitti biyyi akka dhaalaatti isinii kennamtu sun daangaawwan kanneen qabaatti:
 
“ ‘Daangaan keessan kan gama kibbaa Gammoojjii Siin kan qarqara Edoom irra jirtu irraa jalqaba; karaa baʼaatiin daangaan keessan kan kibbaa dhuma Galaana Soogiddaa irraa jalqaba; daangaan keessan kibba irraa gara tabba Aqrabiimitti deebiʼee, gara Siinitti ceʼee hamma kibba Qaadesh Barneetti deema. Ergasiis gara Hazar Adaaritti ittuma fufee gara Azimoonitti darba. Daangaan sunis Azimoon irraa gara laga Gibxitti deebiʼee galaana gaʼee dhuma.
Daangaan keessan kan gama dhiʼaa immoo qarqara Galaana guddichaa ti. Kunis gama dhiʼaatiin daangaa keessan taʼa.
Daarii keessan kan kaabaatiif galaana guddaadhaa hamma Tulluu Huuritti, Tulluu Huuriitii hamma Leeboo Hamaatiitti mallattoo tolchaa. Daariin sunis hamma Zedaaditti deemee hamma Ziifronitti itti fufee Hazar Eenaan irratti dhuma. Kunis daarii keessan kan kaabaa taʼa.
10 Daarii keessan kan baʼaatiifis Hazar Eenaanii jalqabaatii hamma Shefaamaatti mallattoo tolchaa. 11 Daariin sunis Shefaamaa jalqabee karaa baʼa Aayiniitiin hamma Riibilaatti gad buʼa; itti fufees hamma ededa gama baʼaa Galaana Kinereetitti argamuutti deema. 12 Daariin kunis Yordaanositti gad buʼee Galaana Soogiddaa gaʼee dhaabata.
 
“ ‘Egaa biyyi gama hundaan daarii qabu kun keessan taʼa.’ ”
 
13 Museen akkana jedhee Israaʼeloota ajaje: “Biyya kana dhaala godhadhaatii ixaadhaan qoodadhaa; Waaqayyo akka biyyi kun gosa sagalii fi walakkaadhaaf kennamu ajajeera; 14 maatiiwwan gosa Ruubeen, kan gosa Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee dhaala ofii fudhataniiruutii. 15 Gosoonni lamaanii fi walakkaan gosa tokkoo Yordaanos gamaa, fuullee Yerikootii gara baʼa biiftuutti karaa baʼaatiin dhaala isaanii argataniiru.”
16  Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 17 “Maqaan namoota akka dhaalaatti lafa kana isinii qoodaniis Eleʼaazaar lubichaa fi Iyyaasuu ilma Nuunii ti. 18 Isinis akka isaan lafa dhaalaa qoodaniif tokkoo tokkoo gosaa keessaa hoogganaa tokko filadhaa.
 
19 “Maqaan isaaniis kanneenii dha:
 
“Gosa Yihuudaa keessaa, Kaaleb ilma Yefunee;
20 gosa Simiʼoon keessaa, Shemuuʼeel ilma Amiihuud;
21 gosa Beniyaam keessaa, Eliidaad ilma Kisloon;
22 gosa Daan keessaa hoogganaan, Bukii ilma Yoogilii;
23 gosa Minaasee ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Haniiʼeel ilma Eefoodi;
24 gosa Efreem ilma Yoosef keessaa hoogganaan, Qamuʼeel ilma Shiifxaan;
25 gosa Zebuuloon keessaa hoogganaan, Eliisaafaan ilma Phaarnaak;
26 gosa Yisaakor keessaa hoogganaan, Phaaltiiʼeel ilma Azaan;
27 gosa Aasheer keessaa hoogganaan, Ahiihuud ilma Sheloomii;
28 gosa Niftaalem keessaa hoogganaan, Phedaaʼeel ilma Amiihuud.”
 
29 Namoonni kunneen warra Waaqayyo akka isaan biyya Kanaʼaan keessatti Israaʼelootaaf dhaala hiraniif isaan ajajee dha.