35
Magaalaawwan Lewwotaaf Kennaman
Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe; “Israaʼeloonni dhaala ofii isaaniitii argachuuf jiran keessaa magaalaawwan Lewwonni keessa jiraatan akka isaanii kennan Israaʼeloota ajaji. Lafa horii itti bobbaafatanis naannoo magaalaawwaniitti haa kennaniif. Isaanis magaalaawwan keessa jiraatanii fi lafa itti loon isaaniitii fi horii isaanii kaan hunda bobbaafatan ni qabaatu.
“Lafti horiin itti bobbaʼu kan isin naannoo magaalaawwaniitti Lewwotaaf kennitan sun dallaa magaalaa irraa jalqabee gama hundaan dhundhuma kuma tokko achi balʼata. Magaalaa sana gidduutti hambisuudhaan karaa alaatiin gama baʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kibbaatiin dhundhuma kuma lama, gama dhiʼaatiin dhundhuma kuma lama, gama kaabaatiin immoo dhundhuma kuma lama safaraa. Iddoowwan kunneen magaalaawwan sanaaf iddoowwan itti horii bobbaafatan taʼu.
Magaalaawwan Itti Baqatan
35:6‑34 kwi – KeD 4:41‑43; 19:1‑14; Iya 20:1‑9
“Magaalaawwan jaʼan isin Lewwotaaf kennitan magaalaawwan itti baqatan kanneen namni nama ajjeese itti baqatu taʼu. Magaalaawwan afurtamii lamas kanatti dabalaatii isaanii kennaa. Walumaa galatti magaalaawwan afurtamii saddeet kanneen lafa tika ofii isaanii qaban Lewwotaaf kennaa. Magaalaawwan isin lafa Israaʼeloonni dhaalan irraa Lewwotaaf kennitan, akkuma qooda dhaala tokkoo tokkoo gosaatti haa taʼu; gosa dhaala baayʼee qabu irraa magaalaawwan baayʼee, gosa dhaala muraasa qabu irraa immoo magaalaawwan xinnoo fuudhaa.”
Waaqayyos Museedhaan akkana jedhe: 10 “Israaʼelootatti dubbadhu; akkanas jedhiin: ‘Isin yommuu Yordaanosin ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti, 11 akka isin magaalaawwan itti baqatan kanneen namni tasa nama ajjeese itti baqatu isinii taʼaniif magaalaawwan filadhaa. 12 Magaalaawwan kunneenis akka namni nama ajjeesuudhaan himatame utuu murtii argachuuf waldaa duratti hin dhiʼaatin hin duuneef iddoo inni itti nama haaloo isa baʼu jalaa baqatu taʼu. 13 Magaalaawwan isin kennitan jaʼan kunneenis magaalaawwan itti baqattan isinii taʼu. 14 Yordaanos gamanaan magaalaawwan sadii, Kanaʼaan keessaa immoo magaalaawwan sadii, magaalaawwan itti baqatan godhaa kennaa. 15 Magaalaawwan jaʼan kunneen akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼelootaaf, alagootaa fi saba isaan gidduu jiraatuuf iddoo itti baqatan taʼu.
16 “ ‘Namni tokko yoo meeshaa sibiilaatiin nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi ajjeese sun ajjeefamuu qaba. 17 Yookaan namni tokko yoo dhagaa nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee ajjeese, inni nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba. 18 Yookaan namni tokko yoo meeshaa mukaa kan nama ajjeesuu dandaʼu harkatti qabatee nama dhaʼee namichi sun duʼe, inni ajjeese sun nama gumaa ti; namichi nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba. 19 Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana haa ajjeesu; inni yommuu argatutti isa haa ajjeesu. 20 Namni tokko yoo jibbaan nama darbatee lafaan dhaʼee yookaan beekaa waa itti darbachuudhaan isa ajjeese, 21 yookaan yoo diinummaadhaan kaʼee harkaan isa dhaʼee namichi sun duʼe, inni nama ajjeese sun ajjeefamuu qaba; inni nama gumaa ti. Namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha nama ajjeese sana yeroo argatutti isa haa ajjeesu.
22 “ ‘Garuu inni yoo utuu diinummaa hin qabaatin tasa nama darbatee lafaan dhaʼe yookaan utuu hin beekin waan tokko isatti darbatee 23 yookaan utuu isa hin argin dhagaa isa ajjeesuu dandaʼu itti gad dhiisee namichi sun duʼe, inni waan diina isaa hin taʼinii fi isa miidhuuf hin yaadiniif 24 waldaan sun akkuma seera kanneeniitti namicha nama ajjeese sanaa fi isa haaloo dhiigaa baʼu sana gidduutti murtii haa kennu. 25 Waldaan sun namicha nama ajjeesuudhaan himatame sana harka namicha haaloo dhiigaa baʼu sanaa jalaa baasee magaalaa inni itti baqatee ture sanatti deebisee isa haa ergu. Innis hamma lubni ol aanaan zayitii qulqulluudhaan dibame sun duʼutti achuma haa turu.
26 “ ‘Taʼus yoo namichi nama ajjeese sun daarii magaalaa itti baqate sanaa keessaa baʼee 27 namichi haaloo dhiigaa baʼu sun magaalaa sanaan alatti isa argate, namichi haaloo dhiigaa baʼu sun namicha himatame sana ajjeesuu dandaʼa; yakka ajjeechaa sanaattis hin gaafatamu. 28 Namichi nama ajjeese sun hamma lubni ol aanaan sun duʼutti magaalaa itti baqate keessa turuu qaba; inni erga lubichi ol aanaan duʼee booddee gara qabeenya isaatti deebiʼuu dandaʼa.
29 “ ‘Isaan kunneenis dhaloota dhufu keessatti lafa isin jiraattan kamitti iyyuu seeraa fi qajeelfama isiniif haa taʼan.
30 “ ‘Namni kam iyyuu yoo nama ajjeese namichi sun ragaa dhugaa baatonni kennaniin ajjeefama. Taʼus namni kam iyyuu dhuga baʼumsa nama tokkoo qofaan hin ajjeefamin.
31 “ ‘Namicha nama ajjeesee duuti isaaf malu tokko irraa gumaa lubbuu hin fudhatinaa. Inni ajjeefamuu qaba.
32 “ ‘Akka inni utuu lubichi ol aanaan hin duʼin dura biyya ofii isaatti deebiʼee achi jiraatu eeyyamuuf jettanii nama gara magaalaa itti baqataniitti baqate kamiif iyyuu gumaa hin fudhatinaa.
33 “ ‘Sababii dhangalaafamuun dhiigaa biyya xureessuuf, isin biyya keessa jiraattan sana hin xureessinaa; dhiiguma namicha dhiiga dhangalaase sanaatiin malees biyya dhiigni itti dhangalaafame sanaaf araarri hin buufamu. 34 Biyya isin keessa jirtan iddoo ani jiraadhu sana hin xureessinaa. Ani Waaqayyo Israaʼeloota gidduu nan jiraadhaatii.’ ”