Kitaaba
Fakkeenyaa
Kaayyoo Ijoo Dubbii Kitaabichaa
1
Fakkeenya Solomoon Ilma Daawit, mootii Israaʼel:
Ogummaa fi qajeelfama qabaachuudhaaf,
dubbii beekumsa guddaa hubachuudhaaf;
ogummaadhaan jiraachuudhaan, qajeelummaadhaan,
murtii qajeelaa kennuu fi nama wal qixxeessuudhaan
qajeelfama argachuudhaaf;
warra waa hin beekneef of eeggannoo kennuudhaaf,
dargaggootaaf immoo beekumsaa fi hubannaa kennuudhaaf,
ogeeyyiin dhaggeeffatanii barumsa isaanii irratti waa haa dabalatan;
warri qalbii qabanis qajeelfama haa argatan;
kunis fakkeenyaa fi hiikkaa,
jechaa fi hibboo ogeeyyii hubachuudhaaf.
 
Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti;
gowwoonni garuu ogummaa fi adabamuu tuffatu.
Gorsa Akka Namni Ogummaa Argatuuf Kenname
Gowwoomfamuu Irraa Of Eeguu
Yaa ilma ko, gorsa abbaa keetii dhaggeeffadhu;
barsiisa haadha keetii illee hin gatin.
Wanni kun mataa kee miidhagsuudhaaf gonfoo,
morma kee bareechuudhaaf immoo faaya siif taʼa.
 
10 Yaa ilma ko, yoo cubbamoonni sossobanii
ofitti si harkisan, tole hin jedhiniif.
11 Yoo isaan, “Nu wajjin kottu;
riphnee dhiiga namaa dhangalaasnaa;
nama balleessaa hin qabne galaafachuudhaafis
dhokannee eeggannaa;
12 kottu akkuma awwaalaa jiraatti isaan liqimsinaa;
akkuma warra boolla keessa buufamaniis
guutumaan guutuutti isaan liqimsinaa;
13 nu waan gatii qabu kan gosa hundaa ni arganna;
manneen keenya illee boojuudhaan guuttanna;
14 ixaa kee nu wajjin buufadhu;
nus korojoo tokko si wajjin qooddannaa” siin jedhan,
15 yaa ilma ko, ati isaan wajjin hin deemin;
miilla keetiin karaa isaanii irra illee hin ejjetin;
16 miilli isaanii cubbuutti ariifataatii;
isaan dhiiga dhangalaasuuf jarjaru.
17 Utuma simbirroonni hundi arganuu,
kiyyoo buusuun waan gatii hin qabnee dha!
18 Namoonni kunneen dhiiguma ofii isaanii riphanii eeggatu;
lubbuma ofii isaanii gaadu!
19 Kun dhuma warra qabeenya karaa hamaadhaan argamu duukaa buʼan hundaa ti;
wanni akkasii jireenya warra isa argatanii balleessa.
Akeekkachiisa Ogummaa Tuffachuu Irratti Kenname
20 Ogummaan karaa irratti guddiftee iyyiti;
iddoo wal gaʼii uummataattis sagalee ishee ol fudhatti.
21 Isheen fiixee daandii irraa iyyiti;
karra magaalaa duraas akkana jettee dubbatti:
 
22 “Isin warri homaa hin beekne
kun hamma yoomiitti karaa keessan kan faayidaa hin qabne sana jaallattu?
Warri namatti qoosan hamma yoomiitti qoosaa sanatti gammadanii
gowwoonnis beekumsa jibbu?
23 Mormii koo qalbeeffadhaa;
ani yaada koo isinii nan dhangalaasa;
dubbii koos isiniifin ibsa.
24 Garuu sababii isin yeroo ani isin waametti diddanii
yeroo ani harka balʼifadhetti namni tokko iyyuu na hin dhaggeeffatiniif,
25 waan isin gorsa koo hunda tuffattanii
dheekkamsa koo dhagaʼuu diddaniif,
26 anis badiisa keessanitti nan kolfa,
yeroo balaan isinitti dhufuttis nan qoosa;
27 yeroo balaan akkuma bubbeetti isin fudhatutti,
yeroo badiisni akkuma bubbee hamaatti isin haxaaʼutti,
yeroo dhiphinaa fi rakkinni isinitti dhufutti ani isinittan qoosa.
 
28 “Yeroo sana isaan na waammatu; ani garuu isaan jalaa hin owwaadhu;
isaan na barbaadu; garuu na hin argatan.
29 Isaan waan beekumsa jibbanii
Waaqayyoon sodaachuu illee filachuu didaniif,
30 waan gorsa koo fudhachuu didanii
dheekkamsa koos tuffataniif,
31 isaan gatii karaa isaanii ni nyaatu;
buʼaa jalʼina isaaniis ni quufu.
32 Gowwoota waa dagachuutu isaan balleessaatii;
quufni gowwootaa isaanuma balleessa;
33 namni na dhaggeeffatu kam iyyuu garuu nagaadhaan jiraata;
inni qabbanaan jiraata; wanni hamaanis isa hin sodaachisu.”