2
Badhaasa Ogummaa
Yaa ilma ko, yoo ati dubbii koo fudhattee
ajaja koos of keessatti kuufatte,
yoo ati gurra kee ogummaatti garagalfattee
yaada kee hubannaatti deebifatte,
yoo ati jabaattee qalbeeffannaa barbaaddee
hubannaa argachuuf jettee iyyitee kadhatte,
yoo ati akkuma meetiitti isa barbaaddattee
akkuma qabeenya dhokfameetti isa barbaadde,
ati Waaqayyoon sodaachuu ni hubatta;
Waaqa beekuus ni argatta.
Waaqayyo ogummaa namaa kennaatii;
afaan isaa keessaa illee beekumsaa fi hubannaatu baʼa.
Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa;
warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana;
inni daandii tolootaa ni eega;
karaa qulqulloota isaa illee ni tiksa.
 
Ergasii ati qajeelummaa fi murtii qajeelaa,
nama wal qixxeessuu, karaa qajeelaa hundas ni hubatta.
10 Ogummaan garaa kee seena;
beekumsis lubbuu kee gammachiisa.
11 Qalbeeffannaan si eega;
hubannaanis si tiksa.
 
12 Ogummaan karaa hamootaa irraa,
namoota daba dubbatan jalaas si baraara;
13 warra karaa dukkanaa irra deemuudhaaf jedhanii
daandii qajeelaa dhiisan,
14 warra waan hamaa hojjechuutti gammadan,
warra jalʼina hojjechuun itti tolu,
15 warra daandiin isaanii jalʼate,
warra karaan isaanii dabe jalaa si baraara.
 
16 Ogummaatu dubartii ganda labee,
niitii dubbiidhaan sossobdee ofitti nama harkiftu jalaa si baraara;
17 niitii dhirsa ishee kan jalqabaa dhiiftee
kakuu fuula Waaqaa duratti galte sana dagatte jalaa si baraara.
18 Manni ishee gara duʼaatti, karaan ishee immoo
gara hafuurota warra duʼaniitti nama geessaatii.
19 Namni gara ishee dhaqu tokko iyyuu hin deebiʼu
yookaan karaa jireenyaa hin argatu.
 
20 Kanaafuu ati karaa namoota gaggaarii irra ni deemta;
daandii qajeeltotaa irraas hin jalʼattu.
21 Toloonni biyyattii keessa ni jiraatuutii;
warri mudaa hin qabnes achi keessa jiraatu;
22 hamoonni garuu biyyattii keessaa ni balleeffamu;
warri hin amanamnes ishee keessaa buqqifamu.