Fakkeenyawwan Solomoon
10
Fakkeenyawwan Solomoon:
Ilmi ogeessi abbaa isaa gammachiisa;
ilmi gowwaan garuu haadha isaa gaddisiisa.
 
Qabeenyi karaa hamaadhaan horatan gatii hin qabu;
qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
 
Waaqayyo akka warri qajeelaan beelaʼan hin eeyyamu;
hawwii jalʼootaa garuu ni busheessa.
 
Harki hojii hin hojjenne nama hiyyoomsa;
harki jabaatee hojii hojjetu garuu nama sooromsa.
 
Namni yeroo bonaa midhaan walitti qabatu ilma ogeessa;
kan yeroo midhaan galfamutti rafu immoo
ilma nama qaanessuu dha.
 
Eebbi mataa qajeeltotaatti gonfoo kaaʼa;
afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
 
Yaadannoon nama qajeelaa eebba taʼa;
maqaan nama hamaa garuu lafa irraa bada.
 
Namni garaa isaatti ogeessa taʼe ajaja fudhata;
gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
 
Namni amanamaan sodaa malee deema;
kan karaa isaa jalʼisu garuu ni saaxilama.
 
10 Namni ija hamminaatiin waa namaan jedhu rakkoo uuma;
gowwaan oduu baayʼisu garuu ni bada.
 
11 Afaan nama qajeelaa burqaa jireenyaa ti;
afaan hamootaa irra garuu jeequmsatu lolaʼa.
 
12 Jibbi lola kakaasa;
jaalalli garuu balleessaa hunda haguuga.
 
13 Ogummaan hidhii nama waa hubatuu irratti argamti;
uleen immoo dirra nama hubannaa hin qabnee irra buʼa.
 
14 Namoonni ogeeyyiin beekumsa kuufatu;
afaan gowwaa garuu badiisa waama.
 
15 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;
hiyyummaan garuu badiisa hiyyeeyyii ti.
 
16 Mindaan qajeeltotaa jireenya;
galiin hamootaa garuu cubbuu fi duʼa.
 
17 Namni gorsa fudhatu karaa jireenyaa irra deema;
namni adaba didu kam iyyuu garuu warra kaan karaa irraa jalʼisa.
 
18 Namni hidhii sobuun jibba dhokfatu,
kan maqaa namaa balleessus gowwaa dha.
 
19 Yoo dubbiin baayʼatu, cubbuun keessaa hin dhabamu;
namni arraba isaa eeggatu garuu ogeessa.
 
20 Arrabni nama qajeelaa meetii filatamaa dha;
garaan nama hamaa garuu faayidaa xinnoo qaba.
 
21 Arrabni nama qajeelaa nama hedduu soora;
gowwoonni garuu hubannaa dhabiisaan duʼu.
 
22 Eebbi Waaqayyoo nama sooromsa;
inni rakkina tokko illee itti hin dabalu.
 
23 Gowwaan amala hamaadhaan gammachuu argata;
namni waa hubatu garuu ogummaatti gammada.
 
24 Wanni namni hamaan sodaatu isumatti dhufa;
hawwiin nama qajeelaa immoo ni guutamaaf.
 
25 Yeroo bubbeen hamaan bubbisu namoonni hamoon ni badu;
qajeeltonni garuu bara baraan jabaatanii jiraatu.
 
26 Akkuma wanni dhangaggaaʼaan ilkaan miidhee,
aarris ija miidhu sana
namni dhibaaʼaan warra isa ergatu miidha.
 
27  Waaqayyoon sodaachuun bara jireenya namaa dheeressa;
umuriin nama hamaa garuu ni gabaabbata.
 
28 Abdiin nama qajeelaa gammachuu taʼa;
wanni namni hamaan eeggatu garuu ni bada.
 
29 Karaan Waaqayyoo nama qajeelaaf daʼoo dha;
nama jalʼaaf garuu badiisa.
 
30 Qajeeltonni yoom iyyuu hin fonqolfaman;
hamoonni garuu lafa irratti hin hafan.
 
31 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata;
arrabni jalʼaan garuu ni kutama.
 
32 Arrabni nama qajeelaa waan fudhatama qabu dubbata;
afaan nama hamaa garuu waan jalʼaa qofa dubbata.