11
Waaqayyo madaalii hin amanamne ni balfa;
madaalii dhugaatti immoo ni gammada.
Gaafa of tuuluun dhufu, salphinatu dhufa;
gad of qabiisa wajjin immoo ogummaatu dhufa.
 
Amanamummaan tolootaa isaan dura deema;
warri hin amanamne garuu dabuma isaaniitiin badu.
 
Guyyaa dheekkamsaatti qabeenyi faayidaa hin qabu;
qajeelummaan garuu duʼa jalaa nama baasa.
 
Qajeelummaan warra mudaa hin qabnee
karaa qajeelaa baasaaf;
hamoonni garuu hamminuma isaaniitiin badu.
 
Qajeelummaan tolootaa isaan oolcha;
warri hin amanamne garuu
hawwii hamaadhaan qabamu.
 
Yeroo namni hamaan duʼu, abdiin isaas ni bada;
wanni namni hamaan eeggatus ni barbadeeffama.
 
Namni qajeelaan rakkoo jalaa ni baafama;
rakkoon sunis qooda isaa nama hamaa irra gaʼa.
 
Namni Waaqatti hin bulle dubbii afaan isaatiin ollaa isaa balleessa;
namni qajeelaan immoo beekumsaan miliqa.
 
10 Yommuu namni qajeelaan badhaadhu magaalaan ni gammada;
yommuu namni hamaan barbadaaʼu immoo iyya gammachuutu dhagaʼama.
 
11 Eebba nama tolaatiin magaalaan ulfina argata;
afaan nama hamaatiin garuu ni barbadeeffama.
 
12 Namni sammuu hin qabne ollaa isaa tuffata;
kan hubannaa qabu garuu ni calʼisa.
 
13 Namni odeessu dhoksaa gad baasa;
kan amanamu garuu icciitii eega.
 
14 Qajeelfama dhabiisaan sabni ni kufa;
baayʼina gorsitootaatiin garuu nagaatu argama.
 
15 Namni nama hin beekneef wabii taʼu ni rakkata;
namni namaaf kakachuuf jedhee harka dhaʼuu didu immoo
nagaan jiraata.
 
16 Dubartiin gara laafettiin ulfina argatti;
namoonni garaa dhagaa immoo qabeenya qofa argatu.
 
17 Namni gaariin of fayyada;
gara jabeessi garuu rakkina ofitti fida.
 
18 Namni hamaan mindaa sobaa argata;
kan qajeelummaa facaafatu immoo badhaasa dhugaa argata.
 
19 Namni qajeelaan dhugumaan jireenya argata;
kan waan hamaa duukaa buʼu garuu gara duʼaa argata.
 
20  Waaqayyo warra yaada jalʼaa qaban balfa;
warra karaan isaanii mudaa hin qabnetti immoo ni gammada.
 
21 Waan kana hubadhu: Namni hamaan utuu hin adabamin hin hafu;
qajeeltonni garuu bilisa baʼu.
 
22 Dubartiin miidhagduun qalbii hin qabne
akkuma qubeelaa warqee kan funyaan booyyeetti jirtuu ti.
 
23 Wanni qajeeltonni hawwan gaarii taʼaaf;
abdiin hamootaa garuu dheekkamsa qofa taʼa.
 
24 Namni tokko toluma waa namaa kenna;
taʼus ittuma caalchisee sooroma;
kaan immoo waan kennuu malu dhowwata;
taʼus inuma hiyyooma.
 
25 Namni arjaan ni badhaadha;
namni warra kaan dheebuu baasu ofii isaatii illee dheebuu baʼa.
 
26 Nama dhoksee midhaan kuufatu sabni ni abaara;
kan gurguruuf fedhii qabu immoo eebbatu gonfoo taʼaaf.
 
27 Namni waan gaarii barbaadu carraa gaarii argata;
hamminni garuu nama hammina barbaadutti dhufa.
 
28 Namni sooruma ofii isaa abdatu kam iyyuu ni kufa;
qajeelaan garuu akkuma baala magariisaatti lalisa.
 
29 Namni maatii isaatti rakkoo fidu bubbee qofa dhaala;
gowwaan immoo garbicha nama ogeessaa taʼa.
 
30 Iji nama qajeelaa muka jireenyaa ti;
namni lubbuu namaa baraaru immoo ogeessa.
 
31 Erga qajeeltonni lafa irratti gatii isaanii argatanii,
namni Waaqatti hin bullee fi cubbamaan
hammam caalaa haa argatanii ree!