12
Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata;
kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.
Namni gaariin Waaqayyo biratti fudhatama argata;
Waaqayyo garuu nama hammina malatutti ni mura.
 
Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu;
qajeelaan garuu hin buqqifamu.
 
Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;
niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.
 
Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha;
gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha.
 
Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf
riphee nama eeggata;
haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa.
 
Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman;
manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata.
 
Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama;
namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama.
 
Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko,
nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala.
 
10 Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada;
hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina.
 
11 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata;
kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu.
 
12 Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu;
hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa.
 
13 Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama;
namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.
 
14 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama;
hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.
 
15 Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;
namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.
 
16 Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama;
namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.
 
17 Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna;
dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.
 
18 Dubbiin of eeggannaa hin qabne
akkuma goraadee nama waraana;
arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.
 
19 Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata;
arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.
 
20 Garaa warra waan hamaa malatanii keessa
gowwoomsaatu jira;
warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu.
 
21 Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu;
hamoonni rakkinaan guutamu.
 
22  Waaqayyo arraba sobu ni jibba;
warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.
 
23 Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata;
gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu.
 
24 Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa;
dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.
 
25 Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa;
dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.
 
26 Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa;
karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa.
 
27 Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu;
kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata.
 
28 Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira;
daandii sana irra duuti hin jiru.