18
Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa;
murtii dhugaa hundaanis ni morma.
 
Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;
garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.
 
Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa;
salphinnis qaanii wajjin dhufa.
 
Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha;
burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.
 
Gara nama hamaa goruun
yookaan nama balleessaa hin qabne
murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.
 
Hidhiin gowwaa lola fida;
afaan isaas rukutamuu itti waama.
 
Afaan gowwaa badiisa isaa ti;
hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.
 
Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;
gara kutaa garaattis gad buʼa.
 
Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu,
obboleessa nama waa balleessuu ti.
 
10 Maqaan Waaqayyoo gamoo jabaa dha;
namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.
 
11 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;
isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.
 
12 Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;
gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.
 
13 Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun,
gowwummaa fi qaanii dha.
 
14 Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa;
hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?
 
15 Garaan nama hubataa beekumsa argata;
gurri ogeessaas waan kana barbaada.
 
16 Kennaan abbicha kennuuf karaa bana;
fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.
 
17 Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti,
namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko
dhugaa qabeessa fakkaata.
 
18 Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa;
namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.
 
19 Obboleessa yakkame tokko deebisuun
magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata;
wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.
 
20 Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa;
dubbii arraba isaatiinis ni guuta.
 
21 Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba;
warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.
 
22 Namni niitii argatu waan gaarii argata;
fuula Waaqayyoo durattis surraa argata.
 
23 Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata;
sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.
 
24 Namni michoota baayʼisu ni bada;
garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.