19
Gowwaa daba dubbatuu mannaa
hiyyeessa amanamummaadhaan jiraatu wayya.
Namni beekumsa hin qabne gaarii miti;
miilli jarjarus karaa irraa jalʼata.
 
Gowwummaan namaa karaa isaa jalʼisa;
garaan isaa immoo Waaqayyotti aara.
 
Badhaadhummaan michoota hedduu nama argachiisa;
hiyyeessi garuu michoota isaa irraa gargar baʼa.
 
Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;
namni soba odeessuus jalaa hin baʼu.
 
Namni hedduun bulchaa biratti surraa argachuu barbaada;
namni hundis michuu nama waa namaa kennuu ti.
 
Obboloonni hiyyeessaa hundinuu isa jibbu;
yoos michoonni isaa hammam caalaa isa irraa haa fagaatan ree!
Inni kadhachaa isaan duukaa buʼu iyyuu
isaan eessattuu hin argaman.
 
Namni qalbii qabu ofii isaa jaallata;
namni hubannaa jaallatu ni milkaaʼa.
 
Namni sobaan dhugaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu;
namni soba odeessus ni bada.
 
10 Jireenya qananii jiraachuun gowwaaf hin malu;
yoos ilmaan mootii bulchuun garbichaaf
hammam caalaa haa hammaatu ree?
 
11 Ogummaan nama tokkoo obsa kennaaf;
balleessaa namaa irra darbuunis isaaf ulfina.
 
12 Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti,
surraan isaa immoo akkuma fixeensa marga irratti.
 
13 Ilmi gowwaan abbaa isaatiif badiisa;
niitiin nyakkiftunis
akka mana yeroo hundumaa dhimmisuu ti.
 
14 Manaa fi qabeenyi warra ofii irraa dhaalamu;
niitii qalbii qabdu garuu Waaqayyotu namaaf kenna.
 
15 Dhibaaʼummaan hirriba guddaa namatti buusa;
namni hojii malee taaʼus ni beelaʼa.
 
16 Namni ajaja eegu lubbuu isaa eeggata;
kan karaa isaa tuffatu immoo ni duʼa.
 
17 Namni hiyyeessaaf garaa laafu Waaqayyoof liqeessa;
Waaqnis waan inni hojjete sanaaf isa badhaasa.
 
18 Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabadhu;
akka inni duʼuufis calʼistee hin ilaalin.
 
19 Namni dafee aaru adabamuu qaba;
ati yoo isa oolchite, amma illee akkasuma gochuu qabda.
 
20 Gorsa namaa dhaggeeffadhu; sirreeffamas fudhadhu;
dhuma irratti ati nama ogeessa taata.
 
21 Garaa namaa keessa karoora baayʼeetu jira;
garuu wanni fiixaan baʼu kaayyoo Waaqayyoo ti.
 
22 Wanni namni hawwu jaalala dhuma hin qabnee dha;
sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya.
 
23  Waaqayyoon sodaachuun jireenyatti nama geessa;
yoos namni boqonnaadhaan jiraata;
rakkinnis isa hin argatu.
 
24 Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa;
gara afaan isaattis hin deebifatu!
 
25 Qoostuu garafi; wallaalaan hubannaa argataa;
nama qalbii qabu ifadhu; inni beekumsa argataatii.
 
26 Namni abbaa isaa saamu, haadha isaas kan manaa ariʼu,
ilma qaanii fi salphina fiduu dha.
 
27 Yaa ilma ko, mee qajeelfama dhaggeeffachuu dhiisi;
ati dubbii beekumsaa irraa ni baddaa.
 
28 Dhuga baʼaan faayidaa hin qabne murtii qajeelaa tuffata;
afaan hamootaa immoo hammina liqimsa.
 
29 Qoostotaaf adabbii,
dugda gowwootaatiif immoo rukuttaatu qopheeffama.