21
Yaadni mootii akkuma yaaʼaa bishaanii harka Waaqayyoo keessa jira;
innis garuma fedhetti qajeelcha.
Karaan namaa hundinuu ija ofii isaa duratti qajeelaa itti fakkaata;
Waaqayyo garuu yaada namaa madaala.
 
Fuula Waaqayyoo duratti aarsaa caalaa,
waan qajeelaa fi sirrii taʼe hojjechuutu fudhatama qaba.
 
Iji of jajuu fi garaan of tuuluu maasii hamootaa
kan hin qotaminii dha;
innis cubbuu dhala.
 
Karoorri nama tattaaffatuu buʼaa argamsiisa;
namni ariifatu garuu ni hiyyooma.
 
Qabeenyi arraba sobuun argamu,
urrii bittinnaaʼee baduu fi kiyyoo duʼaa ti.
 
Sababii isaan waan qajeelaa hojjechuu didaniif,
fincilli hamootaa isaanuma balleessa.
 
Karaan nama balleessaa qabuu jalʼaa dha;
amalli nama qulqulluu garuu qajeelaa dha.
 
Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa,
golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
 
10 Namni hamaan jalʼina dharraʼa;
ollaan isaa gara laafina tokko iyyuu isa irraa hin argatu.
 
11 Yeroo namni qoosu tokko adabamutti,
wallaalaan ogummaa argata;
namni ogeessi yeroo gorfamutti beekumsa argata.
 
12 Namni qajeelaan mana hamootaa qalbeeffatee ilaala;
hamootas ni balleessa.
 
13 Namni tokko yoo iyya hiyyeessaatiif gurra kennuu dide,
innis ni iyya; deebiis hin argatu.
 
14 Wanni dhoksaadhaan namaaf kennan aarii qabbaneessa;
mattaʼaan harka bobaa jalaatiin kennanis
dheekkamsa guddaa gab godha.
 
15 Murtii qajeelaa kennuun qajeeltotaaf gammachuu kenna;
hamootatti immoo raafama fida.
 
16 Namni karaa hubannaa irraa badu kam iyyuu
waldaa warra duʼaniitti dabalama.
 
17 Namni qananii jaallatu ni deega;
kan daadhii wayiniitii fi zayitii jaallatu immoo hin sooromu.
 
18 Namni hamaan nama qajeelaadhaaf,
kan hin amanamne immoo nama tolaadhaaf furii taʼa.
 
19 Niitii nyakkiftuu fi kan daftee aartu wajjin jiraachuu mannaa,
gammoojjii keessa jiraachuu wayya.
 
20 Mana nama ogeessaa keessa qabeenya gatii guddaatii fi zayitiitu jira;
gowwaan garuu waan qabu hunda nyaatee fixa.
 
21 Namni qajeelummaa fi jaalala duukaa buʼu,
jireenya, badhaadhummaa fi ulfina argata.
 
22 Namni ogeessi magaalaa nama jabaatti baʼee
daʼoo jabaa inni amanatu jalaa diiga.
 
23 Namni afaan isaatii fi arraba isaa eeggatu,
balaa irraa of eega.
 
24 Nama of jajuu fi of tuulu maqaan isaa, “Qoostuu dha;”
inni akka malee koora.
 
25 Sababii harki isaa hojii hojjechuu hin jaallanneef,
hawwiin nama dhibaaʼaa duʼa isatti fida.
26 Inni guyyaa guutuu kajeela;
namni qajeelaan garuu utuu hin qusatin kenna.
 
27 Aarsaan nama hamaa balfamaa dha;
yoos yoo inni yaada hamaadhaan dhiʼeesse
hammam sana caalaa haa balfamu ree!
 
28 Dhuga baatuun sobaa ni bada;
namni isa dhagaʼu kam iyyuus bara baraan bada.
 
29 Namni hamaan ija jabaata;
namni tolaan garuu karaa isaa qajeelfata.
 
30 Ogummaan, hubannaanii fi karoorri
Waaqayyoon mormee milkaaʼuu hin jiru.
 
31 Fardi guyyaa waraanaatiif qopheeffama;
moʼichi garuu kan Waaqayyoo ti.