20
Daadhiin wayinii nama qoostuu,
dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha;
namni isaaniin fudhatamus ogeessa miti.
 
Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti;
namni isa aarsus lubbuu ofii isaa dhaba.
 
Lola irraa fagaachuun ulfina;
gowwaan hundi garuu lolatti ariifata.
 
Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu;
kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee
homaa hin argatu.
 
Yaadni qalbii namaa akkuma bishaan gad fagoo ti;
hubataan namaa garuu ni waraabbata.
 
Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata;
nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?
 
Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata;
ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.
 
Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti,
waan hamaa hunda ijuma isaatiin gingilchee addaan baasa.
 
Eenyutu, “Ani garaa koo qulqulleeffadheera;
ani qulqulluu dha; cubbuus hin qabu” jechuu dandaʼa?
 
10 Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa
lamaanuu Waaqayyo ni balfa.
 
11 Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi
qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.
 
12 Gurra dhagaʼuu fi ija argu,
lachanuu Waaqayyotu uume.
 
13 Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin;
midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu.
 
14 Namni waa bitatu, “Wanni kun gaarii miti;
wanni kun gaarii miti!” jedha;
ergasii immoo dhaqee waaʼee waan bitate sanaa boona.
 
15 Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira;
arrabni beekumsa dubbatu garuu faaya gatii guddaa ti.
 
16 Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu;
yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
 
17 Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa;
dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta.
 
18 Gorsaan karoora baafadhu;
qajeelfama ogummaatiin waraana bani.
 
19 Hamattuun icciitii baafti;
kanaafuu odeessituu wajjin tokkummaa hin qabaatin.
 
20 Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare,
ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
 
21 Dhaalli jalqabumatti dafee argame
dhumni isaa eebba hin qabaatu.
 
22 Ati, “Yakka ati hojjette kanaaf
ani gatii kee siifin kenna!” hin jedhin;
Waaqayyoon eeggadhu; inni si baasa.
 
23  Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa;
safartuu sobaattis hin gammadu.
 
24 Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama.
Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?
 
25 Namni utuu itti hin yaadin,
“Wanni kun Waaqaaf qulqulleeffameera” jedhee
ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.
 
26 Mootiin ogeessi hamoota gingilchee addaan baasa;
geengoo ittiin midhaan dhaʼan illee isaan irra oofa.
 
27 Ibsaan Waaqayyoo hafuura namaa sakattaʼa;
inni keessa namaa illee isumaan qora.
 
28 Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu;
teessoon mootummaa isaas jaalalaan eegama.
 
29 Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti;
arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti.
 
30 Abootteen nama madeessu hammina nama irraa qulqulleessa;
garaffiin immoo keessa namaa geeddara.