Fakkeenya Solomoon Dabalataa
25
Fakkeenyawwan kunneen fakkeenyawwan Solomoon kanneen namoonni Hisqiyaas, mooticha Yihuudaa garagalchanii dha:
Waa dhoksuun Waaqaaf ulfina isaa ti;
waa sakattaʼanii bira gaʼuun immoo ulfina moototaa ti.
Akkuma samiiwwan ol dheeratanii
laftis gad fagaatu sana, yaadni moototaa qoratamee bira hin gaʼamu.
 
Meetii irraa xurii baasi;
ergasii tumtuun qodaa tolchuu dandaʼa.
Nama hamaa fuula mootii duraa balleessi;
ergasii teessoon isaa qajeelummaadhaan ni jabaata.
 
Fuula mootii duratti ol of hin qabin;
iddoo namoota gurguddaas hin dhaabatin;
inni fuula namoota bebeekamoo duratti si salphisuu irra,
yoo inni, “As ol kottu” siin jedhe wayyaa.
 
Ati waan ija keetiin argite,
daftee mana murtiitti hin fidin;
yoo ollaan kee si qaanesse,
dhuma irratti ati maal gochuu dandeessa?
 
Dhimma kee ollaa kee wajjin falmadhu;
iccitii nama kaanii immoo hin baasin;
10 yoo kanaa achii namni waan sana dhagaʼee si qaanessa;
maqaan hamaan siif kenname sunis sirraa hin baʼu.
 
11 Dubbiin yeroo isaatti dubbatame,
akkuma hudhaa warqee kan meetii irratti hojjetamee ti.
12 Ifanni nama ogeessaa gurra dhaggeeffatuuf,
lootii warqee yookaan faaya warqee qulqulluu ti.
 
13 Ergamaan amanamaan tokko warra isa ergataniif
akkuma qabbana cabbii kan yeroo midhaan haamanii ti;
inni hafuura gooftota isaa haaromsaatii.
14 Namni kennaa namaaf hin kennineen boonu tokko
akkuma duumessaa fi bubbee bokkaa hin qabnee ti.
 
15 Obsaan bulchaa tokko garaa laafifachuun ni dandaʼama;
dubbiin malaan dubbatame lafee ni cabsa.
 
16 Damma yoo argatte hamma si gaʼu nyaadhu;
yoo baayʼiftee nyaatte ni diddigda.
17 Mana ollaa keetii dhaquu hin baayʼisin;
yoo ati miilla itti baayʼifte inni si jibba.
 
18 Namni sobaan ollaa isaatti dhugaa baʼu, akkuma bokkuu yookaan
goraadee yookaan xiyya qara qabuu ti.
19 Nama hin amanamne tokko yeroo rakkootti abdachuun
akkuma ilkaan cabee yookaan miilla okkoluu ti.
20 Nama garaan isaa gaddeef sirba sirbuun
akkuma nama guyyaa dhaamochaa wayyaa of irraa baasuu,
yookaan madaa irratti dhangaggaaʼaa dhangalaasuu ti.
 
21 Yoo diinni kee beelaʼe waan inni nyaatu kenniif;
yoo inni dheebotes bishaan inni dhugu kenniif.
22 Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta;
Waaqayyos si badhaasa.
 
23 Akkuma bubbeen kaabaa bokkaa fidu,
arrabni hamatus fuula dheekkamu fida.
 
24 Niitii nyakkiftuu wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaa,
golee bantii manaa irra jiraachuu wayya.
 
25 Oduun gaariin biyya fagootii dhufu,
akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu dheebotteef taʼuu ti.
26 Namni qajeelaan fuula hamootaa duratti kufu,
akkuma burqaa dhoqqaaʼee yookaan boolla bishaanii faalame tokkoo ti.
 
27 Damma baayʼee nyaachuun gaarii miti;
ulfina mataa ofii barbaaduunis ulfina miti.
 
28 Namni of hin qabne,
akkuma magaalaa dallaan isaa diigamee ti.